TikTookiin ifatti cufamuun dura Ameerikaa keessatti tajaajila kennuu dhaabe

Haala TikTookiin US keessa jedhu

Madda suuraa, EPA

TikTookiin US'tti toora intarneetirraa kan kaafame seerri haaraan miidiyaa hawaasaa kana dhorku hojiirra ooluuf sa'aatii muraasni wayita hafetti.

Maamiltota aappiicha Ameerikaa jiran birattii dhaamsi mul'ate, seerri TikTookii dhorku ragga'era.

Kana jechuun ''ammaaf TikTook fayyadamuu hin dandeessu'' jechuudha jedha.

''Pirezidant Tiraamp erga aangoo qabatanii booda TikTookii deebisuuf nu waliin akka hojjetan akeekuun isaanii carraa gaariidha,'' jedha.

Bulchiinsi Baayidan barri aangoosaanii goolabamaa jiru uggurri kun akka hojiirra hin oolle yoo dhoowwe malee, Dilbata kanarraa kaasee akka tajaajila dhaabu akeekkachiisee ture.

Pirezidantiin Ameerikaa haaraa filataman Doonaald Traamp Wixata erga muudamanii booda guyyoota 90'f TikTookii uggura jalaa baasuu hin oolan jedhamee eegama.

Maamiloonni miidiyaa hawaasaa kanaa aappichi kuusaa appiiwwanii Ameerikaa Apple fi Google irraas kan haqame yoo ta'u, TikTok.com viidiyoo agarsiisaa akka hin jirre himan.

Tiraamp Sambata darbe NBC'tti akka himanitti, "Tiktookiin guyyoota 90 akka hin ugguramne yeroosaa dheeressuun waan hin oolle, sababiin isaas tarkaanfii sirrii" jedhan.

"Yoon akkas gochuuf murteesse, Wiixata tarii beeksisuun mala" jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waayit Haawus tarkaanfii fudhachuun gahee bulchiinsa haaraa dhufuu akka ta'e ibseera.

Pirees Seekiratariin Kaariin Jiin Piyeer ibsa kennaniin, "bulchiinsi Tiraamp Wixata dhufu aangoo qabachuu isaa dura guyyoota muraasa dhufan keessatti sababni TikTookii ykn dhaabbileen biroo tarkaanfii fudhataniif hin jiru" jedhan.

Manni Murtii Olaanaa biyyattii Jimaata darbe seera kana dura bahe raggaasise.

Dhaabbati Chaayinaa ByteDance hanga Dilbataatti miidiyaa hawaasaa kana yoo hin gurugurre US keessatti aappiicha dhorkameera.

Aappichi hanga yoonaatti hin gurguramne.

TikTookiin seerri kun mirga bilisaan yaada ofii ibsachuu maamilootasaa miliyoona 170 biyyattii keessa jiranii cabsa jechuun falme.

Murtii kana booda hoji gaggeessaan olaanaa TikTook, Shuu Zi Chew, Tiraampitti iyyachuun, ''furmaata barbaaduuf nu waliin hojjechuuf waadaa galuu isaaniif nan galateeffadha'' jedhan.

Obbo Chew Wixata dhufu kana sirna kakuu Tiraampirratti ni argamu jedhamee eegama.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.