'Taalibaan dubartoonni mana yaalaa seenuuf 'burqaa' akka uffatan dirqisiisaa jira'

Madda suuraa, Getty Images
Qondaaltonni Taalibaan magaalaa lixa biyyattii Heraat jedhamutti dhukkubsattoonni dubartootaa, kanneen kunuunsa kennaniifi hojjettoonni dhaabbilee tajaajila fayyaa dubartoota tahan yeroo mana yaalaa seenan burqaa akka uffatan ajajan jechuun dhaabbanni tola oolaa fayyaa irratti hojjetu Médecins Sans Frontières (MSF) hime.
Akka MSF jedhutti ajajni kuni Sadaasa, 5 irraa kaasee hojiirra ooluu jalqabe.
''Dhorkaan akkasii jireenyaafi wal'aansa fayyaa argachuu dubartootaa ittuu hammeessaa,'' jette Saaraa Chaatawuu Afgaanistaanitti hoggantuun sagantaa, dhaabbata MSF.
Dabaluunis ''tajaajilli fayyaa hatattamaa irra dhiibbaan gaheera,'' jechuun ibsitee jirti.
Dubbi himaan mootummaa Taalibaan waan MSF jedhu kana waakkateera. Yaaddoon ibsamuun booda dhorkaan kaa'ame hamma tahe hir'ateera gabaasoti jedhanis bahaniiru.
Dhaabbanni MSF Hospitaala Heeraatitti fayyaa daa'immanii irratti kan hojjetu yoo tahu seerri kuni hojirra oolee guyyoota muraasaaf dhukkubsattoonni dhibee hatattamaa qaban harka 28'n hir'isee jedhe.
Akka Saaraan jettutti miseensonni Taalibaan karra dhaabbata fayyaa dhaabachuun dubartoonni yoo burqaa uffatan malee hin galchinu jechaa turan. Burqaan uffata mataa hamma miilaa golguun iddoo ijaa qofti irraa mul'atu dha.
Dubbihimaan Ministeera Guddinna Naamusaafi Ittisa Amala Badaa seerota amantii kan hojiirraa oolchu yoo tahu dubartoonni burqaa akka uffatan dirqisiifamuu haaleera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Kuni guutummaan guutuutti dhara dha. Ministeerichi hijaaba uffachuu qofa dha kan raawwachiisu,'' jechuun Saayif-ul-Islaam Kaayibar dubbataniiru.
Qondaalli Taalibaan biraanis dubartoonni yoo burqaa uffatan malee wiirtuu fayyaa irraa dhorkamuu waakkataniiru.
Qondaalli Taalibaan kuni haaluma wal-fakkaataan: ''Hijaabni iddoowwan garagaraa biyyattiitti haala garagaraan hiikama,'' jedhan.
Rogeeyyiinis Taalibaan dubartoonni yoo burqaa uffatan malee bu'uuraalee fayyaa akka hin seenne godheera jechuun himachaa turan.
Rogeettiin naannoo Heeraat irraa BBCtti dubbattee haalli uffannaa kuni hospitaala,mana barumsaafi dhaabbilee mootummaa keessatti fa'i hojiirra oolaa jira jette.
Miidiyaa hawaasaa irrattis akkasuma Taalibaan naannoo Heeraat keessatti burqaa uffachuu dirqama godheera jechuun qeeqni dhiyaataa ture.
Rogeeyyiin Afgaanistaan viidiyoo X irratti maxxansaniin dubartoonni Taalibaan mormuun yeroo isaan huccuu ibiddaan guban mul'isaniiru. BBC'n viidiyoo kana addatti hin mirkaneessine.
Taalibaan bara 1990 yeroo muraasaaf yeroo aangoorra ture dubartoonni burqaa uffachuu hojiirra oolchee ture.
Bara 2021 gara aangootti dhufuun booda keesumaa dubartootaaf dhorkaawwan baayyee kan kaa'e yoo tahu kanas akkaataa Seera Shari'aan hojiirra oolchaa jira.
Bara 2022 ajaja baaseen dubartoonni addabaabaayitti dubartoonni hijaaba fuulasaanii guutummaa haguugu akka uffatan himus. Boodarra qondaaltonni fuula haguuguu akka 'gorsaatti dha' jedhan.
Taalibaan gara aangootti dhufuun booda dubartoonni dameelee hojii garagaraa irraa kan dhorkaman yoo tahu, yunivarsiitiifi mana barnootaa sadarkaa lammaffaasa akka hin galle dhorkeera UN irra deddeebiin Taalibaan ''appaartaayidii koorniyaa,'' banee jiru akka dhaabu gaafateera.















