Yugaandaatti beeyladoota furdisuuf qoricha farra-HIV fayyadamuun mormii kaase

Booyyee furdiisuuf qorich HIV fayyadamu

Madda suuraa, Getty Images

Yugaandaatti qorannoo gaggeeffameen foon booyyeefi lukkuu keessatti qorichi namoota vaayirasii HIV waliin jiraataniif kennamu keessatti argamuun gabaafame.

Abbaan Taayitaa Qorichoota Biyyaaleessaa bara 2014 irraa kaasee qorichi farra-HIV kun faayidaarra oolaa tureera jedhe.

Haata'u malee, qorichi farra-HIV anti-retrovirals jedhamu kun foon booyyeefi lukkuu keessatti argamuu hubatulleen ummataaf akeekkachiisa osoo hin kenniin turuun isaa akka qeeqamu taasiseera.

Qorataa olaanaan waajira to’annaa kanaa, Amoots Atumaanyaan paarlaamaatti akka himaniitti, lukkuufi booyyee wallaanudhaaf qoricha namoonni vaayirasii HIV waliin jiraatan akka kennamu ni beekama jedhan.

Qondaalli kun namootaaf qabiyyeen qoricha kanaa xiqqoon yoo nyaata keessa jiraate balaafamaadha jedhan.

Boodarra garuu erga qorannoon qaccee sanyii yaalameen booda yaada isaa kana deebisee tufachuuf yaaluun yaada biraa kaasan.

Dubbi-himaan Abbaa Taayitichaa ammoo akka jedhanitti, erga fayyaa namootaaf balaa kan ta’u ta’ee akeekkachiisni kennamuu qabaataa ture, sababii kaayyoon qaccee sanyii qorachuu qorichoota to’achuuf malee nyaataa ykn soorata beeladootaaf hin turre jedhan.

Gabaasni dhiheenya kana Yunivarsitii beekamaa biyyattii Makarareen dhiyaate tokkos, lukkuun harka afu keessaa sadiifi booyyeen qorannoon irratti gaggeeffamee %50 ol irratti qorichi kun argameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Foon lukkuufi booyyee kanneenitis gabaa magaala guddoo biyyattii Kaampaalaafi magaalaa Kaaba biyyattii Liiraatti dhiyeeffama.

Koree HIV/Aids Mana Maree Yugaandaa fulduratti dhiyaachuun, Aab Atumaanyaan, haala fayyadama qorichi farra-HIV kana bakka gabbisa loonii keessatti jiru irratti Abbaan Taayitaa Qoricha Biyyaaleessaa bara 2014tti qorannoo gaggeessuu dubbatan.

Haata’u malee, wayita gabaasichi maxxanfamutti al-ergii nyaata biyyattii akka hin miineef sodaachuun ummataaf akeekkachiifni hin kennamiin hafe jedhan.

"Kanaaf, haala biraa rakkoon kun ittiin to’atamuu danda’u barbaaduuf yaalii taasisaa turre," jedhan.

Namni qorannoo Yunivarsitii Makarareetti Kollejjiin Saayinsii Fayyaa hojjate irratti yaada kennan tokkos, ‘‘booyyeen yoo qorichi farra-HIV kennameef dafee furdachuun battalatti gurguramu’’ jedhan.

Garuu ammoo Aab Atumaanyaan namni foon akkasii nyaate balaa cimaadhaaf akka saaxilamuufi nama HIVn qabuuf akka hin hojjanne dubbatanii ture.

‘‘Qoricha farra-HIV kanaas dandamannaa ummatta ta’a. Kana jechuunis gara fuulduraatti yoo qoricha kana fudhachuun isin barbaachisa ta’e qorichichi isiniif hin hojjatu jechuudha,’’ jedhan.

Yugaandaa keessa namoonni vaayirasii HIV waliin jiraatan miiliyoona 1.4 irra jira, akka ragaa Dhaabbata Biyyoota Gamtomaniitti.