Baankiin Daldalaa kanneen maallaqa fudhatan hin deebisiiniif akeekkachiisa dhumaa kenne

Loogoo Baankii Daldalaa Itoophiyaa

Madda suuraa, CBE facebook page

Baankiin Daldalaa Itoophiyaa maamiltootasaa maallaqa kan isaanii hin taane fudhatanii hanga ammaa hin deebisneef akeekkachiisa dhumaa kenne.

Baankichi fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti akka ibsetti, namoonni maallaqa seeraan ala fudhatanii turan hanga gaafa Bitootessa 21, 2016 ALItti akka deebisan jechuun guyyaa sana dabarraan tarkaanfii seeraatti akka darbu hime.

Guyyaa kaleessaa, Bitootessa 26, baankichi ibsa baasen namoota maallaqa kan isaanii hin taane fudhatanii hin deebisne jedhe maqaasaanii, lakkoofsa herreegafi damee baankichaa herreegni itti baname wajjin ifa godhee ture.

Har'a ammoo kanneen maqaansaanii ifa ta'e kanaaf akeekkachiisa dhumaa kenneera.

"Akkuma kanaan dura akeekkachiifame, baankichi gara tarkaanfii seeraa itti aanutti osoo hin ce’iin dura, maallaqa hafe akka deebiftan carraa tokko dabalataan isiniif kenneera.

Kanaaf, hanga gaafa Sanbataa, Bitootessa 21, 2016 [ALItti] guyyaa keessaa hanga sa’aatii 11:00 tti, tarkaanfiin seeraa dabalataa gama baankichaatiin osoo hin fudhatamin akka deebistan isin gaafanna," jedha akeekkachiifni fuula miidiyaa hawaasaa baankichaa irratti maxxanfame.

Gama biraan ammoo Baankin Daldalaa Itoophyaa yeroo 'rakkoon sistamaa' mudatetti qaamolee na deeggaran jedhe ibsuun galateeffateera.

Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa, qaamolee haqaafi nageenyaa, baankota dhuunfaa, Itiyootelekoom fa'aa ammoo qaamota na bira dhaabbatan jechuun Baankichi galateeffate keessati.

Baankiin Daldalaa Itoophiyaa Bitootessa 26, ibsa baasen birriin miliyoona 800 ol fudhatamee akka tureefi kana keessaa harka 78 deebisiisuu beeksisee ture.

Kanaanis hanga Bitootessa 25 tti birrii fudhatamee ture keessaaa birrii miliyoona 622.9 deebisiisuu pirezidaantiin baankichaa Abbee Saanoo himanii turan.

Halkan rakkinichi itti uumametti maamiltoonni baankichaa 25,761 daddabarsa maallaqaa kan taasisan yommuu ta’u, lakkoofsi daddabarsa maallaqaa taasifames kuma 238 akka ta’e ibsicharratti himamee ture.