Wal dhabdeen gaggeessitoota ABO furamee tokkummaan filannootti hirmaatuu?

Madda suuraa, AFP
Hoggantoonni Paartii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) erga gara biyyatti deebi'anii wal dhabanii adda ba'an garee Obbo Daawuud Ibsaa fi garee Obbo Araarsoo Biqilaa giddutti 'araarri taasifamuuf mari'ataa jiru' jedhame tibbana miidiyaa hawaasarratti qoodamaa ture.
Garee hoggantoota ABO wal dhabbiin giddutti uumaame kana giddutti dhuguma mariin eegalame jiraa? Yoo jiraate maal irra irra ga'eera? kan jedhu irratti BBC'n hogganaa Olaanaa ABO keessaa tokko kan ta'an Obbo Qajeelaa Mardaasaa waliin turtii taasiseera.
Waggoota shanan darbaan erga garagarummaan hoggantoota dhaabichaa gidduutti taasifamee as gama koree hoji raawwachiiftutiinis ta'ee gama jaarsummaaatin yaalii araaraa heddu taasifamaa turuu himan.
Haata'uu malee furmaata waan hin argatiniif gama boordii fillannootti darbuun baatii Hagayyaa bara 2020 hanga Amajjii bara 2021 jechuunis baatii torbaa oliif yaalamuus, hanga yoonaa utuu furmaata hin argatin akka jiru Obbo Qajeelaan kan dubbatan.
''Yaadni furmaataa dhiyaatu garee saanaan (garee ABO Obbo Daawud ibsaan hogganamuu jechuu isaaniti) waan fudhatama hin arganneef utuu hin milkaa'in hafe'' jedhan. Gama isaaniin garuu yaada furmaataa dhiyaatu fudhachuuf qophii ta'uu eeran.
Wal dhabdeen hoggantootaa kana giddutti erga uumameen booda gareen ABO Obbo Araarsoo Biqilaafaa qophaatti kora gaggeeffachuun boordii biyaalessa beeksisuullee boordichi kora sana kuffiseeera.
''Adeemsa seeraa akkasumas labsii filannoo fi dhaabaa kan eege miti'' jechuun wayita sanatti boordiin filannoo kan fudhatama dhabsiise.
Adeemsa qofa qofaatti taasifamu caalaa bakka tokkotti dhufanii rakkoo isaan gidduu jiru furachuun kora waloo filannoo irratti isaan hirmaachisu akka gaggeefataniif qajeelfama kaa'utu ibsame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garuu gareen ABO Obbo Araarsoo Biqilaa kan obbo Qajeelaan keessa jiran boordicha mana murtiitti himachuun hanga dhaddacha ijibbataatti dhiyeessan.
Manneen murtii gadii itti murteessanillee dhaddachi ijibbaataa boordiin filannoo murtii siyaasaa ilaalamuu qabu irra deebi'ee akka ilaalu qajeelchee ture jedhan Obbo Qajeelaan.
Garuu boordichi hanga yoonaa fala utuu hin kenniin dhimmicha lafarra harkisuufi waligalteen garee lamaan giddutti akka taasifamu yaalii gochaa akka jiru dubbatan.
''Boordiin filannoo nu suphuuf yaalii heddu godhera ammallee itti jira.'' Haata'uu malee, turtii kana keessatti himannii fi falmiin ture isaanif boordii gidduutti male garee ABO irraa adda ba'an waliin qunnamtiis ta'ee falmii akka hin qabne himu.
''Himanni nuti dhiyeessine boordiin sababa quubsaa malee kora nuti gaggeessine nu jalaa haqee kan jedhu qofa malee akka miidiyaa hawaasarra deddeemu waan gareen lamaan mana murtiitti wal himatan fakkeefamu miti,'' jedhan Obbo Qajeelaan.
Kanaafis erga waggoota shanii as garee lamaan kana gidduutti walitti dhufeenyis ta'ee mariin akka hin jirre mirkaneessan.
''Kallattiin walitti dhufnee mari'achuu baannus boordiin filannoo dhimma kana akka furmaata itti godhuu gaafataa turrerra'' jedhan.
Gareen ABO kan Obbo Daawud Ibsaan dursaman ammoo erga bara 2019 as kora hin gaggeessinee. Haata'uu malee baatii Adoolessa darbe keessa 'yaa'ii gumii sabaa dhaabbataa 3ffaa'' taasifachuun hoggantoota muraasa dhaaba keessa gaggeessu ibse.
Garuu boordiin filannoo biyyaalessaa akkuma kora garee sanaa yaa'ii gumii sabaa kanas akka kuffise, akkasumallee gareen kunis murtii boordichaa mormuun iyyata galfachuu gabaasaleen kan eeran.
Abdii gaaddisa tokko jalatti deebi'uu

Madda suuraa, Getty fi Boordii Filannoo
Addi Bilisummaa Oromoo erga hundeeffamee kaasee bakka heddutti adda adda qoodamuun maqaan isaa jalqabarratti ka'a.
Bara hoggansaa hayyuu dureen ABO Daawud Ibsaa qofa jechuunis waggoota kurnaa sadan darban keessa yoo xiqqaate ABO yeroo shanii ol adda baheera akka hogganaan kun jedhanitti.
