Abbaan carraa lootarii qaammee abbaa birrii miiliyoona 16 injifate hin baramne- Bulchiinsi Lootarii Biyyaalessaa

Asxaa Bulchiinsa Lotarii Biyyaalessaa

Madda suuraa, Ethiopian Lottery Administration SM page

Lotarii Qaammee kan abbaa birrii miliyoona 20 jala butii ALI bara 2016 bahu keessaa, namni lotarii abbaa miliyoona 16 injifate hanga ammaa akka hin argamne Bulchiinsi Lotarii Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.

Lotariin carraa 1ffaa birii miliyoona 20 argamsiisu hanga gaafa Kamisaa, Onkoloolessa 26tti, abbaansaa kan hin baramne akka tureefi carraa kana keessaa namni carraa tikeeta tokko kan birrii miliyoona 4 qabu mo'ate gaafa Kamisaa barame.

Bulchiinsa Lootarii Biyyaalessaatti Daariktara Kominikeeshinii kan ta’an Obbo Teediroos Niwaay BBC'tti akka himanitti, namni carraa birrii miliyeena 20 keessaa miliyoona afur mo'ate jiraataa Finfinnee akka ta'eefi abbaan carraa birrii miliyoona 16 injifate ammayyuu hin baramin jira.

"Bulchiinsi Lotarii Biyyaalessaa waggaatti lotariiwwan heddu gaabaf dhiyeessa. Keessumaa Lotariin Inquxaaxashii [Qaammee] Lotariiwwan gurguddaa keessaa tokko ta'ee carraa 1ffaan birrii miliyoona 20 kan baadhaasu yoo ta'u jala bultii bara haaratti gaafa Qaammee 6, 2015 bahee ture.

"Hanga kaleessatti [Onkoloolessa 26]tti abbaan carraa birrii miliyoona 20 hin dhufne ture. Haa ta'u garuu tikeettiwwan shan keessaa abbaan tikeeta tokkoo birrii miliyoona afur argate kaleessa dhufee ture," jedhan.

Obbo Teediroos akka jedhanitti abbaan carraa miliyoona afur argate kun Geetinnat Isheetuu yoo jedhamu, jiraataa magaala Finfinnee nannoo Carqoos jedhamuun beekamuuti.

Abbaan nuusa lotorii abbaa birrii miliyeena 20 mo'ate kun Obbo Geetinnat konkolaachisaa yoo ta'u, hojiif gara Kibba Itoophoyaa yoo imalu magaala Tullu Boollotti tikeeta lotarii kana kute.

Abbaan miliyoona 16 injifate ammayyuu hin baramne

Lotariin Qaammee badhaasa birrii miliyoona 20 argamsiisu kun tikeeta shan qabu yoo ta'u tokkoonsaa birrii miliyeena afur kan argamsiisudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jiraataa Finfinnee kan ta'an Obbo Geetinnat kan injifatan tikeetiwwan lotarii shanan keessaa tokko yoo ta'u, abbaana tikeeta lotarii afur kan miliyoona 16 baasu harkaa qabu ammayyuu akka hin argamne ibse Bulchiinsi Lotarii Biyyaaleessa.

Obbo Geetinnat magaala Tullu Boollottiti tikeeta lotarii kana waan kutaniif namni miliyoona 16 injifate carraan achuma Tullu Boolloo ta'uusaa bal'aa akka ta'e ibsu Obbo Teediroos.

"Namoonni ykn namni tikeetii afran qabatee jiru jiraataa Tulluu Boollooti jechuudha. Nutis isa eegaa jirra," jechuun carraan erga bahee booda tikeeticha gurgurtaaf eessatti akka raabsame waajjirrisaanii bira gahuu akka danda'u himan.

Akka isaan jedhanitti lotariin erga baheen booda abbaa carraa sana ji'a jahaaf akka eeganiifi guyyaan kaa'ame dabarraan carraan bahe sun mootummaaf akka deebi'u himan.

"Ji’a Ja’aaf eegna. [Abbaa carraa kana] hanga Bitootessa 30tti ni eegna. Yoo hanga sanatti hin argamne, maallaqni badhaasa kanaaf qophaa’ee gara waajjirichaati deebi’a.

Seenaa waajjira keenya keessatti, namni yeroon ka’amee xumuramuun dura guyyaa walakkaa dursee dhufee badhaasa isaa argate jira. Namoonni yommuu ji’i tokko hafu dhufan, ji’a sadii ykn afur turanii dhufan jiru," jedhan.

Walumaa galatti tikeetiwwan lotarii miliyeenni 2 maallaqa birrii miliyeena 200 baasu raabsamuu kan himan Obbo Teediroos bara darbe qofa gurgurtaa lotariirraa galiin birrii biliyeena lama argamuu ibsan.