Itoophiyaafi Keeniyaan michummaa caalatti cimsachuuf waliigalan

Madda suuraa, MM AbiyAhimed
Itoophiyaafi Keeniyaan michummaa gidduusaanii caalaa cimsachuuf, akkasumas Gaanfa Afrikaa keessatti nageenya amansiisaa mirkaneessuurratti waliin akka hojjetan himan.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad har'a daawwannaan hojiii guyyaa tokkootiif Finfinnee kan jiran Pirezidantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo waliin ''marii tarsiimawaa'' taasisuu miidiyaa hawaasaa isaaniirratti ibsaniiru.
Mariin isaan waliin taasisan dhimmoota michummaa biyyoota lamaanii gidduu jiru daran jabeeffachuufi Gaanfa Afrikaa keessatti nageenyaafi tasgabbii mirkaneessuuf karaa mariifi fala Afrikaan durfamurratti waliin hojjechuurratti kan fuulleffate ta'uu himaniiru MM Abiy.
"Har'a Pirezdaantii Keeniyaa, Wiiliyaam Samooy Ruutoo daawwannaa hojii guyyaa tokkootiif simadheera. Daawwannichi walittidhufeenya obbolummaafi seena qabeessa gadifagoo biyyoota keenya lamaan gidduu jiru kan mul'isedha.
Marii keenyaan haala itti walittidhufeenyi keenya garlamee cimuufi dhimmoota nagaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaa irratti dubbanneerra. Mariin kun kutannoo keenya waloo tasgabbii, mariifi furmaatawwan Afrikaadhaan durfamaniif qabnu kan itti caalaatti jabeessinedha," jechuun ibsan.
Haauma wal fakkaatuun Pirezidant Wiliyaam Ruutoo hariiroo biyyisaanii Itoophiyaa waliin qabdu caalaa akka cimsattuufi nageenyaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaa keessatti mirkaneessuurratti akka waliin hojjetan fuula X isaaniirratti ergaa barreessaniin ibsaniiru.
Daawwannaan Finfinneetti taasisaniin marii bu'a-qabeessa MM Abiy waliin taasisuu kan dubbatan Pirezidant Ruutoon, "waliin taanee tasgabbii, mariifi furmaata Afrikaan durfamurratti waadaa waliinii qabnu irra deebiin ni mirkaneessina; mul'ata waloo ida'amuu dinagdee cimaa, guddina dijitaalaafi badhaadhina waliinii irratti hundaa'eef ni hojenna," jedhan.
Akka Pirezidant Ruutoon ibsanitti, tumsa guutuu mootummoota Keeniyaafi Itoophiyaatiin akkaataa Ethiotel fi Safaricom carraawwan investimentii tarsiimawaa gabaa naannicha keessa jiranirratti hojjetanirratti deeggarsa kennuuf waliigaluun isaanii dhimmoota ijoo keessaa tokko ture.

Madda suuraa, MM Abiy Ahimad
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Keeniyaafi Itiyoophiyaan waliigalteewwan ijoo daldala karaa daangaarraan bifa salphaafi saffisaa ta'een waliin hojjechuuf; gama ttisaan odeeffannoo tikaa waliif qooduun, leenjii waloo namoota seeraan ala daddabarsuu ittisuurratti, akkasumas tasgabbii naannootiin walitti dhufeenya cimsaa jiru.
Biyyotni laman danqaawwan daldalaa isaan gidduu jiru hiri'isuun, daldala xixiqqaa daangaa ce'u irratti akka wal tumsan walii galaniiru.
Adeemsa gumurukaa salphisuu, sanadoota walsimsiisuu, seera qabessummaa daldalaa fi itti fufiinsa qabu mijeessuuf qaama wali galtee isaaniti.
Kunis keessumaa dubartootaafi dargaggootaa cimsuuf kan gargaaruu ta'u eeraniru.
Wal ta'iinsa mootummootaafi dameewwan dhuunfaa biyyoota lamaanii gidduutti qindoomina cimaa kan uumu akka ta'e odeeffannoon ministeericharraa argame ni mul'isa.
Kan dhugumsuuf ammoo walgahiin sadarkaa aanga'oota olaanoo dabalate dhiheenya kana taasifaman Gaanfa Afrikaa keessatti nagaafi tasgabbii uumuu haala dandaamurratti gaggeeffamaniiru.
Kana malees, walta'insa dinagdeerratti xiyyeeffachuun hojjechaa kan jiran yoo ta'u, baankonni Keeniyaa Itiyoophiyaa seenuun akka hojjetaniif hayyamameeraaf.
Itiyoophiyaafi Keeniyaan dhiyeenya kana tumsa diinagdee daran cimsachuuf tarkaanfii fudhataniiru. Mudde 19 bara 2025 biyyoonni lamaan waliigaltee daldala daangaa qaxxaamuraa salphisuufi daldaltoota al-seerummaaf gufuulee mudatan hir'isuuf kaayyeffate mallatteessaniiru.
Onkoloolessa 2025 keessa baankonni gurguddoon Keeniyaa lama karoora gabaa Itoophiyaa seenuuf qaban saffisiisuun, dinagdee Itoophiyaan banaa jirtu fayyadamuu barbaadaa jiraachuun walitti dhufeenyi dinagdee biyyoota ollaa lamaan gidduu jiru kun babal'achaa dhufuu isaa gabaasaaleen ni agarsiisu.
Guyyoota muraasa dura ammoo Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud Finfinneetti simachuun waliin mari'atanii ture.
Ministirri Muummee Abiy ''waggaa tokko darbe marii hariiroo waloo itti fufuun marii bu'a qabeessa taasisneerra,'' jedhan.
Marii kuni hariiroo cimsuu, naannicha tasgabbeessuufi misoomaaf kutannoo qabnu kan mirkaneessedha jedhan.
Waajjirri Pirezidantii Somaaliyaa gama isaan dureewwan lamaan hariiroo cimsuu, dhimma nageenyaa, siyaaasa, fi dhimma naannichaarratti harriiroo cimsuuf waliigaluu ibseera.