Waanti ammas isaan muudate, ''Maraanmartoo kaleessaa sana keessa bahuu dadhabuudha'' jechuun ibsan. ''Ilaalcha anuma qofatu ABOdha jedhu yeroo biyya ollaa jirru irraa kaasee hanga yoonaatti nu danqaa jiras'' jedhan.
Wal dhabbeen isaanii dhimma tarsimoofi imaammata dhaabichaa utuu hin taane ''atakaroo hoggansaati'' jechuun ibsu.
''Ilaalcha ana maleetu ABO dhaaba kana amma maqaa isaa gahu dhorke. Kanatti bakka ummatni itti nu eegu gahuu hanqate'' jechuun badii kanaaf garee irra adda bahanitti quba qaban.
Gareen ABO hayyuu duree Obbo Daawuud Ibsan gaggeeffamus qofaatti 'yaa'ii gumii sabaa dhaabbataa 3ffaa'' taasifate keessatti hoggantootni dhaaba keessa haqaman kunneen mootumma waliin hojjatu jechuun of keessa baasuu beeksise.
''Gareen kun dhaaba irraa of baasuun mootummatti galaniiru, inumaa dhaaba kana (ABO) diiguuf dhaaba biyya bulchu waliin hojjechaa jiru,'' jechuun himate.
Dhimma kana irratti gareen Obbo Araarsoo faa deebii isaanii akka kennaan boordiii filannoon gaafatamuu dubbatu Obbo Qajeelaan. Isaanis deebii isaanii boordii filannoof dhiyeessuu dubbatan.
Boordiin filannoo gareen lammanuu qaama tokko ta'anii akka galmaa'aniif fi rakkoo isaan gidduu jiru xumurataniif deeggarsaa gochaa turu dubbatan Obbo Qajeelaan
Haata'u malee, adeemsi kun ammallee xumura akka hin argannee himan.
''Silaa yeroo kanatti kadhimamtootaa dhiyeeffachuu, filannoof qophaa'uun kan nurra ture nuti wal danqaa jirra. Wal danquu malee, marii tokkoyyuu nu gidduu hin jiru'' jedhan.
Haala waggoota shanan kana keessa turan irraa ka'uu fi akka hoggansa ka'uumsa wal dhibdee isaanii keessa beekanitti gaaddisa tokko jalatti deebi'uun isaanis ''waan ta'u hin fakkaatu'' jechuun sababoota isaanii dhiyeessu.
Sababootni kunneenis tokko yeroon filannoo jala bu'uu fi atakaroon isaan gidduu utuu furmaata hin argatiin gara filannootti deemamuun kan hin danda'amne ta'uu
Akkasumas amallee ''ilaalcha namtokkee'' jiraachuu. ABO dhaaba qabsoofi wareegama guddaa kan deggartoota miliyoona heddu qabu ''namni tokko kiisa isaa keessa waan kaaawwatee deemuu fakkeessuun'' kanneen abdii tokko ta'uu sanadanqan ta'uu ibsan.
Kufaatii fi atakaroo hoggansaa rakkoo kanaaf isaan saaxile keessa ba'uuf dhaabicha keessatti rifoormiin akka barbaachisu kaasuun rakkoodha, maqaa biraatu siif mogga'aa jedhan Obbo Qajeelaan.
Carraa mootummaan paartilee morkattootaa hirmaachisee biyya bulchuu kenne keessatti gareen ABO Obbo Araarsoo fi Qajeelaa faa hirmaachuun mootummaa waliin hojjachaa jiru.
Mootummaa waliin ta'uun ABO kuffisuuf hojjatu himata jedhu irrattis Obbo Qajeelan, ''mootummaa waliin hojjachuun yakka miti. Waan dhaaba keessa nama haqsiisus miti. Ta'ees hin beeku jedhan.
Akka Obbo Qajeelaan jedhanitti, ''tarii biyya kanatti hin baratamuu dhabuu danda'a, garuu waanuma addunyarratti ta'aa jiruudha. Carraa kanaan paartilee morkattootaa hedduun mootummaa waliin hojjataa jira, garuu sun paarti isaanii keessa isaan hin haqsiisne'' jechuun ibsu.
''Dhugaan jiru kan ta'ee osoo jiru maqa balleessi, burjaajii uumuuf yaaluu, ololaa adda addaa walirratti oofuu, arrabsoo fi wal danquurraa kan hafe akka miseensota dhaaba tokko jalatti waggootaaf qabsaa'aa turee tokkotti rakkoo hiikuu irratti xiyyeeffchuu garee sanarraa( garee ABO Obbo Daawudin durfamu jechuu isaaniti) hin mul'atu'' jechuun dubbatan.
Kanaaf dhaaba ykn gaaddisa tokko jalatti deebi'uurraa akka abdii kutatanillee eeran. Ta'us garuu haalotni sana miijessan jiraannan gama isaanin qophii ta'uu dabaluun akeekaniiru.
Boordiin filannoo paartileen waggaa waggaa sadii sadiin kora akka gaggeefatan labsii qaba.
