Keeniyaan eebba Hidha Haaromsaarratti argamuutti 'mufadhe' jette Masriin

Pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo

Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo sagantaa eebba Hidha Haaromsaa Guddicha irratti argamuun yeroo haasaa taasisan

Pireezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo eebba hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa irratti argamuutti mufachuu Keeniyaatti Ambaasaaddarri Masrii Haatem Yuusrii Hosnii dubbachuun gabaafame.

Af-yaa'iin paarlaamaa Keeniyaa Muusees Watangulaa ambaasaaddara kana simatanii wayita dubbisan Abbayyaa waliin walqabatee ''yaaddoon kamiyyuu'' yoo jiraate ''Itiyoophiyaa qofa'' osoo hin taane biyyoota yaa'ichaa hunda waliin mariyachuu qabdi jedhaniiru.

Akka gabaasa miidiyaalee Keeniyaatti, walga'ii Af-yaa'ii Paarlaamaa Keeniyaa Watangulaa fi Ambaasaaddara Masrii Hosnii gidduutti ALI Roobii Fulbaana 14, 2017 gaggeeffameen dhimmoota bal'inaan mari'ataman keessaa tokko dhimma bishaan Abbayyaa yoo ta'u, kunis madda waliigaltee dhabuu Kaayiroo fi Finfinnee gidduutti ta'ee ture.

Ambaasaaddarri Masrii Hidha Haaromsaa guddaa Itoophiyaan torbee lama dura eebbiste mufannaa qaban ibsaniiru. Ambaasaaddar Hosniin ijaarsi Hidha Haaromsaa "seera idil-addunyaa kan faallessuu fi bu'uura seeraa diriire kan hin kabajne ta'uu"himan jedha gaazexaan Keeniyaa The Star jedhamu.

Ambaasaaddarichi itti dabaluudhaan waliigaltee dirqisiisaa mirga biyya ishee eeguu fi bishaan laga Abbayyaa haqaan itti fayyadamuu mirkaneessuuf waggoota kurnan oliif yaalii gochaa turte jedhan.

Jilli Masrii, "fakkeenyaaf, Pirezidaanti Doonaald Tiraamp yeroo jalqaba aangoo qabatanii ture, marii yeroo dheeraa booda Waashingitanitti waliigaltee mallatteessuuf qophii turre. Dhumarratti garuu Itiyoophiyaan irratti hirmaachuu hin dandeenye. Ijaarsa hidha kanaa xumuruuf yeroo bitachaa turan" jechuun himate.

Masriin biyyoonni yaa'a laga Abbayyaa hundi bishaan kana fayyadamuun humna ibsaa maddisiisuudhaaf mirga qaban akka kabajju ibsiteetti jedha gabaasichi. Haa ta'u malee, Ambaasaaddar Hosniin, Keeniyaan eebba Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaarratti hirmaachuu isheetiin Masri mufannaa akka qabdu ibsaniiru.

Pirezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon sirna eebba Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa gaafa ALI Qaammee 4/2017 gaggeeffame irratti "keessummaa kabajaa" ta'aniiru. Pireezidaantii Keeniyaatiin alattis hoggantoonni biyyoota Somaaliyaa, Jibuutii, Sudaan Kibbaa, Barbaadoos, fi Dura taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahmuud Alii Yuusufis argamaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidaantiin Keeniyaa sirna eebbaa irratti argamuun haasaa taasisanii turaniin, "Hidhi Haaromsaa Guddichi pirojektii biyyaalessaa qofa osoo hin taane agarsiiftuu Paan Afrikaatis," jechuun jajanii ture.

Keeniyaan anniisaa elektirikii hidhi kun maddisiisu bitachuuf Itoophiyaa waliin waliigaltee mallatteessuuf qophii ta'uus himanii ture.

Guyyaa kaleessaa, Fulbaana 24, ambasaaddarri Masrii Hosniin Afa Yaa'ii paarlaamaa Keeniyaa wajjin wal-arguun, Wiiliyaam Ruutoo sagantaa eebba Hidha Haaromsaa Itoophiyaarratti argamuutti Masriin akka hin gammanne himan.

"Keeniyaan qophicharratti argamuunshee nu mufachiisee ture. Biyyoota yaa'a [laga Naayil] keessaa kan argame tokkollee hin turre. Keeniyaa qofaatu argame. Jibuutifi Somaaliyaan yaa'a Naayil keessa hin jiran," jechuusaanii gaazexeessichi ibse.

Dabaluunis, "[Keeniyaan] hidha Itoophiyaarraa fayyadamuunshee nu hin miidhu. Rakkoon Itoophiyaa waliin qabnu anniisaa elektirikii maddisiisuu waliin wal-hin qabatu, bishaan Naayil malee," jechuun Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan gidduutti mariin gaggeeffamee waliigalteen seera idiladdunyaan deeggarame akka taasifamuu akka qabus himna qondaalli Masirii kun.

Barruun The Star jedhu gabaasuma wal-fakkaataa baasen, Afayaa'iin paaraalaamaa Keeniyaa Moosaas Wataangulaa, "Nuti isin Masirii akkasumas biyya ollaa keenyaa Itoophiyaa waliin rakkoo hin qabnu, inumaayyuu anniisaa elektirikii isaan [Itoophiyaarraa] waan fudhannuuf nuti hidhicharraa fayyadamoodha.

Pirezidaant [Wiiliyaam Ruutoo] akkuma dhiyeenya dubbatan, Masiriin dhimma Naayil irratti yaaddoo yoo qabaatte, Itoophiyaa qofaarratti hin xiyyeeffatinaa. Hundumaa gara mariitti fidaatii rakkoolee waliin furuuf waliin taanee wal-gargaarraa," jechuun qondaala Masiriitti himuu gabaase.

Dabaluunis, walitti bu'iinsi Itoophiyaa waliin yoo jiraate, Gaanfa Afrikaa balarra akka buusus fuula miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaatti barreessan qondaalli Keeniyaa kun.

"Keeniyaa karaa Haroo Viktooriyaa bishaan laga Naayiliif waan gumaachituuf Afrikaan rakkooshee wal-tumsuufi yaada furmaataa kan Afrikaa ta'een furuuf dandeettii akka qabdu [Keeniyaan] ni amanti," jechuun barreessan Moosas.

Dabaluunis Keeniyaan biyyoota lamaan: Itoophiyaafi Masirii walitti fiduun mariisisuuf gahee jaarsummaa bahuuf qophii ta'uus ibsan qondaalli Keeniyaa kun.