Kaamalaa Haaris: Seenaa jireenyashee suuraan

Kaamalaa Haaris

Madda suuraa, Getty Images

Kaamalaa Devii Hariis Onkoloolessa 20 bara 1964 Oaklaand, Kaaliforniyaa keessatti warrashee godaantota irraa dhalatte. Haadha ishee dhalattuu Indiyaa Shiyamaalaa fi abbaanshee dhalootaan Jaamaayikaa ta'e Doonaald jdhamurra dhalatte.

Kaamalaan obboleettii quxisuu Maayaa jedhamtu qabdi.

Kaamalaa Hariis wayita mucaa xiqqoo turteetti haadhashee waliin gulantaa manaarra taa'anii

Madda suuraa, Kamala Harris / X

Kaamalaa Hariis ijoollummaashee laaboraatoorii haadha ishee Berkeley, Kaalifoorniyaa keessatti suuraa kaate. Riifeensashee shurruubbaa hojjattee kaameeraatti kolfaa osoo jirtuu suuraa kaate.

Madda suuraa, Reuters

Abbaafi haatiishee wayita isheen intala waggaa torbaa jirtu wal hiikan. Kunis erga abbaan ishee Yunivarsiitii Istaanfoord keessatti hojii argataniin yeroo muraasa booda ture. Kaamalaafi obbooleettiin ishee Maayaan yeroo isaanii mana lamaan gidduutti dabarsaa turan.

Warri lamaan sochii mirga lammiilee keessatti sochii guddaa kan godhan yoo ta'u, waadaa isaaniin kunis umurii dargaggummaashee irraa kaasee ishee keessatti uumame.

Itti fuftees Yunivarsiitii Hawaard, kolleejjii fi yunivarsiitiiwwan seenaa gurraacha biyyattii keessatti beekamoo ta'an keessaa tokkotti saayinsii siyaasaa fi dinagdee baratte.

Kaamaalaa haaris jaakkeettii gogaa uffattee hiriyaashee waliin duula mirga namoomaa irratti

Madda suuraa, Kamala Harris / X

Haaris hiriyyootashee sadii waliin Yunivarsiitii Hawaard Waashingitan DCtti. Arfan isaanii iyyuu kolfaa fi harka wal hammatanii mul'atu

Madda suuraa, Karen Gibbs

Ibsa waa'ee suuraa, Haaris hiriyyootashee sadii waliin Yunivarsiitii Hawaard Waashingitan DCtti. Arfan isaanii iyyuu kolfaa fi harka wal hammatanii mul'atu
Kaamalaa Haaris kolfaafi rifeensa gabaabaatti murattee gaawoonii ykn uffata eebbaa suuraa kaate

Madda suuraa, Kamala Harris / X

Bara 1990 keessa Kaamalaan hojiishee akka qorattuu yakkaatti Kaaliinfoorniyaatti eegalte.

Isheenis jalalqaba Kaawuntii Alaamedaa keessatti, boodarra ammoo Saan Firaansiskootti haadha seeraa aanaa turte.

Kaamalaa haarii bara 1997tti Kaanfoorniyaa keessatti

Madda suuraa, Getty Images

haatii seeraa aanaa Kamalaa Haaris bara 2005tti yeroo ibsa gaazexeessitootaaf kennitu namoota guddiiftuu sagalee buufata TV qabataniin marfamtee jirti.

Madda suuraa, Getty Images

Bara 2011'tti Haaris haadha alangaa waliigalaa Kaalifoorniyaa ta’uun filatamuun, dubartii jalqabaa fi nama gurraattii jalqabaaisteetii Ameerikaa baay’ina ummataa qabu keessatti haadha seeraa olaatuu ta’uun tajaajilte.

Akkasumas sochii mirga saala walfakkaatu leellisan (LGBTQ+) irratti hoggantuun biyyaalessaa taatee cidha saala walfakkaatan jalqabaa Kaalifoorniyaatti gaggeeffame raawwachiifte.

Haadha Alangaa Waliigalaa Kaalifoorniyaa Kaamalaa Haaris cidha Sandy Stier fi Kris Perry kan Waxabajjii 28, 2013 Saan Firaansisko, Kaalinifooniyaatti gaggeeffame irratti wayita sirna gaggeessitu.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haadha Alangaa Waliigalaa Kaalifoorniyaa Kaamalaa Haaris cidha Sandy Stier fi Kris Perry kan Waxabajjii 28, 2013 Saan Firaansisko, Kaalinifooniyaatti gaggeeffame irratti wayita sirna gaggeessitu.
Kaamalaa Haaris fi Doug Emhoff bara 2015tti qophii waggaa namoota leellftoota saala walfakkaataa Saan Firaasiskoo, Kaalifooniyaa keessatti gaggeeffamu irratti konkolaataa banaa irra taa'anii namoota hedduutti harka isaanii raasan.

Madda suuraa, Getty Images

Haaris bara 2013tti wal qunnamtii jaamaa kan hiriyyaa waliinii tokko qopheesse irratti Daag Emhoff waliin kan wal bare yoo ta'u, waggaa tokko booda wal fuudhan.

Haaris haadha warraa ijoollee Emhoff lamaan Koolii fi Eelaati.

