Maanguddoon umrii 99 sadarkaa 1ffaa barataa turan du’aan boqotan

 Piriskillaa Sitinii, maanguddoo ijoollee durbaaf fakkeenya ta'uuf barachaa turan

Dubartiin Keeniyaa umrii ganna 99 mana barnoota sadarkaa 1ffaa addunyaarratti barattuu hunda caalaa umuriin jaaran Pirisillaa Sitinii, du’aan boqochuu maatiin BBCtti himan.

Aadde Pirisillaa Sitinii Roobii darbe daree mana barnootasaanii seenanii erga baratanii galanii booda fayyaa dhaban.

Maanguddoo kuni barattoota kutaa isaanii, umuriin isaanii ganna 12 tahe waliin qormaataa torban dhuftuuf qophaa'aa turan.

Seenaan Aadde Sitiniin kanaan dura fiilmiin akka hojjatamu ka’umsa ta'ee ture.

Kanan walqabatee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti jaarmiyaan aadaa fi barnootaa-UNESCO’n maanguddoo kana galateeffatee ture.

Aadde Sitiniin Keeniyaa, iddoo Biriitish qabattee turtetti guddatan, wayita biyyisaanii qabsoo bilisummaa gaggeessitu keessa jiraataniiru.

Aadde Sitiniin, ijoolleen shamarranii daa’ima qaban barnootatti akka deebi’an kakaasuuf jedheen baradha jedhanii bara darbe UNESCOtti himanii turan.

''Shamarran qofaaf fakkeenya ta’uuf miti, ijoolleen durbaa kanneen manneen barnootaatti barachaa hin jirre addunyaarra jiran biroofillee fakkeenya tahuuf. Kanneen hin baranneefi indaaqqoo gidduu garaagarteen hin jiru,’’ jedhan.

 Piriskillaa Sitinii, ijoollee hin baranneef barnootatti kakaasuuf akka baratan himanii turan

Aadde Sitiniin bara 2010 mana barnoota Leaders Vision Preparatory jedhamutti kan baratan yoo ta’u, ganna 65’f naannoo Keeniyaa mandara Ndalat jedhamutti dubartoota deessisaa turan.

Aadde Sitiniin ijoollee wajjin daree tokkotti baratan keessaa, umuriin isaanii 10-14 taheefi kanneen akka dhalatan gargaaranillee jiru.

Maanguddoon kun maqaa masoo ’‘Gogoo’’ jedhuun kan beekaman yoo ta’u, afaan Kaalenjiitiin ''akkoo'' jechuun waamamu.

Maanguddoon kun dubbisuuf barreessuu kan baran yoo ta’u, daa’imummaa isaaniitti carraa kana hin arganne turan.

Gogoon ijoolleen barnoota hin dhaqne yoo argan ''maaf hafte'' jedhanii yeroo hunda gaafatu ture.

''Ani qancareera jedhanii natti himu. Animmoo anuu barataan jira, atis baradhuun jedhan,’’ jechuun ibsanii turan Gogoon.

''Ijoollee gataman, kanneen abbaa hin qabne fa’aan arga - kanneen oliif gadi jooranii abdii kutatan. Isaan akka barnootatti deebi’an fakkeenya ta’uufin barbaada,’’ jedhan.

 ‘Dhaamsa bara baraan jiraatu’

Jalqabarratti Aadde Sitinii manni barnootaa simachuu didee ture, booda garuu kutannoo barnootaaf maanguddoon kun qaban hubachuun simatan.

Seenaan Sitinii fiilmii afaan Fireench mata-dureen isaa ''Gogoo'' jedhuun himameera.

Fiilmiin kun maanguddoon kun biyya Faraansaayi akka daawwataniif carraa kan uumeef yoo ta’u, Giifti-duree biyyattii Birijiit Maakiroon waliinillee wal arganii turan.

Du’a Aadde Sitinii hordofee barreessaan fiilmichaa Paatirik Peessis toora tiwitaraa gubbaatti gaddasaa akkas jedhee ibsate: ''dhaamsi barnoota ilaalchisuun ijoollee durbaaf dabarsite bara baraan jiraata,’’ jedhe.

Yeroo ammaa kanaatti namni umriin raagan mana barnoota sadarkaa tokkoffaatti barachuun galmee dinqisiisoo addunyaa ‘Guinness Book’ irratti galmaa’e lammii Keeniyaa kan biraa Kimanii Marugee jedhamanidha.

Marugeen umrii ganna 84tti bara 2004 barnoota galuun waggaa shan booda du’aan boqotan.