Sadarkaan gahumsaa WHOn kaa'e Itoophiyaan milkeessuun diqisiifannaa argatte maali?

Alaabaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Africa CDC

Itoophiyaan hordoffiifi to'annoo qorichaarratti taasifteen sadarkaa gahumsaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO ) 'Maturity Level 3' (ML3) jedhamu milkeessuun qaamota garagaraa dhimmi ilaallatuun dinqisiifannaa argattetti.

Keessumaa Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Itoophiyaa (EFDA) WHO, akkasumas Wiirtuu To'annoo Dhukkubootaa Afrikaa (Africa CDC) irraa ergaan baga gammaddee ergameeraaf.

Wiirtuun To'annoo Dhukkubootaa Afrikaa (Africa CDC), "Milkaa'inni iddoon guddaa kennamuuf kun Itoophiyaa keessatti nageenya, qulqullinaafi bu'a qabeessummaa qorichootaa mirkaneessuu keessatti tarkaanfii jabaadha," jedhe.

Kanaaf ammoo sirna hordoffii qorichootaan sadarkaa gahumsaa (World Health Organization Maturity Level 3 (ML3)) kana milkeessuu isaatiif Abbaa Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Itoophiyaa (EFDA) ergaa baga gammaddee dabarseeraaf.

Milkaa'ina kanaan, Itoophiyaan warra akka Masrii, Gaanaa, Naayijeeriyaa, Afrikaa Kibbaa, Taanzaaniyaa, Zimbaabuwee, Senegaal, fi Ruwaandaa dabalatee garee biyyoota Afriikaa WHO Maturity Level 3 (ML3) kana milkeessanitti makamti.

Milkaa'inni kun hoggansa Itiyoophiyaan sirna danbiiwwan omishaalee fayyaa nageenya qaban, bu'a qabeessa ta'anii fi qulqullina olaanaa qaban haqaan argachuuf wabii ta'an guddisuuf hoggansa fi of kennanii cimininaan hojjechuushee kan hubachiisudha.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) Itiyoophiyaan sadarkaa gahumsaa 3ffaa (ML3) irra ga'uu isheetiif ifatti beekamtii Dhaabbatichaa argachuu himuun, , biyyoota Afrikaa sagal sadarkaa kana keessa galan keessaa tokko taateetti jedheera.

Milkaa'inni kun bu'aa hojii Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Itiyoophiyaa (EFDA) qorichoonni fi talaalliin biyya alaatii galfaman biyyattii keessatti argaman ulaagaalee idil-addunyaa qulqullina, nageenyaafi bu'a qabeessummaa akka guutan taasisuuf hojjete ta'uus kaaseera WHO ibsa fuula marsariitii isaarratti dhimmuma kana ilaalchisuun baaseen.

Sadarkaa gahumsaa kanatti ramadamuun Itoophiyaa madaallii bal'aa WHO hordofaa tureen yoo ta'u, Meeshaa Madaallii Addunyaa (Global Benchmarking Tool) isaa fayyadamuun qabxiiwwan 250 ol ta'aniin madaaludhaanidha.

Daarektarri WHO Dr. Tediroos Adihaanom Itoophiyaan sadarkaa gahumsaa dhaabbatichaa kana milkeessuu ilaalchisuun 'baga gammadde' jechuun, bu'aan argame kun ammoo Afrikaan biyyatti omishachuu, qorichootaafi omishaalee wallaansa fayyaa naga qabeessaafi qulqulluu ta'e gara argachuu danda'uutti dhiyeessa jedhe.

Waajira Abbaa Taayitaa Nyaataafi Qorichaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Dr. Tediroos Adihaanom

'WHO Maturity Level 3' maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wiirtuun Ittisa Dhukkubootaa Afrikaa (Africa CDC) ibsa baseen, "Itoophiyaan WHO Maturity Level 3 milkeessuun ishee bu'aa biyyoolessaa galateeffamuu qabuufi ardii keenyaaf yeroo boonsaadha.

Mootummaan Itiyoophiyaa fi Ministeerri Fayyaa, karaa EFDA, sirna danbiiwwan ciccimoo fayyaa hawaasaa eegu ijaaruuf, omishaalee wallaansa fayyaa qulqullinaan mirkanaa'an karaa walqixa ta'een akka argachuun danda'amu babal'isuuf, akkasumas mul'ata waliinii keenya Gamtaa Afrikaa jalatti tarkaanfachiisuuf kutannoo hin raafamne agarsiisa," jedhe.

Maturity Level 3 [Sadarkaa Gahumsaa 3ffaa] WHOn bahe kun sirna hordoffii to'annaa sirriitti hojjetu ta'ee, hangam biyyoonni qorichaafi meeshaalee wallaansa fayyaan walqabatan, akkasumas talaallii akka hordofan kan madaaludha.

danbii tasgabbaa'aa, haala gaariin hojjetuu fi walitti hidhame jedhamee ibsama. Biyyoonni sadarkaa kanarra gahan dandeettii oomishaalee yaalaa hayyama kennuu, hordoffii gabaa gaggeessuu fi taateewwan nageenyaa bu'a qabeessa ta'een hordofuu isaaniitiin beekamtii argatu. Sadarkaan bilchinaa 4ffaan sadarkaa olaanaa sirna danbii sadarkaa olaanaa fooyya'iinsa itti fufiinsa qabuuf waadaa galee agarsiisa.

Qorichoonni qulqullinnisaanii mirkanaa'e, nageenya qabaachuun ilaalemee, akkasumas bu'a qabeessa ta'uun qoratamee, talaallii fi meeshaaleen wallaansa fayyaa sirna fayyaa hojiirra jiruuf bu'uuraa akka ta'anitti sadarkaa ittiin madaalamudha.

Kana malees qaamoleen dhimmi ilaalatu dambii itti gaafatamummaa to'annoo omishaalee yaalaa hangam akka hojiirra oolchan kan ilaalu; omishoonni gabaarra jiran seeraan kan hayyamamanimoo miti, nageenya kan qabaniifi akkaataa qajeelfamaatti yeroo itti fayyadaman akka himametti akka raawwataman mootummootaan imaanaa kan kennan ta'uu toora ittiin ilaalanidha.

Dhugaan jiru garuu biyyoonni addunyaa hedduun to'annoo danbii bu'a qabeessa ta'e kennuudhaaf dandeettii hin qaban, haalli kun fayyaa hawaasaa addunyaarratti balaa kan qabuufi omishaalee yaalaa barbaachisoo ta'an argachuuf rakkisaa taaisa.

Kanaaf, qaamoleen qajeelfama baasan aangoo isaanii haala bu'a qabeessa, gahumsa qabuuun, tilmaamamuu danda'uu fi iftoomina qabuun akka raawwatan gargaaruun haala addunyaa walxaxaa ta'aa dhufe keessatti barbaachisummaan ulaagaa gahumsaa kun murteessaadha.