ABO'n kora walii galaa erga gaggeefatee gara waggootajaha ta'eera. Kuniyyuu paarticha haqsiisuu waan danda'uuf yaaddoo qabnaa jedhan obbo Qajeelaan
Dabalataanis paartiin tokko filannorratti marsaa lama hin hirmaanne taanan akka haqamuullee labsiin dhimma filannoo akka jiran eeran.
Kanaaf carraan walii galuu isaanii yoo hin jiraannee sababa 'danqaa' isaan giddutti umame kanaan filaannoo irratti utuu hin hirmaatin hafuu akka danda'an ibsaniiru.
''Yoo hundi keenya fudhannee irratti walii gallee dafnee gara qophii filannoo seenuu dandeenya, yoo hin danda'amnemmoo ofumaa wal 'danqinee' hiree kana dhabuuf jirra kun itti gaafatama seena jalaa kan nama hin baasnellee ta'aa'' jechuun himan.
Gama isaaniin yaada furmaataa boordiin dhiyeessu ni fudhaf qophii ta'uu isaanillee cimsanii dubbatan.
Filannoof haalli miijataan jiraa?

Madda suuraa, ENA
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannoo marsaa 7ffaa Itoophiyaatti gaggeeffamuuf qophii barbaachisaa taasisaa jiraachuu fi paartileen morkattootaas qophii fi ulaagaa barbaachisu yeroon akka guuttatan hubachiise ture.
Mootummaanis filannoon itti aanu kan yeroo kamuu caalaa demokiraatawaa fi haqa qabeessa akka ta'uuf tumsa barbaachisaa ta'e taasisuuf kutannoo akka qabu MM Itoophiyaa Abiy Ahimed baatii darbe paarlamaa irratti dubbataniiru.
Haata'u garuu paartileen mormitootaa kanneen akka ABO fi KFO dabalatee hedduun ibsa ijjannoo kennaniin filannoon biyyaalessaa marsaa 7ffaa Itoophiyaa keessatti gaggeeffamuuf haalotni miijataan akka hin jirre ibsaaniiru.
Paartileen kunneen, filannoon osoo hin gaggeeffamin dura haalli nageenyaa biyya keessa akkasumas boordii filannoo dabalatee wantoonni heddu haaromuu akka qaban gaafatan.
Akka paartileen kunneen jedhaan dirreen siyaasaa fi haalli Itoophiyaa keessatti filannoo adeemsisuuf dandeessisan hin jiranii?
Obbo Qajeelaan ''kun rakkoo keessoo keenyaa fuunee qaama biraatti maxxansuuf yaaludha, kanaaf nuti gama keenyan hin ta'u jenna'' jedhan.
''Nuti gama tokkoon Finfinnee keessa ta'aa gama biraan ammoo qabsoo hidhannoo gaggeessina ijjannoo jedhutti hin amannuu. Fakkeenyaaf warri bosonaa qabsoo hidhannoo gaggeessanii fi biyya keessa hin jirree galan malee ykn mootummaan diigamee mootummaan ce'uumsaa ijaaramuu malee filannoon gaggeefamuu hin qabu kan jedhu hin deeggarru.
Rajjoon tokko tokko jiraa fakkeenyaaf haalli nageenyaa akka sirratu gaafachuunfaa sirridha rakkoo sana sirreessanii filannoo taasisuun ni danda'ama. Haata'u malee sababa funaananii filannoo waggaa 5'n keessatti al tokko dhufu haquu ykn dabarsuun waan hedduu diiguu gaafata.
Kun waan heera mootummaa hanga jijjirutti geessuuf waan yeroo gabaabaa keessatti qabatamaan ta'uu hin dandeenyedha.
Sun ijjannoo dhaaba keenyyallee miti. Paariin tokko yeroo qaama sadaffaa waliin waligaltee mallatteessitu murtee fi ijannoo dhaabaa barbaada. Yeroo baay'ee garuu namuma tokkotu mootummaa mormuuf jecha murtee akkasii keessa seena jechuun ibsaan hoggaanaa olaanaa ABO kan ta'an Obbo Qajeelaa Mardaasaa.
Utuu haalli kun hundi miijateeyyuu dhuguma qophiin qabnu maal fakkata kan jedhu sirritti beeknas jedhan. Kanaaf haaromsa, of ijaaruu miseensa horachuufi of qopheessuurra, laafina ofii qaban haguuguf warraa yaalutu dirreen filannoof miijate akka hin jirre ibsa baasaa jedhan
BBCn himataa fi komii garee ABO kan hayyuu duree ABO Obbo Daawud Ibsaan hogganaman irraa yaadaa argachuuf yaalera. Ammaf deebii hin arganne. Qaama dhimmicha irratti deebiis ta'ee ibsa kennuu barbaaduu yeroo argannutti dhiyeessuf qophiidha.





![Ajajaa Olaanaa ABO-WBO, Marroo [Kumsaa] Dirribaa](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/660/cpsprodpb/e894/live/4fc0cd90-a5b3-11f0-80d4-ab8a487f1e57.jpg.webp)









