Akkaataa qilleensa ho'aa keessaatti rafuun danda'amurratti gorsawwan 10

Madda suuraa, Getty Images
Yeroon itti qilleensa ho'aa keessatti rafuu dadhabdan jiraa? Namoonni baayyeen tibba halkan keessa qilleensi baayyee ho'aan jiraatu hirriba rafuu yeroon itti dadhaban ni jira.
Haalli akkasii kunis biyyoota akka jiddugala bahaa fa'itti baramaadha. Haata'u malee haalonni ho'a mo'achuun itti hirriba argachuu dandeessan jiru.
1. Muguu/sillimii dhaabuu
Haalli qilleensaa baayyee ho'aa wayita ta'utti guyyaa keessaayyuu ni dunquqqoofna. Sababiin isaas, qaamni keenya ho'a keessoo isaa to'achuuf anniisaa baayyee waan fayyadamuufiidha.
Garuu halka keessa hirribni keessan yoo jeeqame, guyyaa keessa sillim jechuu dhiisaa. Ho'a keessatti rafuun cimaa waan ta'eef guyyaa sillimii/yeroo gabaabaaf mugdanii ka'uu dhaabuun halkan akka raftaniif isin gargaara.
2. Sa'aatii walfakkaataa eeggadhaa
Haalli qilleensa ho'aa akka amala keessan jijjirratan isin taasisa. Innis akka haalli hirriiba keessanii jeeqamu taasisa.
Kanaafuu yeroo gara hirriibaa itti deemtan baramaa hordofuuf yaalaa. Gara siree deemuu keessaniin duras waan duraan hojjattan raawwadhaa.
3. Wantoota barbaachisan hin dagatiinaa
Kutaan ciisichaa keessan alkan keessa qabbanaa'aa akka ta'u mirkaneessuu hin dagatiinaa.
Guyyaa keessa ammoo, akka aduun kutaa keessa hin galleef goolgaatti fayyadamaa.
Qilleensa ho'aa hir'isuuf, karaa carallaan ifaa seenuun foddaa mana keessanii cufuu hin dagatiinaa.
Osoo gara siree hin deemiin dura foddaawwan hunda saaquu hin dagatiinaa, akka qilleensa argattaniif.
4. Ansoolaa haphii fayyadamaa
Waan halkan uffattan hir'isaa, garuu ammoo waan haphii uffadhaa. Ansoolaa haphiin jirbiirraa hojjatame dafqa ofiitti fudhata.
Haata'u malee kutaan keessa ciiftan hanga fedhe ho'aa ta'ulleen qaamni keessan ni qabannaa'a.
Kanaaf yeroo tokko tokko halkan yoo damaqnu qorri nutti dhagahama.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
5. Kaalsii qorraa kaawwachu
Keessattuu wayita ho'ii cimaan jiraatuutti afarsituu fayyadamuun barbaachisaa ta'a.
Innis hurkaa, dafqaa akka jiraatu taasisuun, keessoon qaama keessanii akka haala ho'asaa to'atu gargaara.
Yoo afarsituu qilleensaa manaa kan hin qabne ta'e ammoo bakka isaa qaruuraa bishaan ho'aa qabate cabbii itti naqaa.
Bakka isaa kaalsii cabbeessaa (fridge) keessa kaa'uun erga dilallaa'een booda kaawwachuun ni danda'ama.
Miila keessan qabbaneessuun ammoo gogaafi qaamni keessan akka qabbanaa'u gargaara.
6. Bishaan baayyee dhuguu
Guyyaa guutuu bishaan baayinaan dhuguu garuu ammoo gara irriibaa wayita deemtan bishaan baayyee dhuguurraa of qusadhaa.
Tarii dheebbootaa irriibaa ka'u hin barbaaddan ta'u mala. Irra deddebiin qaama dhiqachuu barbaachus dhiisuu dandeessu ta'a.
7. Waa'ee waan dhugduu yaadi
Waa'ee dhugaatii lallaafaa irratti of eeggannoo godhadhaa. Baayyeen isaaniis qabiyye kaafee'in qabu. Inni ammoo sirna sammuu namaa sochoosuun akka caalaa damaqnu nu taasisa.
