Itoophiyaatti ogeessonni fayyaa daa'ima ji'a kudhanii Furtuu balbalaa lama liqimse lubbuu baraaran

Hospitaala Galamsootti taateen Kamisa darbe mudate maatii hedduutti rifaatuu kan uume.
Maatiin daa'ima umriin isaa ji'a 10 ta'e ijoollee xixiqqaa biratti dhiisanii deeman yeroo deebi'anitti mucaan du'aaf jireenya gidduu jira.
Ijoolleen daa'ima kana akka eeganiif biratti dhiifaman daa'imni ji'a kudhanii kuni akka ittiin taphatuuf furtuu balbalaa lama kan walitti hidhamee jiru harkatti itti kennu.
Daa'imni kunis furtuu kana afaan kaa'achuun furtuuwwan kana liqimsuuf yeroo yaalutti qoonqoo keessatti furtuun tokko ulaa qilleensaa, tokkommoo ulaa nyaataa keessatti rakkatee jedhu Ogeessi Yaala Hataattamaa hospitaala Galamsoo Mohaammda Aliyyii.
"Daa'ima kana yeroo maatiin fidanii dhufan daa'imni hafuura baafachuuf rakkateera.
Afaan keessaa gororri akka malee yaa'a. niqufa'a. qorannoo goonee yoo ilaallu furtuun lama ulaa qoonqoo keessatti danqamee jira"
"Garee yaala ariifachiisaa keenya waliin taanee dafnee kutaa baqaqsanii yaaluu seensifnee meeshaan yoo ilaallu furtuun ulaa qilleensaa keessa seenee jira" jedhan.
Tumsa ogeessonni yaala hataattamaa taasisaniin daa'ima ji'a kudhanii kana keessaa furtuun balbalaa lama kan walitti shiboon hidhame baasuun lubbuun daa'ima kanaa baraarame jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Daa'imni knu osoo hataattamaan gara buufata fayyaa dhufuu baatee carraan lubbuun turuu gabaabaa ture kan jedhan Ogeessi fayyaa kuni, maatiin daa'imman umriin isaanii wagga lamaa gadi ta'eef eeggannoo addaa gochuu akka qaban dhaamu.
"Daa'imman ji'a ja'aa hanga wagga lamaa gidduu jiran waan harkaan qaban hunda gama afaanii seensisuun isaan gammachiisa. Wantoota akka saantimaa, haaduu, furtuu fi kaan yoo afaan seenan miidhan jalaa fageessuu qabu" jedhan.
Kana malees daa'imman xixiqqoo eegumsa nama jabaatiin alatti ijoollee biratti dhiisanii deemun daa'imman wantoota naannoo isaanii jiran liqimsuu akka danda'anii fi yeroo rakkoon akkanaa mudatu dafanii gara dhaabbilee fayyaa geessuun barbaachisaa ta'uu eeran.
Meeshaaleen adda addaa daa'imman afaan kaa'atanii liqimsuu danda'an qoonqoo irratti ulaawwan qilleensaa fi kan nyaataa seenuu akka danda.n himuu, meeshaan ulaa qilleensaa yeroo seenu yeroo gabaabaatti miidhaa lubuu geessisuu akka malu eeru.
Taateen daa'imman xixiqqoon meeshaalee adda addaa liqimsuun rakkoo fayyaa fi lubbuu dhabsiisuu danda'u kuni yeroo hedduu irra deddeebiin kan mul'atu waan ta'eef hawaasni xiyyeefannaa akka itti kennus dhaaman.
Daa'imni ji'a kudhanii furtuun balbalaa lama qoonqoo keessaa baafameef kunis yeroo ammaa fayyummaa guutuurra akka jiru ogeessi fayyaa kuni BBCtti himan.















