Raashiyaan dorgommii muziiqaa bara Sooviyeet kan Itoophiyaan irratti hirmaatte maaliif deebifte eegalte?

Dorgomtoonni dorgommii muuziiqaa idil-addunyaatiif sirna carraa baasuu Jidduugala Biyyaaleessa Raashiyaa dhiheenya Mooksikootti Fulbaana 12, 2025 hirmaatan.

Madda suuraa, EPA / Shutterstock

Raashiyaan dorgommii muziqaa Eurovison irraa erga ari'amtee waggaa sadii booda, dorgomaa bara Waraana Hololaatti kan baayyee addunyaarratti baay'inaan daawwatamaa ture Intervision irra deebitee jalqabdee jirti.

'Intervision' irratti weellisaa Ameerikaa jiraatu irratti hirmaataa jiratulleen, irra caalaa dorgomtoota biyyoota Brics kan baroota dhihoo keessa Raashiyaan walitti dhufeenyashee waliin cimfatte irraa dhufan kan hirmaachisudha.

Xumurri sagantaa kanaa naannoo Moskootti kan gaggeeffamu yoo ta'u, sambata Fulbaana 20, 2025 chaanaalii TV mootummaa Raashiyaan cimsee to'atamuu, Chaanaalii Tokkotiin kan darbuufi YouTube irrattis kallattiin kan darbu ta'a.

Dorgommii bara 1956 yeroo Waraana Hololaa jalqabe kana ilaalchisee wantoota beekuu qabdan saddeet kunooti.

1. Raashiyaan maaliif 'Intervision' deebiifte eegalte?

Raashiyaan weerara Yukireen irratti raawwattee hordofuun bara 2021tti Gamtaa Birodkaasting Awurooppaatiin Eurovision keessaa baafate. Baruma walfakkaataa sanatti, akka agarsiiftuu deeggarsaatti Yukireeniif ammoo gonfoo injifannoo kennameef.

Hanga keessa har'atamtuutti Eurivison Raashiyaadhaaf dudhaa aadaafi siyaasaashee addunyaatti agarsiisuudhaaf akka waltajjiitti itti fayydamaa turte jdhu Baarbaaraa Baareyiroo Lii'on Yunivarsitii Abardeen irraa.

Amma Raashiyaan Intervision deebiiftee eegalunshee ammas biyyoota hirmaattoota waliin walitti dhufeenya barbaacha dudhaalee ishee sana addunyaa agarsiisuudhaaf jette Baarbaaraan.

Marsariitiin Intervision, qophiin kun biyyoota bakka tokkotti fiduun ''miliyoonota kakaasuufi tokkomsuudhaaf'' kan yaadamee fi ''kaayyoo siyaasa kan hin qabneedha'' jedha. Haata'u malee, qorataan seenaa Eurovision Dr Diin Vulentiik kanaan waliin hin galan.

"Intervishiniin bara kana Guraandhala keessa labsii pirezidaantiin kan hundeeffame yoo ta'u, kanaaf gama sanaan qophii siyaasaa ta'uunsaa hin oolu," jedhu Dr Vuletik.

Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov, waa'ee hirmaannaa mootummaan saganticha keessaa qabu ilaalchiisuun gaafatamanii BBC'tti akka akkas jechuun himan: "Biyya keenya keessatti mootummaan aartii guddisuu irratti bobba'ee jira."

Dr Lii'on akka jedhanitti, sagantaa 'Intervision' Kremliniif "olola ishee beeksisuu fi ofirraa ittisuuf, kanneen ejjannoofi dudhaa biyyoota Eurovision'n dorgoman, kan irra caalaan isaanii Yukireen si'omaan deegaraniif faallaa ta'e dhiyeesaniif'' eddoo kennuuf bakka gaariidha jedhu.

Ministeerri dhimma alaa Yukireen Intervishiniin 2025 ''meeshaa olola diinummaafi imaammata dubbii barbaacha Federeeshinii Raashiyaa whitewashing'f'' akka ilaalu dubbatan.

2. 'Intervision' maal jajabeessa?