Akkasumas alkoolii baayyee dhuguu irraa of qusadhaa. Namoonni baayyee yeroo qilleensi ho'u caalaa dhu waan ta'ef.
Alkooliin akka mugnu nu gochuu danda'a ta'a, garuu ammoo ganamaan akka damaqanu fi waliigalatti haala irriibaa gaarii hin taane akka qabaanu nu taasisa.
Haallo qilleensaa ho'aan hangam qaama miidha?
- Dhoobachuu: Waan karaa fincaanii, dafqaafi afuuraatiin qaama keessaa baaftan bakka buusuuf bishaan gahaa dhuguu keessan mirkaneessa.
- Baayyee ho'uu: Haalli akkasii kunis kessattuu namoota rakkina onnee ykn argansuu qabaniif cimaa ta'u danda'a. Mallatoonsaas dhukkubbii mataa, ol guuruu fi qaamni diimachu fa'iidha.
- Dadhabbii: Kunis yeroo qaama kee keessaa bishaan ykn soogiddii dhumuudha. Mallatooleen isaas of walaaluu, dadhabuu ykn maashaan laafuu fa'iidha.
- Ho'aan gaggabuu: Tokkicha ho'i qaamaa yoo digrii sentigreedii 40 irra gahe ykn baayyee ol ka'e, ho'aan of wallaaluun ni mudata. Mallattoon isaas kan ho'aan dadhabuutiin wal fakkaata. Garuu ammoo namtichi of walaaluu danda'a. Akkasumas gogaa goggoogaa qabaachu dafquu dhaaba.
8. Tasgabbiin turaa
Irriibni akka isin fudhatuuf yaalaa jirtu yoo ta'e, ka'aatii tasgabbiin waa hojjadhaa. Ykn dubbiisuu, barreessuu, ykn uffata keessan dachaasuu fa'i eegalaa.
Yeroo kanatti bilbila keessanii ykn viidiyoon akka hin tabanne of eeggannoo taasisaa. Ibsaa cuquliisin akka hin farne nu taasisa. Sochiin viidiyoos akka damaqnu nu taasisa.
Yoo irriibni isiniitti dhagahame deebii'aa rafaa.
9. Waa'ee daa'imaa yaadaa
Yeroo baayyee daa'imman baayyee rafuu. Garuu ammoo haala maatii keessaa fi waan baramee yoo jijjiramuutti damaquu danda'u.

Madda suuraa, Getty Images
Sababii ho'aatiin wal qabatee yeroo itti raftaniifi qaama itti dhiqxan kan baramee jijjiramuu hin qabaatu.
Akkuma qaama yeroo irriibaa barameetti, bishaan ho'aan naqana daa'immanii dhiiquu oggeessoonni fayyaa ni gorsu.
Akka baayyee qabanaa hin taaneef of eeggannoo gochuunis barbaachisaadha.
Daa'iimman yoo bayyee itti ho'ees ta'ee baayyee itti qorree isinitti himachu hin danda'an.
Kanaafuu haala ho’a qama isaanii horduuf qabdu.
Daa’imman wayita haalli qilleensaa 16C fi 20C jidudu ta’utti sirriitti rafu danda’u.
Bakka daa’imni raftuutti meeshaa haala ho’aa safari kaa’u dandeessu. Ykn ammo mataasaani, dugda ykn garaa saanii irra qaqabachuu ho’aa yoo qabaataniif ilaalaa.
10. Mo'achuu
Baayyeen keenya guyyaa itti aanuu sirriitti damqnee hojii keenyaa raawwataa oluuf sa’aatii torba ykn saddeetiif irriiba gaarii argachu qabna.
Haata'u malee, namoonni kaan ammoo alkan tokkoof ykn lamaaf irriiba malee dabarsuun damaqaniituma hojiisaanii hojjachu danda'u ta'a.
Kana barame caalaa amummataa ooltulleen, tarii nagaa ta'u dandeessa ta'a.












