Leenjistoota ispoortii kan ta'an abbaan warraafi haati warraa garaagarummaa torban sadiitiin du'an

Gareen tapha Kirikeetii biyya Zaambiyaa du'a leenjiiftoota garee biyyaaleessaa fi haadha warraafi abbaa warraa turan, garaagarummaa torba sadiitti mudateen gaddaa jira.
Haatii warraafi abbaan warraa kunis waliin ijoollee lama godhatanii ture.
Sinikiwe Mpofu dubartii umuriin waggaa 37 yoo taatu, ittaantuu leenjiiftuu garee biyyaaleessaa dubartootaa turte.
Isheenis Amajjii 7, 2023 erga ''akka tasaa'' mana sheetti of wallaaluun himamuun dhaabbata fayyaa geeffamteei du'usheetu himame.
Oggeettiin maqaa masoo ''Sneeze'' jedhamuun beekamtu tunis, laanjiisaa damee dhiiraa kan ta'e lammii Zimbaabwe Isteefard Makunuraatti heerumte turte.
Haata'u malee innis Mudde 15, 2022 erga yeroo baayyeef dhukkubsataa tureen booda umurii waggaa 46tti du'aan boqate.
Sinikiwe Mpofuun qaama garee tapha idil-addunyaa dubartootaa jalqabaa (Lady Chevrons' first-ever international ) Mudde 2006 tapachuun seenaa hojjateetti.
''Duutii Sinikiwe gadda guddaa nutti umeera'' jedhan kaapiteeniin garee dubartoota biyyatti, Meerii-Anne Musondaa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Isheenis yeroo hunda gammachuufi seequun ishee hedduuf jajajbina ture.''
Ibsi Kirikeetii Zaambiyaan bahe akka jedhutti, isheenis sadarkaa ollaatii kaastee hanga sadarkaa biyyaaleessatti qaama guddina tapha kirikeetii biyyattii turte.
Sinikiwe Mpofuun qaama garee tikinikaa gareen dubartoota kirikeetii Zimbaabwe Afriikaa keessatti fi sadarkaa idil-addunyaatti maqaa gaarii akka horatuuf taasisanii turan.
''Duutii namoota si'oomtoota baayyee jaalataman nurraa fudhte'' jechuun gadda itti dhagahame ibsan Daareektarri hoggansa Kirikeetii Zimbaabwe, Givemore Makoni.
Kana malee haadha hunda jaalattu turtes jedhan. ''Odduu gaddaa torbanoota abbaan warraa ishee du'eetti dhagahameekun, keessattuu ijoollee isaanii kichuutti, maatiiwwan isaanii, hiriyootaa fi hawaasa kirikeetii hundaaf gadda cimaadhas jedhan.
Haatiifi abbaan warraa kunneenis biyyatti keessatti leenjiisummaafi sagantaalee baasuudhaa garicha keessatti waggaa hedduuf kan tajaajilan ta'un barameera.