Weellistoonni lammii Biraazil Luusiyaanoo Kaalaazaans (2ffaa-B) fi Taayis Naader (J) dorgommii bara 2025 Moskootti gaggeeffamuuf carraa baafamu irratti hirmaatan

Madda suuraa, EPA/Shutterstock

Ibsa waa'ee suuraa, Weellistoonni lammii Biraazil Luusiyaanoo Kaalaazaans (2ffaa-B) fi Taayis Naader (J) dorgommii bara 2025 Moskootti gaggeeffamuuf carraa baafamu irratti hirmaatan

Deebiisanii eegalchiisuun akka filannoo aadaa Yuurooviizhinii ta'ee of mul'isaa jira. Hirmaattoota Raashiyaa deggeraniif ammoo waltajjii kan dhiyeessu yoo ta'u, "dudhaalee aadaa waliigalaa fi maati yaada hafuuraa" waliin deggeraa jira.

Akka seera Intervision'tti dudhaawwan kunneen sirboota dorgommii kana keessatti fudhataman keessatti bakka bu'uu qabaatu.

Dorgommiin kun kan raawwatame Raashiyaan seera farra LGBTQ+ jabeessuu ishee hordofeeti. Bara 2023tti Manni Murtii Olaanaa Raashiyaa "sochii ummataa LGBT idil-addunyaa" jedhee waamu dhaabbata finsaaleessaa ta'uu labsuun sochii isaa guutuu biyyattii keessatti dhorke.

Intervision, Eurovision kan ga'umsaa fi beekamtii artistoota LGBTQ+ ta'an leellisuutiin beekamun baay'ee faallaadha. Bara 2024tti lammiin Siwiizarlaand Neemoo dorgommii Awurooppaa irratti nama miseensa kanaan hin taane kan jalqabaa ta'e.

3. Dorgommii kanarratti enyutu dorgoma?

Biyyoota 23 kanneen seensa argatan keessaa Biraazil, Hindii, Chaayinaa, Afrikaa Kibbaa fi miseensota garee biyyoota Brics biroo ni argamu. Isaan keessaa ammoo hedduunsaanii waggoota dhiyoo asitti Raashiyaa waliin hariiroo cimaa kan horataniidha.

Biyyoonni Sooviyeet duraanii hedduun Raashiyaa waliin hariiroo gaarii qabanis waliftoota qabu.

Raashiyaan bakka bu'uun kan hirmaatu ammoo weellisaa pop kan waraana deggeru Shaamaan yoo ta'u, maqaansaa dhugaa Yaaroslaav Dronov yoo ta'u, faaruu bara 2022 Ya Russky [Ani lammii Raashiyaati] jedhuun beekama.

Tarreen guutuun biyyoota dorgommii Eurovision kanarratti hirmaatan: Beelaaruus, Biraazil, Chaayinaa, Kolombiyaa, Kuubaa, Masrii, Itoophiyaa, Hindii, Kaazaakistaan, Keeniyaa, Kirgistaan, Maadagaskaar, Kaataar, Afrikaa Kibbaa, Raashiyaa, Sa'uudii Arabiyaa, Sarbiyaa, Taajikistaan, UAE, US, Uzbeekistaan, Veenzuweelaa fi Veetnaamdha.

4. Ameerikaan hoo laata?

Weellistuun Vasii bara 2016 Chaarlote PIraade irratti sirba dhiheessuun asitti mul'ate tun dorgomtuu Ameerikaa Intervision irratti argamtudha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Weellistuun Vasii bara 2016 Chaarlote PIraade irratti sirba dhiheessuun asitti mul'ate tun dorgomtuu Ameerikaa Intervision irratti argamtudha
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ameerikaan Vaasilikii Kaaraagi'orgoos kan akka Vaasiitti, kan tajaajila tamsaasa muuziqaa kallattii Spotify irratti ummata miiliyoona afurii ol qabduun bakka buufamte.

Kaaraagi'orgoos'n dhalootaan kan Giriik irraa dhufte yoo taatu, Awustiraaliitti guddattee garuu jalqaba 2010tti gara Ameerikaatti darbuu Rooling Istoon Awustiraaliyaa ni mul'isa. Isheenis muuziqaa elektironikaatiin baayyee beekamti.

