Hokkorri istaadiyoomii Giinii keessatti ka'e namoota hedduu galaafate

Hokkora dirree kubbaa miilaa Giiniitti dhalate

Magaalaa guddoo lammaffaa Giinii Nizerekooree keessatti istaadiyoomii tapha keessummeessaa jirutti hookkara mudateen yoo xiqqaate lubbuun namoota 56 darbuu mootummaan beeksise.

Lakkoofsi namoota du'anii hanga 100 gaha jedhu namootni kaan.

Taateen kun kan dhalate daanyaan taphichaa taphattoota garee keessummaa lama kaardii diimaan dirree keessaa ari'ee garee abbaa dirreef rukuttaa peenaalitii kennuu hordofeeti.

Ministirri Muummee biyyattii Oorii Baah ibsa baasaniin dhimmichi qoratamaa jiraachuu himan. Taatee mudateen ''gaddisiisaa'' jedhanii ergaa gaddaas dhaamani.

Dooktarri maqaansaa akka hin dhahamne gaafate tokko yaada AFP'f kenneen ''hospitaala keessa hamma ijji namaa arguu danda'u reeffa namaatu guute'' jedheera.

''Daandii namni irra daddarburra reeffi lafuma ciiseera. Kutaan reeffaa guuteera'' jechuunis hime.

Miidiyaan biyya keessaa akka gabaasetti deeggartootni garee keessumaa murtee daanyaatti aaranii dirreetti dhagaa yoo darbatan poolisiin gidduu seenee aara nama boochisu dhukaasaa ture.

Namni ijaan arge tokko yaada AFPf kenneen ''taateen sun kan mudachuu eegale murtee falmisiisaa daanyaan booda. Achii deeggartootni dirree weeraran'' jedhe.

Suuraa fi viidiyoowwan miidiyaalee hawaasaa gubbaa qoodamaniifi BBC'n mirkaneeffachuu danda'e istaadiyoomiin alatti jeequmsi guddaan akka ture, namootni gariin keenyan yoo yaabaniifi namoota lafa kufanii jiranis agarsiisa. Namoota kana keessaa gariin daa'immani.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaazexessaan biyyattii tokko yaada BBC'f kenneen Istaadiyomichi daawwattoota kumoota hedduun akka malee guutee akka ture dubbate.

''Karri ittiin bahan tokko qofa ture... namootni gariin dallaan utaaluuf yaalaa turan. muddaamni yoo dhalatu namni hunduu bahuuf figaa ture. Karri ammoo dhiphaadha. Warri utaaluu hin dandeenye lafumatti hafan.''

Ministirri Muummee Baah warra lubbuun darbeef gadda isaanii yoo ibstan, warra miidhaan irra gaheef ammoo waldhaansa fayyaa guutuufi deeggarsa xiinsammuu akka kennan waadaa galan.

Qaamni kubbaa miilaa Giinii hoogganu, Feguifoot, ''waan baayyee nama dhukkubsu'' jechuun kubbaan miilaa ''kan oonnee tokko godhee sammuu walitti fidu malee kan balaafi gadda fidu mitii'' jedheera.

Pireezidantiin Koonfeereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa, Caf, Paatriis Moseeppee ibsa baasaniin warra du'aniif jannata hawwaniiru.

Giiniin akkuma Itoophiyaa, Gaambiyaa, Chaadfi Seeraaliyoon, sababa dirreenshee ulaagaa idila addunyaa hin guutneef tapha intarnaadhinaalaa dirreesheetti akka hin keessumeessine Caf'n uggurri irra kaahamee jira.