'Uffannikoo durii amma faayidaa hin qabu' - Nama kg 125 hir'ise

Madda suuraa, Qudratullah
Qudraatullaa – dargageessi ollaa Jalaalabaad kibba-baha Afgaanistaan, yeroo barumsa sadarkaa lammaffaa xumuree hiriyyoonnisaa yunivarsiitii galan, sababa barcumni isa danda'u hin turreef inni isaan biraa hafe.
''Furdina kanaan akkamiin yunivarsiitii deema jedheen yaadda'a ture. Otooman deemeyyuu barnoonni waa'ee naa hin baasu ture,'' jechuun BBCtti hime.
Yeroo sana Qudraatullaan ulfaatiinni saa kiilogiraama 216 qaba ture. Dheerinnisaa Siinti meetira 180 tahullee mudhiinsaa seenti meetira 147 ballata ture.
Ulfaatinnisaa hojjaasaan gaafa shallagamu (body mass index (BMI) ) 67 ture. Haata'u malee kan 30 caalu kamuu akka gara maleetti ilaalama.
Haatahu malee waggaa tokko dura Qudraatullaan imala ulfaatina hir'isuu jalqabee baatii 10 keessatti gara nama gahumsa qaamaa qabu, dammaqaafi fayyaalessaatti of geeddare.
Qabsoo ulfaatina waliin taasifame

Madda suuraa, Qudratullah
Qudraatullaan ulfaatina dabaluu kan jalqabe reef ol-adeemaa taheeti. Yeroo barnoota sadarkaa lammataa xumuru haala irraa mul'atuun akka malee guddaa tahe.
''Nama akka koo furdatu takkaa argee hin beeku. Jireenyikoo kan namoota biroo irra ulfaataa ture.
Hojii guyyuullee dalaguu hin danda'u, namoota kaaniif garuu nagaadhuman itti fakkaadha,'' jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Afgaanistaan keessatti dhiirota saddeet keessaa tokko gara malee furdaa dha. Kan Qudraatullaa furdina gara malee irra darbee sochiiyyuu isa dhorke.
''Lafoo iddoo fagootti imaluus tahe daakaa deemuu hin danda'u. Sochiidhuma gochuunuu rakkoo tahaa dhufe,'' jedha.
Iddoo tokko yeroon deemuu barbaadu baajaajiin fayyadama. Yeroo geejiba kana fayyadamus iddoo bal'aa waan qabatuuf gatii dabalataa isa kaffalchiisu ture. Wayyaa fi kophee argachuun ammoo rakko biraa ture.
''Tokko wayyaan yeroo dheeraa naaf hin turu. Lammata immoo wayyaan ulfaatina koo baachuu hin danda'u, wayyaan baayyee dafee na jalaa dhuma. Uffata hodhisisuuf huccuu meetira sagaliitu na barbaachisa ture,'' jedha.
Sababa furdinasaan arrabsamaafi qoccolamaas tureera. ''Gad bahuu nan sodaadhan ture, yoon bahe namoonni natti kolfuu, wantoota namatti hin tolle jechaa asaasu.''
Fayyaansaas sababa ulfaatinsaan hubamaa dhufe. Dhukkuba sukkaaraa, koleestiroolii olaanaafi dhibbaa dhiigaa godhate.
''Yeroo hunda mataa koo jala boraatii gurguddaa laman keewwadha, taa'een fa'i hirribatu na fudhata.'' Hakiimonni akka ulfaatina hir'isu isa gorsan.

