Dorgommiin liigii Olaanoo Oromiyaa jalala Naqamteen kubbaa miilaaf qabdu ifa baase

Madda suuraa, Oromia Football Federation
Oromiyaa keessatti kubbaan miilaa sababa dorgommii liigii olaanoo dadammaqaa jira.
Liigiin Olaanoo dorgommii isa olaanaa kilaboota Oromiyaa keessa jiran gidduutti gaggeefamu yeroo ta'u waggoota sadan darban dorgommichi caaseffamasaa jijjiiruun kilaboota 32 gidduutti magaalota Oromiyaa aafur kessatti dorgomamaa jira.
Dorgommiin ALI bara 2016 marsaa jalqabaan magaalota Lixaa fi Kibba Oromiyaa kana ta'an Naqamtee fi Baalee Roobeetti gaggeefamuu erga eegalee torban lama darbeera.
Dorgommiiwwan gaggefamaa jiran kun haala amma dura hin baratamneen deeggarsa horachaa jiru. Miidiyaalee hawaasaarrattis mata duree ta'uun alatti Istaadiyoomiiwwan daawwattoota kumaan lakkaawaman keessummeessaa jiru.
Dorgommiin kilaboota gidduugalaa fi Lixa Oromiyaa keessa jiran kilaastar tokkotti walitti qabe magaala Naqamteetti gaggeefamaa jiru haala ho'aan daawwattoota istaadiyoomii seenan ''amanuuf nama rakkisu'' hawwachuun gagggeefamaa jiraa jechuun hojjetaan kominiikeeshinii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaa Obbo Yaadataa Dhugumaa BBCtti himaniiru.
Dorgommiin kun Federeeshinii Kubbaa miilaa Oromiyaan kan qophaa'uudha. Federeeshinichi haaromsa bara sadii dura taasiseen waggaatti dorgoommiilee Liigii Olaanoo Oromiyaa fi Liigii tokkoffaa Oromiyaa jedhaman qopheessaa akka jiru hogganaan federeeshinichaa Obbo Firoomsaa Laggasaa BBCtti himaniiru.
Liigiin Olaanoo Oromiyaa kilaboota irra hedduun isaanii kan bulchiinsota magaalaa ta'an 32 ramaddii lamatti qoodee hirmaachisa. Dorgommi marsaa lama qabuun kilabni tokko waggaatti dorgommiiwwan 30 taasisa.
Kunis kilaboota Oromiyaa bakka bu'anii shaampiyoonaa kilaboota biyyaalessaarratti hirmaatan dorgomtoota jaboo akka ta'an, taphattootni gahumsa isaanii akka dabalan gargaaraa jiraa jedhu Obbo Yaadataan.
Obbo Firoomsaan ammoo ''dorgommiin kun dhugumatti qulqullina kilabootaa dabalaa jiraachuusaa argaa jirra'' jedhan.
Tapha ramaddii A kilaboota akka Gimbii, Sabbataa, Gincii Gullisoo fi shaampiyoonaa bara darabee Dambidoolloo fa'aa of keessaa qabu tapha marsaa jahaaffaa gaheen Gimbiin qabxii 16 dursaa jira.
Liigii tokkoffaarra kan ol guddate Gullisoon gahumsa gaarii agarsiisaa jiruun jajamaa jiraa jedhu Obbo Yaadataan.
Tapaha Rammaddii B kilaboota 15 hirmaachisu ammoo hanga tapha torbee arfaffaatti Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaatu dursa.
Dorgommiin Liigii Olaanoo Oromiyaa kan marsaa jalqabaa kun magaalaalee Naqamtee fi Roobeetti ji'a tokkofi torban lamaa oliif gaggeefmaa erga turee booda boqonnaa ji'a tokkoo booda magaalatoa Buraayyufi Sabbataatti itti fufa.

Madda suuraa, Oromia Football Federation
'Daawwataan kubbaa Naqamteetti argine Itoophiyaa keessatti mul'atee kan beeku natti hin fakkaatu'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dorgommii magaalaa Naqamteetti gaggeefamaa jiru hordofuuf achitti kan argamu Obbo Yaadataan ''isuma dhugaa dubbachuuf haalli deeggarsaa magaalaa Naqamtee Itoophiyaa keessattuu mul'atee waan beeku mitii'' jedha.
Uummatni magaalaa Naqamtee ganamarraa qabee gatii tikkeetaa kaffalee hanga galgalaatti naamusaan deeggaree bahaa jira jedhu Obbo Yaadataan.
''Midhagina dorgommichaa ta'anii jiru. Namni hunduu kubbaa jaalatu, seera Kubbaa miilaa ni beeku. Taphattootnis cimina isaanii agarsiisaa jiru.''
Hoogganaan Federeeshinichaa Obbo Firoomsaan ammoo dorgommii magaalaa Roobitti godhamu hordofuuf garas jiru.
Dawwataan magaalaa Roobee sababa sassaabbii omisha qonnaafi kaaniin akka isa kan Naqamtee ho'aa ta'uu baatullee haala gaariin gaggeeffaamaa jiraachuu himaniiru.
Obbo Yaadataan uummatni magaalaa Naqamtee kumootaan lakkaawamu guyyaa guyyaan istaadiyoomiitti argmuun itti bohaaraa jiruu jedhan.
Dabalataan ammoo magaalittii keessa keessumootni dorgommii kanaaf jecha deeman gara 1000 ta'an hawaasa magaalittii wajjiin jaalalaan dabarsaa jiruu jedhan. Konkolaachiftootni baajaajii dorgomtoota kanfaltii malee yeroo deddeebisan taajjabuus himan.
''Ummatni magaalaa Naqamtee guyyaa jalqabaa irraa kaasee keessumoota bahee simate, jaalala guddaa itti argisiisan, kabajni agarsiisan kana jedhamee kan ibsamu miti.''

Madda suuraa, Oromia Football Federation
Rakkoon nageenyaa danqaa uume hin qabu?
Dorgomtootni ramaddii A jala jiraniif amma magaalaa Naqateetti dorgomaa jiran kutaalee Oromiyaa sochiin hidhannoo keessatti adeemsifamurraa dhufan.
Magaalan Naqamtees kutaalee namni yaaddoo nageenyaa jala jirti jedhee yaadu keessaayi.
Haata'u malee dorgomtootni daandii dheeraa qaxxaamuranii hanga magaalaa Namqatee galanitti, achiis turtiisanaii hanga ammaan yaaddoon nageenyaa tokkottuu danqaa akka hin uumne hoji gaggeessaan Federeeshinichaa himaniiru.
''Kubbaa miilaaf nageenya waaraatu jira'' kan jedhan Obbo Firoomsaan komiin hanga ammaa nageenya wajjin walqabatee qaama kamiinuu dhiyaate akka hin jirree himaniiru.
''Wanti oduun dhagahaniifi wanti qabatamatti argan kan wal hin fakkaanne ta'uu taphattootni, komishinarootnifi jilli dorgommii kanaaf dhufe yeroo dubbatan nan dhagaha'' jedhan Obbo Yaadataan.












