Riistoraantii lammii Itoophiyaa maanguddoon Ingilizii maaliif jaalatu ?

Tuttuun maamiltootashee keessaa tokko maanguddoo umuriin waggaa 95 Kooliin Seeniisidha
Ibsa waa'ee suuraa, Tuttuun maamiltootashee keessaa tokko maanguddoo umuriin waggaa 95 Kooliin Seeniisidha

Tuuttuu Malaakuu magaalaa Ingiliiz Reediing keessatti naannoo Paarki Paalm jedhamuutti kaaffee fi reestoraantii qabdi.

Maamiltoonni ishee irra caalaan ammoo maanguddoota umuriin jaarani. Yoo torban tokkoof mana nyaataa isheetii badan hin obsitu. Bilbiltee nagaasaanii gaafatti.

Tuttuun 'maanguuddoota ni kunuunsiina'' jetti. Itoophiyaa keessatti maanguddoon ''waan fedhe ta'u'' ijoolleesaanii waliin akka jiraatan dubbatti.

''Akka hawaasaatti maanguddoota umuriin jaaran kunuunsu qabna'' jetti.

"Maaloo karra saanii rukunnee haa gaafannu. Haa bilbiluuf. Isaan waliin akka jirru itti haa himnu,'' jetti.

Tuuttuun Fulbaana darbe hojiishee kanaaf badhaasa argattee jirti. ''Dhimmi guddaan namootaaf eddoo akka kenninu'' agarsiisuudha jetti.

''Namoonni rakkoo mataasaanii qabu'' jetti. "Itoophiyaa keessatti maangudoota umuriin jaaraniin kunuunsuun dirqama. Nu waliin jiraatu. Manni maanguddootaa jedhamu hin turre. Kanaaf natti fakkaata maanguddoota kunuunsuu akka hojiikootti kanan lakkaa'u?'' jetti.

Tuuttuun deeggarsa karaa reestoraantii isheetiin gootuuf badhaasa argatteetti

Maamitoota ishee keessaa tokko maanguddooo umuriin waggaa 95 Kooliin Deeniis. Fayya qabeessoo fi gammachuun kan fuularraa mul'atuudha. Maanguddoon kunis ofii danda'uun akka deeman dubbatti.

Kooliin ollaa intalsaanii jiraatu. Kun ammoo namni isaaniif qaqqabu akka jiru akka itti dhagahamu isaan taasise.

''Baayyee namatti tola. Yeroo hundan isa arga. Gamadaadha. Sababiinsaa maal akka ta'e nan beeka,'' jetti.

Deeniis kanuma dhugaa bahu. Intalsaanii fi abbaa warraashee waliin ni nyaatu. Yeroo tokko tokkoos TV waliin ilaalu.

''Na kunuunsu. Waa'ee isaanii shakkii omaatu hin qabu. Yeroon qofaakoo ta'u barbaade qofaa ta'u nan danda'a'' jedhu.

Deeniis fayya qabeessoodha

Tuttuun naannichatti gara waggaa 18'f kaaffee fi resitoraanii hojjataa turte. Hojiinshees hawaasa naannichaatiin jalatamaa ta'u dubbatti.

''Hawaasni kan namoonni bakkeewwan garaa garaarraa dhufe keessa jiraatuudha. Anis hundan simadhee keessummeessa. Umuriifi sanyiin qoodee loogii hin uumu. Hundaa qixuman ilaalaa'' jechuun BBCtti himte.

"Kanaaf natti fakkaata kaaffeenkoo kan hanga har'aatti hojiirratti argamu. Sababiinsaa kaayyoonkoo mummeen hawaasa tajaajiluudha.''

"Kan hawaasa tajaajillu yoo ta'e, daldalli keenya ofumasaatiin socha'a'' jechuun dubbatti.

Tuttuun akka jettuutti, hawaasa tajaajiluu qofaa osoo hin taane ofiisheetinis ittiin fayydamteetti.

''Anaafis taanaan bu'aadha. Lubbuunkoo ni boqatti. Nan gammada. Hojii gaarii akkan hojjadhe yoon yaadu gammachuu natti dhagahama'' jetti.

"Anaaf jireenyi kana. Namootaa yoo kunuunsine, namoonnis deebiisanii nu kunuunsu.''