Isheenis kanaan dura mirga LGBTQ+ akka deeggartu ibsitee kan turte yoo ta'u, duula US NOH8 irratti viidiyoo irratti mul'atteeti, akkasumas dorgommii 'Charlotte Pride 2016 US fi Darwin Pride 2023'Awustiraalii irrattis sirba dhiheessitee tueti.

Taatoo Ameerikaa kan biraa, weellisaa fi qopheessaa, Biraandoon Hawaard, kan karaa viidiyoo Intervision'n Instagram irratti maxxanfameen ''sababii dhimma maatiitiin'' Intervision akka hin hirmaanne dubbate bakka buuteetti.

"Jijjiiramni kun waa'ee Intervision fi hirmaannaa Ameerikaa waan baay'ee nutti hima," jedhu Dr Vuletik.

"Ejensi mootummaa Ameerikaa ykn dhaabbanni mootummaa kanneen intervision Ameerikaan duuba jiran kamiifuu seensi akka hin jirre amma ifaadha."

Vaasiin Intevision irratti hrimaachuudhaaf adabbiin ishee mudatu maluu jiraachu baatulleen garuu, ''pirojektii siyaasaa Vilaadmiir Putiin waliin hidhata qabaachu isheetti miidhaan maqaa ishee mudachuu mala'' akka Dr Vuletik jedhaniitti.

Aartistiin Awustiraaliyaa yoo Ameerikaa bakka buutee surbiitu kan hin baramne fakkaata. Haata'u malee Eurovision walliiftoonni lammii biyya tokkoo hin taane yoo biyyoota bakka bu'urraa hin dhorku.

5. Dorgommiin sirbaa kana attamiin xumurame?

Intervision qophii bara 1968 booda dhaabbate, garuu yeroo jalqabaaf bara 1977, magaalaa Poolaandi Sopot keessatti deebi'ee ka'e.

Madda suuraa, Polish National Digital Archives

Ibsa waa'ee suuraa, Intervision qophii bara 1968 booda dhaabbate, garuu yeroo jalqabaaf bara 1977, magaalaa Poolaandi Sopot keessatti deebi'ee ka'e.

Bara 1956tti kan jalqabe Eurovision'f deebii bilookii Bahaa ta'ee kan eegalame Intervision bara 1965 hanga 1968tti biyya yeroo sana Chechoslovakia jedhamtu keessatti gaggeeffame.

Irra deddeebiinsaa inni lammaffaan ammoo bara 1977 hanga 1980tti hirmaattoota Jaappaan, US fi Kanaadaa irraa dhufan kan hirmaachise ture.

Kufaatii gamtaa Sooviyeet hordofuunis Raashiyaan bara 1994tti dorgommii sirbaa Yurooviziyooniitti makamte.

Raashiyaan bara 2008tti Yurooviizhinii injifatte, achiis waggaa itti aanutti ammoo keessummeessite. Haata'u malee, bara 2014tti, giiftiin Oostiriyaa Conchita Wurst Eurovision injifatte. Raashiyaan ammoo akka idil-addunyaatti Kerimiyaa ofitti fudhachuu isheetiin balaaleffatamte. Achinis, karoorri Intervision irra deebi'ee jalqabuuf jiru mul'achuu jalqabe.

Karoorri kun garuu qabatamaa kan hin taanee yoo ta'u, Raashiyaan hanga bara 2017tti dorgommii Yuurooviizhinii itti fufte. Yeroo sanatti biyyi keessummeessituu Yukireen dorgomaa Raashiyaa biyyattii keessaa dhorkite.

Raashiyaan bara 2018 fi 2021 gidduutti deebiiftee Yuurooviziyooniitti makamte.

Dorgomtoota Intevision bara 1977 suuraa kaa'aa turan

Madda suuraa, Polish National Digital Archives

Ibsa waa'ee suuraa, Dorgomtoota Intevision bara 1977 uffata wal fakkaatu uffachuudhaan suuraa kaa'aa turan lama

6. Sirni beekamaan kanaan dura Intervision irratti sirbameera?

Garee Diskoo Jarmanii Boony M yoo sagantaa Poopii Olaanaa BBC'f bara 1978tti shaakalaa jiran. Isaanitu Intervision irratti hirmaate.
Ibsa waa'ee suuraa, Garee Diskoo Jarmanii Boony M yoo sagantaa Poopii Olaanaa BBC'f bara 1978tti shaakalaa jiran. Isaanitu Intervision irratti hirmaate.

