Badhaasa BBC Kumla Dumor kan argatte Ruqiyaa Bulee eenyu?

Madda suuraa, NTV
Badhaasa BBC Kumla Dumor kan bara 2024 kan injifatte Ruqiyaa Bulee Keeniyaatti gaazexeessituu dhiibbaa guddaa uumaa turtedha.
Umriinshee waggaa 26 kan ta'e Ruqiyyaa Bulee badhaasa kana argachuun nama saglaffaadha.
Miidiyaa Keeniyaa Nation Media Group jedhamu keessatti qabiyyeewwan jiruufi jireenya dhala namaarratti xiyyeeffatan hojjechuun beekamtii argatte.
Kana malees, qabiyyeewwan dhimma dhala namaa hundaa ta'aniifi ogummaa gaazexeessummaa bifa hawwataa ta'een dhiheessuun miidiyaa hawaasaa irratti dhageettii guddaa qabdi.
Keessattuu TikTok irratti baayyee beekamti, hordoftoota ishee amanan hedduu qabdi.
Abbootiin seeraa dorgommii badhaasa kanaa haalota qormaataan guutaman keessatti obsaa fi dandeettii qabatamaa Ruqiyaa Bulee agarsiifte guddoo jajan.
Kutaalee hawaasaa carraa hin arganneef akkitti sagalee ta'aa turtee fi akkaataa itti oduu dhiheessituun madaala kaasuu ishee eeran abbootiin murtii.

Madda suuraa, NTV
Ruqiyaa Bulee bara darbe dubartoota Muslimaa Keeniyaa akkaan dhiibbaan uuman jedhaman 100 keessaa adda durummaan eeramtee turte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Miidiyaa Keeniyaa keessatti isa guddaa fi beekamaa ta'e keessatti hojii gaazexeessummaan ga'umsa agarsiisteen maqaa horatteetti.
Wayita badhaasa kana mo'achuu bartu akkas jette: ''Badhaasa kana argachuun anaaf waan guddaadha. Akka gaazexeessaatti hojii gaarii hojjechuuf yoomuu ni carraaqxa.
Badhaafamtus badhaafamuu baattus hojii bareedaa hojjechuuf tattaafachuun dirqama. Ammoo badhaasa Kumla Dumor mo'attee waltajjii addunyaatti ba'uun waan gaarii hojjechuu kee mirkaneessa.''
Yunivesritii Idil-addunyaa US- United States International University (USIU) jedhamurraa digirii jalqabaa gaazexeessummaan kan argatte Ruqiyaa Bulee, ogummaa gaazexeessummaan alattis waltajjiiwwan adda addaa gaggeessuun ni beekamti.
Badhaasi kun ishee qofaaf osoo hin taane namoota akkasheefi kaaniif kaka'umsa akka ta'u amanti.
''Badhaasi kun namoota akka kiyyaa, kanneen hijaaba uffatanii fi hawaasa lakkoofsaan xiqqoo ta'an irraa dhufaniif hamilee guddaa ta'a jedheen abdadha. Guddaa abjootanii akka kaayyoosaanii milkeessaniif isaan jajjabeessa,'' jette.
Ruqiyaa Bulee miidiyaa dijiitaalaa keessatti qabiyyeewwan hojjettuun qalbii hawaasaa keessa seente.
Miidiyaa Nation keessatti dhimmoota biyyaalessaa kanneen akka filannoo 2022 fi qormaata biyyaalessaa irratti hojjechuun adda duree turte.
Kutaaleen hawaasaa xiyyeeffannaa dhaban karaa miidiyaa akka dhimmisaanii dhaggeettii argatuuf odeessa hedduu seenessuun hojjechuunis daran beekamti.
Akkaataan isheen itti odeessa qindeessitu namoota hedduuf hamilee ta'eera.
Ruqiyaa Bulee badhaasa kanarraa maal fayyadamti?
Badhaasi BBC Kumla Dumor beekamtii guddaadha. Kana cinatti badhaafamtoonni carraa beekumsa gaazexeessummaa gabbifachuu ni argatu.
Ruqiyaa Bulee BBC keessatti leenjii ni argatti, akkasumas biyya Afrikaa keessaa tokko keessa naanna'uun akkaataa imaammata BBCtiin gabaasa ni hojjetti.
Gabaasi isheen hojjettu hordoftoota BBC addunyaa irra jiran hunda bira akka ga'u taasifama.
Yeroo ammaa akka daarektara olaanaa BBCtti hojjetaa kan jiru Taarik Kafala badhaasi Kumla Dumor dandeettii gaazexeessitoota Afrikaa hedduu gabbisaa jiraachuutti akka gammadu ibse.
''Badhaafamtoonni kanaan duraa ogummaa gaazexeessummaan hawaasa tajaajiluu keessatti guddoo gumaachan. Bara kana ammoo Ruqiyaa Bulee gammachuun simanneerra,'' jedhe.
Gaazexeessitoonni Afrikaa kanaan dura badhaasa kana argatan Paa Kuweesii Asaaree, Dingindaba Joonaa Buyooyaa, Viktooriyaa Rubadirii, Solomon Sarwanjaa, Wayihigaa Mwaura, Amiinaa Yuguda, Didi Akinyeluuree fi Naansii Kaakunjiiraadha.
Badhaafamtuun bara darbee Asaareen gara Keeniyaatti ergamuun waa'ee warraaqsa doqdoqqee elektirikiin hojjetuu hojjetaa baate.
Badhaasi Kumla Dumor maqaa gaazexeessaa lammii Gaanaa, BBC World News irratti oduu dubbisuun akka mallattoo miidiyichaatti ilaalamaa tureen kan mogga'edha.
Gaazexeessaa gameessi kun bara 2014 umriisaa waggaa 41tti du'e.
Seenaa, duudhaa fi jiruu fi jireenya Afrikaa qixa sirrii ta'een addunyaatti beeksisuu keessatti qooda olaanaa gumaache.












