Raashiyaa fi US waraana Yukireenirratti olaantummaa fudhachuuf wal dorgomaa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Guyyoota muraasa darban keessatti bulchiinsi Pirezidantii Ameerikaa Joo Baayiden fi Raashiyaan tarkaanfii adda addaa ta'e - garuu waraana Yukireenirratti dhiibbaa uumu dabarsan.
Tarkaanfii kana kan fudhatan wayita Doonaald Tiraamp Waayit Haawusitti deebi'uuf ji'a lama qofti hafetti.
Tiraamp sa’aatii 24 keessatti waraana Yukireen dhaabsisuuf waadaa seenee otoo hin raawwatiin dura Mooskoon lafa qabachuuf, Baayiden ammoo daangaa yeroo dheeraaf hin darbinu jedhan laaffisaa jiru.
Yukireen misaa’ela fageenya dheeraa furguggifamu 'Atacms' jedhamu yeroo jalqabaaf daangaa Raashiyaa keessatti dhukaaste.
Kiiv naannoo bahaatti Yukireen to’achuuf muddamaa wayita jirtutti, Baayiden fanjiiwwan namoonni yeroo itti dhiyaatan dho’an doolaara miiliyoona 300 (£239m)tti tilmaamamu baasan Yukireeniif erguuf waadaa seenan.
Baayiden tarkaanfii kana akka fudhatan kan kakaase Raashiyaan loltoota Kooriyaa Kaabaa kumaatamaan lakkaa’aman dirree waraanaatti bobbaasu hordofeeti.
Ameerikaan tarkaanfii Raashiyaan fudhatte kun ‘‘dubbii ittuu hammeessuudha’’ jetti.
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin haala itti fayyadama meeshaa niwukilaraa Raashiyaa laaffisuun waldhabdee kana daran jabeessaniiru.
Tarkaanfiin kun dirree waraanaarratti mo’amuu “hambisa” jetti Mooskoon.
Raashiyaan haleellaa xiyyaaraa guddaa ji’oota sadiif Yukireenirratti bante itti fuftetti.
Haleellaan xiyyaaraa Raashiyaan deebistee bante hammaachuu hordofe Roobii darbe Imbaasiiwwan biyyoota Lixaa hedduun cufamaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Hundisaa walqabataadha'' jedha Yukireenitti Ittigaafatamaan dhaabbata Qorannoo Ji'oopoolitiksii Maayikaayiloo Saamus.
Pirezedantiin Ameerikaa haaraan aangoo qabachuu dura dhaamsa dabarsuuf Raashiyaan haleellaa raawwachuu torban hedduudhaaf misaa’eloota dhibbaan lakkaa’aman kuufachaa turte jedha Saamus .
Kibxata darbe kana Yukireenitti guyyaa 1,000ffaa weerara Raashiyaatu yaadatamaa ture.
Humnoonni Raashiyaa bakkeewwan ijoo baha Yukireenitti argaman dhuunfachuuf haleellaa jabaa banan.
Miirri gara Mooskoo jiru, Yukireen yeroof malee ''harka Raashiyaa bu’uu hin ooltu kan jedhu akeeka'' jetti giddugala ‘Carnegie Russia Eurasia’ kan hojjattu Taatiyaana Istanovaya.
Ammajjii 2025 irraa kaase garuu Vilaadmiir Puutin dhimmoota biro xiyyeeffannoo keessa galchu qaba jetti.
''Yoo Puutin dubbii hammeesse, carraa waliigalteerra gahuu balleeessa. Kanaafuu filannoowwan jiran fudhachuuf qophaa’u qaba'' jetti.
Buchiinsi Baayiden Yukireeniif meeshaalee waraanaa akka misaayilotaa, fanjii fi diroonii Yukireeniif kenne.

Madda suuraa, South Korean Defense Ministry via Getty Image
Murteen hogganaan Ameerikaa Kiyiiv naannoo Raashiyaatti misaayila Atacms dhukaasuu akka jalqabdu hayyamuuf murteesse Kiyiiv gargaarurratti xiyyeeffate.
Tiraamp hanga ammaatti dhimma kanarratti homaa dubbachuu baatus, Gorsaa dhimma nageenya gochuun kan filatan Maayik Waaltiz, “tarkaanfii dubbii hammeessuu fi garamitti akka adeemu eenyullee hin beekne” jechuun dubbatan.
Ilmi Doonaald Tiraamp abbaan isaa gara Waayit Haawusitti osoo hin deebi’iin dura Baayiden “Waraana Addunyaa Sadaffaa kaasuuf yaalaa jira’’ jechuun himate.
Rippabilikaanonni muraasni tarkaanfii Baayiden kana kan deeggaraniiru, Seneter Liindsay Giraaham “Yukireen gargaaruuf siyaasa ittiin dalagaa jiru” jedhee qeeqe.
Deebiin Raashiyaa tarii dorsisa qofa ta’u mala ykn ta’uu dhiisuus mala.
Raashiyaan qajeelfama ittifayyadama meeshaa niwukilaraa haaromsuun biyyoota boombii niwukilaaraa otoo hin hidhatiin, biyya boombii niwukilaraa hidhatteen deeggaramuun yoo Raashiyaa haleelte Mooskoon akka rukutuu eeyyama.
Akkasumallee ‘’yoo haleellaan xiyyaaraa guddaan irratti raaawwatame’’ tarkaanfii kana Raashiyaan fudhachuu akka dandeessu eeyyama.
Kaawunsilii dhimma idil-addunyaa Raashiyaa keessa kan hojjatu Alkesaandar Yermaakov, qabatamaatti boombii niwukilaaraatti fayyadamuuf waan hojiitti hiikamu miti jedha.
Taatiyaana Istanovaya, Puutin Waraanni Addunyaa Sadaffaa akka jalqabuu barbaada jechuu miti , “anga’oota biyyoota Lixaa naasisuufi'’ jetti.
Ammajjii dhuftu maaltu akka ta‘uuf jiru namni kamuu ni tilmaama.
Keessa beektoonni Kiremlin waraanichaa dhaabuuf haalduree barbaachisu ibsaa jiru. Pirezedantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin ammoo ejjannoosaanii ifatti dubbataa jiru.












