Beekamtiin umurii akka nama gabaabsu qorannoon mul'ise, akkamitti?

Madda suuraa, Getty Images
Beekamtii fi namni tamboo xuuxu tokko, keessumaa umuriin aartistootaa kan kaanii caaalaa gabaabbata jedha qorannoon.
Qorannoo haaraan kun erga ragaa weellisoota beekamoo fi artistoota heddu hin beekamne gidduu jiru wal bira qabuun qoratee booda dhimmaa kana mirkaneeffachuu ibseera.
Beekkamtiin yoo xiqqte giddu galessaan umurii waggaa 4.6 gabaabsuu akka danda'u qorannoon Joornaalii Epidemiology fi Fayyaa Hawaasaa (Journal of Epidemiology & Community Health) irratti maxxanfame kun kan mul'isu.
Qorannoon kana dura tures, imalli, taatummaa fi agarsiifni sirbaa umurii weellistootaa akka gabaabsu ragaaleen agarsiisaan tokko tookko turaniiru.
Qorannoon haaraan kun garuu beekkamtii fi du'a gidduutti walitti dhufeenyi kallattii akka jiru kan agarsiisu isa jalqabaati.
Qorattoonni Yunivarsiitii Wiiten Herdeke kan teessoo isaa Witen, Jermani godhate ragaa weellisoota 648 walitti qabuun qorannoo irratti adeemsisaa ture.
Isaan keessaa walakkaan isaanii weellistoota beekamoo yoo ta'an walakkaan isaanimmoo weellistoota badaa hin beekamne turan. Warra kana keessatti weellistootni fuulduratti ba'anii sirbaanii fi kan baandii duuba jiran illee kan dabalateedha.
Artistoonni beekamoo kunneen yeroo hundaa tarree aartistoota gurguddootti lakkaawwaaman 2,000 ta'an marsariitiin sadarkaa Muuziqaa kaa'u 'Acclaimed Music jedhamuun filatamanii dhiyaatan. Artistoota beekamoon tarreeffaman keessaa gareen Behatles, Bob Diylan, Rolling Istones, David Bowi fi Biruce Springsteen jedhaman faa keessatti argamu.
Qorattootni kunneen tokkoon tokkoon weellisaa beekamaa fi kan baayyee beekamaa hin taanee walfakkeenya akka saalaa, biyyaa fi gosa muuziqaa irratti hundaa'uun gita isaanii wal simsiisuun qorannoo taasiseera.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Weellistoonni beekamoo giddu galeessaan umrii 75 yoo jiraatan, weellisoonni beekamoo hin taane ammoo giddu galeessaan umrii 79 akka jiraatan qorannoon kun kan eere.
"Balaa du'aa beekkamtii waliin walqabatee dhufu balaawwan fayyaa beekamoo biroo kanneen akka yeroo hunda sigaaraa xuuxuu wajjin wal qixaa," jechuun qorattootni kun barreessaniiru.
Beekkamtii akka balaa ta'etti adda baasuun qorannoo kana akka agarsiisutti keessumaa weellisaa urjii ta'uun yaaddoo fayyaa guddaa fiduu keessatti "qabxii jijjiiramaa" ta'uu danda'a.
Artistoonni heddu hin beeksamnes kanneen meeshaalee baandii taphatan caalaa ykn namoota kaan caalaa carraan dafanii du'uu isaanii olaanaadha. Haa ta'uu malee warra beekamtii guddaa qaban waliin yoo wal bira qabaman immoo kan isaaniti gadi.
Iccitii dhuunfaa isaanii beekamuu,qorannoon ummataa cimaa fi dhiibbaan ummataa fi raawwii haala jireenyaa isaanii waliin wal qabatu hundi sababoota umurii gabaasan kessaa muraasa.
gumaachan yoo ta'ellee, qorannoon kun guutummaatti kan wal hin qabanne ta'uu isaa hubachiiseera.
Kanaaf "beekkamaa ta'uun umurii dheeraa irratti dhiibbaa kan uumu waan ta'eef, dhiibbaa hamaa umurii dheeraa qabaachuu hir'isuuf giddu galeessa ta'uun barbaachisaa ta'uu isaa hubachiisa."
Qorannoon kun dhiiraaf dubartoota gidduutti hanga ta'e loogii saalaa kan qabu yoo ta'u, dhibbeentaa 83.5 dhiirota, akkasumas dhibbeentaa 6.5 dubartoota irratti xiyyeefate.
Yaadni saffisaan jiraachuu fi dargaggeessa ta'ee du'uu qorannoowwan darban irratti waa'ee balaa du'aa beekkamtii wajjin walqabatee dhufu keessatti ijoo ta'ee ture, kunis carraa rakkoo qoricha sammuu namaa hadoochuu fi alkoolii olaanaa kan dabalatudha.
Qorannoon bara 2007 US keessatti gaggeeffame akka mul'isutti, urjiileen pop umuriin isaanii waggaa lamaa hanga 25 gidduutti beekamtii argatan carraan balaa du'aa nama giddu galeessaa caalaa dachaa lamaa hanga sadii ta'a jedha
Urjiilee rock umuriin isaanii waggaa 27tti du'aan boqotan kanneen akka Amy Winehouse, Jimi Hendrix, Janis Joplin, Jim Morrison, Kurt Cobain, fi Brian Jones faa keessuun ni danda'ama.
Bara 2011tti qorannoon 'British Medical Journal' irratti maxxanfame akka agarsiisutti, weellistootni beekamoo addatti umurii 27tti carraan du'uu isaanii dabaluu agarsiisu jiraachuu baatus, garuu akka waliigalaatti urjiileen rock dargaggoonni umuriin isaanii waggaa 20 fi 30 jiran balaa olaanaa akka isaan mudatu agarsiisa.
Dhiheenya kana artistoota beekamoo kanneen akka raapper Mac Miller (26), DJ Avicii (28), fi One Direction's Liam Payne (31) yeroo malee du'uun isaaniin deeggartoota fi miseensonni maatii isaanii gaddaaf saaxilaniiru.
Kanas ta'ee kana qorannoon kiun hanga qorannoon biraa dhimma kana deeggaru ykn mormu hin jirretti beekamtii fi umurii gidduu walitti dhufeenyi jiraachuu qorannoo mul'ist ta'ee fudhatameera.














