Hoogganaan Meta Mark Zuckerberg walga'ii Senetii US irratti dhiifama gaafate

Hoogganaan Meta Mark Zuckerberg dhaddacha miseensonni Senetii US dhimma miidhaa miidiyaaleen hawaasaa daa'imman irraan ga'aa jiranitti taa'an irratti dhiifama gaafate
Ibsa waa'ee suuraa, Hoogganaan Meta Mark Zuckerberg dhimma miidhaa miidiyaaleen hawaasaa daa'imman irraan ga'aa jiranirratti dhiifama gaafate

Hoogganaan Meta Mark Zuckerberg dhaddacha miseensonni Senetii US dhimma miidhaa miidiyaaleen hawaasaa daa'imman irraan ga'aa jiranirratti taa'an irratti dhiifama gaafate.

Dhaddacha dhimma miidhaa miidiyaalee hawaasaa qofa ilaaluuf taa'ame kanarratti maatiin daa'imman miidhmaniis argamaniiru.

Inistaagiraam fi Feesbuukii kan hoogganu Mark Zuckerberg maatii fi miseensota Senetiitti garagalee ''namni kamiyyuu waan daa'imman kunneen keessa darban keessa darbuu hin qabu,'' jedhe.

Inni fi hooggantoonni TikTok, Snap, X fi Discord miseensota Senetii paartii lameen irraayyuu ta'aniin sa'atii afuriif gaafatamaniiru.

Seera baastonni kunneen waan hooggantoonni miidiyaa hawaasaa kunneen daa'immaniif eegumsa gochuuf hojjechaa jiran gaafatan.

Carraan miseensonni Senetii haala kanaan hooggantoota miidiyaalee hawaasaa fuulaa fi fuulatti gaafachuu baayyee dhiphaadha.

Mark Zuckerberg fi hoogganaan TikTok Shou Zi Chew gaaffii kanaaf dhiyaachuuf fedha qabaachuu yoo ibsan hooggantoonni Snap, X(tuwiitarii duraanii) fi Discord garuu argamuuf fedha waan dhabaniif ajaji mootummaa irratti ba'ee akka dhihaatan taasifaman.

Hooggantoota miidiyaalee hawaasaa shanan kunneen duubaan maatii ijoolleensaanii sababa miidiyaalee hawaasaa miidhamuu himatantu taa'anii turan.

Hanga galma sana keessa turanitti miirri isaanii maal akka ta'e sirriitti mul'isaa turan, wayita hooggantoonni miidiyaalee hawaasaa ol seenan miira jibbiinsaa mul'isan, gaafa seera baastonni gaaffii itti roobsan ammoo harka rukutuun jajaa turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhimmi ijoon korri kun waamameef miidhaa saalquunnamtii karaa onlaayinii da'imman irratti raawwatamu akkamiin hambisna kan jedhu irratti ture.

Miseensonni Senetii garuu hooggantoota miidiyaalee hawaasaa olaanoo shanan bakka tokkotti waan argataniif carraa kanatti fayyadamuun gaaffilee hedduu gaafatan.

Kubbaaniyyaansaa odeeffannoo iccitii US mootummaa Chaayinaaf dabarsee kennuurratti kan gaafatame hoogganaan TikTok, himata irratti dhihaate kana ni haale.

''Akka nama daa'imman sadi qabuutti yoon dubbadhe wanti har'a asitti kaasaa jirru kun baayyee kan nama suukkaneessuudha. Maatii hundaa kan sururudha,'' jedhe.

Ijoolleensaa TikTok kan hin fayyadamne ta'uu kan hime hoogganaan TikTok kun, kunis sababii seerri bakka isaan jiraatan, Singaappor, hin eeyyamneef jedhe.

Hooggantoota miidiyaalee hawaasaa bebbeekamoo keessaa kan gaaffiin itti heddummaatu hoogganaa Meta- Mark Zuckerberg.

Kanaan duras yeroo saddeet Kongiresii Ameerikaa duratti dhihaateera.

Maatiin suuraa namootasaanii qabatanii agarsiisaa turan

Madda suuraa, Getty Images

Dhaddacha Senetiin qopheesse kanarrattis gaaffiin kan cime hoogganaa Meta kanarrattidha.

Paartii Rippaabilikaan irraa kan ta'e miseensi Senetii Teed Kiruuz, ergaa akeekkachiisaa miidhaa daa'imman irratti raawwatu mul'isu Inistaagiraam irratti argee battaluma Mark Zuckerbergitti mul'ise.

''Kun maalinni?'' jedhee gaafate.

Ergaan akeekkachiisaa kun ''yoo arguu barbaaddan banuu dandeessu'' filannoo jedhu kenna.

Mark Zuckerberg dhimma kana ''dhuunfaadhaan akka ilaalee irratti hojjetu'' waadaa seene.

Miseensi Rippaabilikaan biraan Joosh Haawulii hoogganaan Meta kun maatii isa duuba jiran kunneenitti garagalee akka dhiifama gaafatu gaafate.

Innis olka'ee dhababatee ''waan keessa dabartan hundaaf dhiifama guddaa!'' jedheen.