Waggaa 25ffaa waliigaltee Aljeersirratti Itoophiyaafi Eertiraaf waamichi dhiyaate

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaafi Eertiraan wal waraansa hamaa booda biyyoota ollaa walabumma walii eeganii bulan ta'uuf waliigaltee Aljeers erga mallatteessanii waggaa 25 guute.
Komishiniin Gamataa Afrikaa ibsa guyyaa kana yaadachuun baaseen biyyootni lamaan wantoota waliigaltee Aljersi jalatti tole walii jedhan kabajuf murannoosaanii akka haaressan waamicha godhe.
Komishinarichi Mahmuud Alii Yuusuuf biyyootni lamaan qajeeltoo waliigaltichaan ''mariifi ollummaa gaarii akka daandii takkattii gara ollummaa gaarii waaraa ta'eetti geessutti fudhachuu qabu'' jechuun waamicha dhiyeessan.
Waggaan 25ffaa waliigalteen araaraa biyyoota ollaa duran qaama tokko turan gidduutti mallatteeffame kun yaadatamaa kan jiru wayita biyyoota lamaan gidduu muddamni hammatettidha.
Waliigalteen Aljersi mallattaa'uu booda waggoota dheeraa turan keessatti waraanni hin jiraatiin malee hanga Ministirri Muummee Abiy Ahimad bara 2018 aangoo qabatanitti hariiroon ollummaa gaariin hin ture.
MM Abiy ifatti Eertiraa wajjin nagaan akka deebi'u dhiibbaa godhaniin yeroo gabaabaa keessatti pirezidant Isaayyaas waliin michummaa tolfatanii ture. Mummichi Ministiraas Badhaasa Noobeelii Nagaa addunyaa akka mo'atan sababa ta'eera.
Hariiroon kun Kaaba Itoophiyaatti hanga TPLFn waliin loluutti fulla'us adeemsa waraana kana goolabuu keessatti adda cite.
Amma biyyootni lamaan muddama biraa keessa seenaniiru.
''Tasgabbiin Gaanfa Afrikaafi naannoo Galaana Diimaa, nageenyi uummatichaa, wal-amantaa cimsuuf yaalii walirraa hin cinne gochuu, waltumsuu jabeessuufi wantoota nageenya waloo booressan hammeessurraa booda jechuurratti hundaa'a'' jedhan Mahmuud Alii Yuusuuf.
Komishiiin Gamtaa Afrikaa nagaa, misoomaafi daangaarratti wal tumsuurratti Itoophiyaafi Eertiraa gargaaruuf qophii ta'uus ibsan.
Yaaliiwwan kamuu qaxanaa kanatti tasgabbii dabaluufi qajeeltoo Gamtaa Afrikaa raawwachuu dandeessisu raawwachuuf murannoo qabus ibsaniiu.
Hegeree nageenya, michummaafi galma waloon guute qabaachuuf biyyoota lamaan cinaa akka dhaabatus ibsa Dilbata Mudde 14, 2025 baasaniin beeksisan.
Waliigalteen kun akka dhugoomu gumaacha mootummaafi uummatni Aljeeriyaa taasiseef galata qaban ibsaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummootni Kaanadaa, Jappaan, Noorweey, Tuurkiyeefi Yunaayitiid Kiingidam yaadannoo waggaa 25ffaa waliigaltee Aljeersi kana ilaalchisee ibsa waloo baasaniin kabajamuu waliigaltee kanaaf deeggarsa akka godhan ibsan.
Bu'uura waliigaltichaan daangaan biyyoota lamaanii sararame akka kabajamu walabaummaafi tokkummaan daangaa biyyoota lamaaniis akka kabajamu kan tumsan ta'uu biyyootni kun ibsaniiru.
''Dhibdeen fi muudamni kamuu karaa nagaafi dippiloomasiitiin furamuu qaba'' jedhaniiru.
Guyyoota muraasa dura dhimmuma kanarratti ibsa kana baraasan Barreessaa Olaanaan Biyyoota Biyyoota Gamatoomanii Antooniyoo Gutaareez amma wayita muddamni dhalateetti biyyootni lamaanmul'ata nagaa waaraa fiduutti akka jabaatan waamicha dhiyeessaniiru.
Waliigalteen Aljeersi Mudde 12 bara 2000 ministira muummee itoophiyaa duraanii Obbo Mallas Zeenaawii fi Pireezidantii Eertiraa Isaayyaas Afeworqii gidduutti jaarsummaa Aljeeriyaatiin mallatteeffame.
Bu'uura waliigaltee kanaan komishiniin daangaafi beenyaa walaba ta'e akka dhaabbatu taasifame.
Komishiniin miseensota 5 qabu kun qorannoo erga taasisee booda daangaan wal-dhabdeen irratti uumame biyya kamiif akka malu akka murteessu waliigalteerra gaahame.












