'Maallaqan guyyaa dhalootaa intala koof qopheesse, qumaarattan fixe'

Madda suuraa, PACEMAKER
Karra eegaan garee kubbaa miilaa Ayerlaand Kaabaa Trevor Carson qarshii guyyaa dhalootaa intalasaa kabajuuf qopheesse fixe, rakkoo cimaa keessa akka jirus hubate.
Qumaarri ykn tirgaan jireenyasaa waan to'ateef, kanas jijjiiruun irra ture.
Karra eegaan kilaba Sandarlaand duraanii kun erga qumaara taphatee ganni saddeet dabreera.
"Dhaabuu kootiin yeroo dheeraan dura ture [rakkoo] tahuu kanin hubadhe," jechuun sagantaa Good Morning Ulster'tti dubbate.
Guyyaan dhalootaa intalasaa gahuun dura garmalee qabsiisee taphachuurraan kan kahe Paawundiin 200 isa hafte. "Kunis gara magaalaa Niiwkaastil deemee, ala baanee nyaata gaarii itti nyaannee, kennaa bareedaa wahii akkan isheef kennu na dandeessisa ture," jedha.
"Garuu sammuun koo tirgaan xaxame, ishee £200 kana gara £1,000 jijjiiruu dandeessa naan jedhe. Sa'aatii walakkaatti £200 sun dhabama taate. Qarshii boba'aa guutee Niiwkaastil ittiin deemulleen dhabe.
"Gaaf sana konkolaataa keessa taa'ee miira gaddaa keessa galuukoo nan yaadadha. Tirgaan akkasiin jireenya koo keessatti cimee, intala koorraa dursa tirgaaf akkan kennu na taasisa taanaan, qarqaarsi na barbaachisa jedheen yaade.
"Yeroon kunis anaaf sadarkaa gadi bu'aa isa olaanaa ture. Guyyaa lama boodas, garee walgahii dhimma kanarratti wal jajjabeessan [Gamblers Anonymous] bira deeme. Ergasii tirgaa qabsiisee hin beeku."
Taphataan kilaboota adda addaaf taphateefi yeroo ammaa kilaba Iskotlaand St Mirren'f taphatu Kaarsan, ji'a lama keessatti £30,000 qumaaratti obbaasuusaa tilmaama.
Kana malees tirgaan gaa'ellisaa jalqabaa diigamuuf sababa taheera.

Madda suuraa, PACEMAKER
"Jireenya koo guutuu dhuunfatee ture. Wayitan kilaba Cheltenham keessa taphadhu, sa'aatii 7tti shaakala xumurree, oggasuu dafee mana qumaarraattin argama.
"Hanga namoonni mana qumaaraa keessa hojjetan irbaataa fi shaayii naa fidanitti gaheen ture. Hanga manichi cufamu ani achuman jira - to'annaan ala tahee ture."
'Bakki itti dhokatan hinjiru'
Gabaasni mootummaa UK qumaara irratti dhiyeenya baase, qajeelfama damee kanaan waggoota 20 keessatti isa guddicha jedhameera.
Dabalataanis mootummaan dhaabbileen tirgaa waliigaltee isaanii keessatti kanfaltii qorannoo dabalataaf, barnootaafi sagantaalee wal'aansaaf oolu kan baasan tahuus beeksiseera.

Madda suuraa, Getty Images
Haatahu malee gariin namootaa beeksisni qumaaraa akka ugguramu barbaadu - dhimma kana Kaarsan ni deeggara.
"Bakki irraa baqatan hin jiru," jedha taphataan kun.
"Akka yaada kootti dursanii hambisuun waan guddaadha. Beeksisoonni kunniin dhimmicha ittuu kan hammeessanidha. Odoo mootummaan beeksisa dhaabe, kanneen qumaara taphachiisan, diinagdeen isaanii ni miidhama jedhee hin yaadu.
Akkas ta'ellee galiin isaanii waan dhaabbatu miti. Kanaaf akka kootti waan ammaa caalaa waan hojjechuu danda'an natti fakkaata."