Madda suuraa, Qudratullah
Kaka'umsi manumaa jalqabe
Obboleessi hangafaa Qudraatullaa, Hewaad Kahaanis gara malee furdaa ture. Tahus kiloo giraama 110 irraa 70 hir'ise, kana waan argeef Qudraatullaan innis waan wal-fakkaata gochuu akka danda'u yaade.
Jiimii deemuu jalqabuu dabalataan leenjisaa haala nyaataa isaaf karoorsu qacare. Qudraatullaan nyaata cooma qabu, ruuzii, dhugaatii lallaafaafi foon nyaachuu dhaabe.
Gosoota nyaataa kanneen akka hanqaaquu gara adiisaa, kuduraa, handaaqqoo, qurxummii fi daabboo garbuu irraa tolfame nyaachuu jalqabe.
''Jalqabarratti nyaata hir'isuun baayyee natti ulfaatee ture sababiinsaas duraan baayyee nyaachaa waaniin tureefi. Garuu karoora nyaataa hordofuuttin cichee boodarra itti baraan dhufe. Bishaanis baayyeen dhuga.''
Guyyaatti hamma sa'aatii shanii jiimii keessatti dabarsuu danda'a.
Suutum suuta qaamnisaa hir'achaa dhufe. Baatii kudhan keessatti Qudraatullaan kiloo giraam 216 irraa gara kiloo giraam 91'tti hir'ise. Guyyaatti gidduugalaa giraama 400 hir'isaa ture jechuudha.
Kunis ulfaatina qaamasaarraa walakkaa kaasee jechuu dha. Mudhiinsaa gara Seenti Meetira 86'tti hir'ate.
Madaalli hojjaa fi ulfaatinasaa gidduu jirus gara 29tti hir'ate. Amma ulfaatina gara malee qabaachuu baatus ulfaatinnisaa guddaadha.

Madda suuraa, Qudratullah
Weerara ulfaatina gara malee
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti akka addunyaatti namoota saddeet keessa tokko ulfaatina gara malee wajjin rakkata.
Haalli furdinaa kuni dhibee sukkaaraa gosa 2 (type 2 diabetes) fi dhukkuba onneef nama saaxila, fayyaa lafeefi dandeettii ilmaan godhachuu irratti dhiibbaa gochuu dabalataan gosa kaansarii tokko tokkoottiif nama saaxiluu mala.
Furdinni gara malee sochii dabalatee hirriba gahaa argachuu irrattis dhibbaa taasisuu mala.
Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessaa UK namoonni nyaata guyyaa keessatti ciree, laaqanaafi irbaata isaanii akka soorataniifi torbeetti kg1 caala akka hin hir'isne gorsu.
Dr Ibraahiim Daaliilii UK irraa Qudraatullaan ulfaatinnisaa olaanaa waan tureef namni akkasii kaalorii xiqqaa soorachuun yeroo dheeraa keessa bu'aa fayyaa fidaafi jedhan.
''Furdinni gara malee jireenyasaa irratti dhiibbaa waan qabaachaa tureef hir'isuun isaaf murteessaa ture.
Qudraatullaan gulantaa soorataa pirootinii, kaaloorii fi vitaaminii gahaa kennuufii hordofaa ture.
Sochii qaamaafi akkaataan soorataa walitti ida'amee ulfaatina hir'isuu isaa saffisiseefi,'' jedhan Dr Daaliiliin.
Ofitti amanamummaa deebi'ee argame
Obbolaan Qudraatullaa ja'aa akkasumas haatifi abbaansaa jijjirama inni fideen akkaan gammadaniiru.
''Amma maatii koof Qudraatullaan nama addaati. Ijollummaa koorraa qabee sababa furdina koon dhibee garagaraa waanin qabaachaa tureef akka malee naa gaddu ture. Amma garuu baayyee gammadoodha.''
Qudraatullaan gammachuu jireenyaa xiqqooma xiqqoon dhandhamachaa jira.
Geejiba uummataa fayyadamuu danda'a, baajaajii keessa akka garaasaa taa'a, kiriikeetiiyyuu taphachuu jalqabeera.
''Amma jireenya koo akka kan nama kaaniti, gammadaa dha.'' Kophee natti tahu argachuunis amma rakkoo miti. Narsiingii baratee abbaasaa dukkaana qorichaa qabu gargaaruu barbaada.
Yunivarsiitii deemuun dura garuu wayyasaa moofaa fi babal'aa haaraatti geeddaruu barbaada.
''Uffanni koo durii hundi amma faayidaa hinqbau, anas tahe nama biraatti hin tahu,'' jedhe.