Kamala Harris abbaa warraa ishee Doug Emhoff guyyaa 4ffaa walgahii biyyoolessaa Dimookiraatota Yunaayitid Center Chikaagoo, Illinois, U.S., Hagayya 22, 2024tti hammatte.

Madda suuraa, Getty Images

Akkaataan haadha alangaa isheen ofitti amanamummaa hojii siyaasaa ishee tarkaanfachiiftuu addadha.

Haaluma kanaanis bara 2017tti Kaalifoorniyaatti Senetera taatee filatamuun kutaa dhaddachaa keessatti mallattoo ishee galmeessiteetti.

Kaamalaa Haaris hojiishee haadha seeraa gahumsaa hojjachuun maqaa gaarii uummatte

Madda suuraa, Getty Images

Haaris bara 2020tti pirezidaantii ta'uudhaaf dorgommii ishee isa jalqabaa taasifte. haata'u malee, ilaalchaa fi waltajjii imaammataa ishee ibsuuf rakkachaa waan turteef duulli kun isheef hin milkoofne ture.

Joo Baayidengaruu duula filannoo isaarratti ishee dabaluudhaan gara xiyyeeffannoo biyyaalessaatti ishee deebise.

Kaamalaa Hariis abbaa warraashee waliin

Madda suuraa, Getty Images

Joo Baayidaniif Kaamalaa Haariis lamaanuu maaskii kaawwatanii harka wal qabachuun walitti quba qabaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Joo Baayidaniif Kaamalaa Haariis lamaanuu maaskii kaawwatanii harka wal qabachuun walitti quba qabaa

Erga Baayiden bara 2020 pirezidanti ta'uun injifatee booda, Haaris itti aanaa pirezidaantii taate. Kanaanis ittaantuu pirezidantii dubartii jalqabaa, garraattii Ameerikaa jalqabaa fi Ameerikaa Eeshiyaa Kibbaa jalqabaa aangoo kana qabattee taate.

Kaamalaa Haaris wayita ittaantuu pirezidantii Ameerikaa ta'udhaan waadaa seenaa turteetti.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kaamalaa Haaris wayita ittaantuu pirezidantii Ameerikaa ta'udhaan waadaa seenaa turteetti.

Akka itti aantuu pireezidaantiitti, Haaris godaansa daangaa Ameerikaa fi Meeksikoo irratti to’achuufitti gaafatamummaan itti kennamee ture. haata'u malee garuu qeeqxonni jijjirama qabatamaa hin agarsiifne jedhu.

Kaamaalaan daangaa karaa baqattoonni ittiin Ameerikaa sseenanii irra dowwannaa taasiifte turte

Madda suuraa, Reuters

Itti aanaan pirezidaantii Kamalaa Haaris Amajjii 2024 kilinika Seent Pool, Minneesota keessatti argamu daawwachuu irratti mallattoo mirga walhormaataa falmi jedhu fuuldura dhaabbattee jirti.

Madda suuraa, Getty Images

Mirga ulfa baasuu irratti xiyyeeffannaa kan taasiftu Kaamalaan haala ittaantoota pirezidantiifi pirezidantoota ishee duraan turan irra haala adda ta'en, bara aangoosheetti kilinikii ulfi itti baafamu doowwachuudhaan kan jalqabaa taatee jirti.

Filannoo ammaatiin kaadhimamaa dimokiraatootaa ta'un dhiyaatanii kan ture Joo Baayidan sababii umuriitiin akkuma tasaa Adooleessa keessa dorgommii irraa of adda baasuun, Kaamalaan haala hin eegamneen kaadhimamtuu pirezidantii ta'un dhiyaatan.

Yeroo gabaabaa keessattis dimokiraatonni paartii saaniitiif abdii haaraa kan ta'an Kamaalaa Haaris kaadhimamtu pirezidantii akka taatuuf deeggarsa kennuun duula filannoo itti fufanii turan.

Kamala Harris fi Tim Walz hiriira duula filannoo Filadelfiyaa, Pensilvaaniyaa keessatti gaggeeffame irratti namoota walitti qabamaniin gammachuu isaanii dhaga’ameef deebii kennan. Lamaan isaanii harka wal qabatanii yeroo Walz iskiriinii maqaa isaanii qabu jalatti fiigicha ol kaasu.

Madda suuraa, Reuters

Kaamalaan ji’a Onkololessaa keessa, osoo duula filannootiif bulchiinsa tokkoo kan gara biraatti, magaala tokkoo kan biraatti osoo naannwaa jirtuu ture kan guyyaa dhaloota ishee waggaa 60ffaaf kan xiyyaara Human Qilleensaa Lamma (Air Force Two) irratti kabajattee ture.

Injifannoon Haaris ammas seenaa hojjechuushee kan galmaa'uuf ta'a.Kanaanis Kaamalaa Haaris dubartii jalqabaa pirezidantii 47ffaa US, dubartii gurraattii fi dubartii hidda dhaloota Hindii ta'an keessaa pirezidaantii Ameerikaa ta'uun filatamte.

Kaamalaa Haaris deeggartoota waliin suuraa ofee ka'uudhaaf kolaa 'Norwest Art Gallery Detroit', kan Michigaan keessatti

Madda suuraa, Reuters