Dorgommii bara 1979 ture irratti, taatoo beekamaan addunyaa Boney M sirba isaanii guddaa Raasputin jedhamu kan kan sirban yoo ta'u, sirbi isaa kunis kan waa'ee seenaa luba iccitii Jaarraa 19ffaa irratti maatii mootii Raashiyaa gowwomse kan himu ture.

Waltajjiin Intervision irrattis artistoonni beekamoo garee Sooviyeet duraanii kan akka weellisaa beekamaa Poolaandi Czesław Niemen hirmaatanii jiru.

Maxxansa YouTube irra dabri
Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

Xumura maxxansa YouTube

7. Badhaasni jiraa, kan injifatu attamiin murtaa'a?

A black-and-white picture of Marion Rung on stage in front of a standing microphone. She is wearing a light knee-length dress, and matching high-heels. Behind the signer there is a stage with two steps, checkered floor, a curtain and a crystal chandelier.

Madda suuraa, Getty Images

Faallaa Eurovision kan dorgomtoonni badhaasa maallaqaa kamuu itti hin arganne, Intervision dorgomaa tokkoffaa baheef doolaara 360,000 akka badhaasu beeksiiseera.

Intervision irratti injifataan garee murteessitoota istudiyootiin kan filatamu yoo ta'u, Eurovision irratti ammoo karaa qabxii murteessitootaafi sagalee ummataatiin filatamu.

Qophii Intervision kanaan duraatti irra deddeebi'ee, mo'attoonni irra caalaan isaanii biyyoota Sooviyeet waliin hiriiranii turan irra ture. Haata'u malee, weellistuun Finlaand Maariyoon Rung bara 1980tti badhaasa olaanaa injiratte.

Akkasumas bara 1962 fi 1973tti dorgommii Eurovision irratti hirmaatteetti.

8. Egeereen Intervision maaliidha?

Nama adabaabaayii Diimaa Mooskoo keessaatti ofee of kaasaa jiru.
Ibsa waa'ee suuraa, Nama adabaabaayii Diimaa Mooskoo keessaatti ofee of kaasaa jiru.

Intervision qophii waggaa taasisuudhaaf karoorri kan qabane yoo ta'u, Dr Vuletik garuu kanarratti shakkii qabaachi ibsu.

''Maal akka uumamu ture arguu qabna...dorgommiin bara kanaa hanga mirkaa'aa ta'a laata'' jedhu.

Dr Leeyoon akka jedhanitti, sagantichi ammallee hordoftoota guddaa kan hin qabnee fi ''dhaggeeffattoota gadaanaa qofa hawwachuu mala. Turtii keessa ammoo miira abdii kutannaa itti uumuu danda'a'' jedhan.

Xumura isaatiin guyyoota muraasa dura, viidiyoon sirboota Intervision miidiyaa hawaasaa fi YouTube irratti hirmaannaa daangeffama argataa ture jedhu Dr Vuletik. Itti dabalunis namoota kumaatamaan lakkaa'aman qofatu ilaalee jechuun akka danda'amu kaasan.

Itti dabaluudhaanis, "Eurovision'n torban tokko dura, sirboota doowwattoota miliyoonaan lakkaa'aman argataa turre," jedheera.

Ammas fedhiin daawwattootaa daangeffama ta'ulleen, Raashiyaan waggaa waggaadhaan dorgommii kana gaggeessuun bu'aa akka qabaatuufitti fudhachu dandeessi.

Raashiyaan dorgommii Sabata dhufaa kanan akka addunyaatti ''qophiilee idl-addunyaa gurguddaa'' qopheessuu dandeessuufi addunyaarraa deeggartoota qabduutti akka ragaatti argasiifachuuf akka carraatti fayydamu dandeesi jedhu Dr Vuletik.