Tibbana dhimma Hidha Haaromsaa fi Tiraampiin doorsifamuun maqaansaa kan ka'e Tireevar Nohaa eenyu?

Tireevar Nohaa, uffata guutuu (suufii) bifa siddasaa uffatee, maayikii harkatti qabatee dhaabata, mataansaa goofareedha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tireevar Nohaa Badhaasa Giraamii 68ffaa Loos Anjalas, Kaalifoorniyaatti gaggeeffame irratti wayita haasaa taasisu Tiraampiin mufachiise
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Ameerikaa keessatti maqaan warra qoosanii- Komediyaanotaa yoo ka'u Tireevar Nohaa jalqabarratti eerama. Garuu dachee Ameerikaarratti beekamuusaa malee duubi isaa Afrikaa ta'uu namni yaadatu hin jiru.

Ogummaansaa danuudha: Ni qoosa, barreessaa fi pirodiyusara, akkasumas dhimmoota siyaasaa irrattis yaada kennuun beekama.

Hunda caalaa ammoo sagantaa TV dhiheessuunidha kan inni beekamu.

Namni addunyaarratti beekamtii horate kun dhalataa Afrikaa kibbaati.

Lafa bal'oo Rippaabilika Afrikaa Kibbaa- Soweto jedhamtu keessaa madde.

Haati isaa maatii warra gosa Xhosa yoo taatu, abbaan isaa nama Siwiizarlaand.

Bakka sanyummaan walqooduun sadarkaa hamaarra ga'e keessatti dhalatee guddatus, qoosaa fi miirri inni agarsiisu garuu gosa tokko qofa keessatti kan daangeffame miti.

Diraamaa guyyuu hojjechuurraa hojii TV eegale, isa booda gara sagantaa dhimmoota namoota bebbeekamoo kaasuun dhiheessuutti darbe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo gabaabaaf buufata dargaggootaa tokkotti sagantaa TV irratti DJ ta'eef hojjeteera.

Qoosaan inni ofirrattis nama kaanirrattis qoosu akkanni dafee beekamu isa gargaare.

Duraan inumaa ''bag of weed'' jechuun ofitti qoosaa ture. Bara 1980oota keessa harmeen isaa wayita poolisoota sirna appaartaayidii argitu lafatti gatti turte. kanarraa ka'uun akka korojoo balfaatti of ibsee seenaasaa ijoollummaa kaasuun ofitti qoosaa ture.

Akka seera Afrikaa Kibbaa yeroo sanaatti sanyii adda addaa ta'anii hariiroo jaalalaa qabaachuun dhorkaa ture.

Sanyii walmakaa irraa dhalachuunsaa, bu'aa bayiin inni Soweto keessatti dabarse fi taajjabbiin inni waa'ee sanyummaa irratti taasisaa ture qabiyyeewwan qoosaa isaati.

Booda kana ammoo dhimma siyaasaas kaasuun aanga'oota siyaasaa maqaa eeruun itti qoosuu fi qeequurratti xiyyeeffateera.

Ameerikaatti dhaabbata Comedy Central jedhamurratti qoosaa fi agarsiisa adda addaa dhiheessuun daran kan beekamuTireevar Nooh, gidduu kana Badhaasa Giraamiif wayita waltajjii gaggeessu nama yakkoota saal-quunnamtiin walqabataniin yakkamaa ta'e Jeefirii Epistiin waliin maqaa Tiraamp kaasee qooseera.

Qoosaa isaa keessatti akkas jedhe: ''Sirba bara kanaa- kun Badhaasa Giraamii artistii hundinuu, akkuma Tiraamp Giriinlaand barbaadutti, arguuf eeguudha,'' jedhe.

Itti fufuun ''Tiraamp dhugaa qabas, sababni isaa kanaan booda Odooli Epistiin waan hin jirreef, bakka Biil Kilintan waliin deemee aara galfatu isa barbaachisa,'' jedhe.

Qoosaa kanaan kan mufate Tiraamp ''namni kun nama guutummaatti kasaareedha,'' jechuun miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti barreesse.

Dhalataan Afrikaa Kibbaa kun qoosaan inni Epistiin waliin maqasaa kaasuun qoose dogoggora ta'uu kan ibse Tiraamp, ''hiyyeessa gaddeebituu dandeettii hin qabne kana himachuuf abukaatoo koo itti ergaan jira,'' jedhe.

Tireevar Nooh ''maqaa na balleesse'' jechuun ''Maallaqa guddaadhaanin ishee himadha,'' jedhe Tiraamp.

''Tireevar Nohaa yoo ofiif jedhe dubbiisaa haa sirreessu,'' kan jedhe Tiraamp ''Qophaa'i Nohaa, siif dhufaan jira, si waliin waan jiru sirreessuufin jira,'' jechuun akeekkachiise.

Dhuma Amajjii darbee ammoo dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa ajandaa godachuun wayita irratti dubbatu akkaan qoodamaa ture.

Gaaffii fi deebii Ministira Muummee Barbeedos Miyaa Amoor Mootlii waliin taasiserratti Ministira Muummee kun wayita dhimma Hidha Haaromsaa Itoophiyaa irratti dubbattu viidiyoon agarsiisu qoodamaa ture.

Qondaalli biyya xiqqoo dursitu, garuu waltajjiiwwan addunyaarratti yaadota ciccimoo kaasuun dhiibbaa uumuun beekamtu kun, Tireevar Nohaa faana waa'ee hidha haaromsaa fi Itoophiyaa jajuun dubbatte.

MM Barbeedos hidhi haaromsaa Itoophiyaa mallattoo cichoominaa fi ofitti amanummaa ammayyaa ta'uu ibsuun injifannoo Adwaa bara 1896 faana dorgomsiisuun dubbatte.

Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Adwaa jaarraa 21ffaati jette.

Ijoon marii isaanii waa'ee Itoophiyaa ta'uu baatus, dhimma hidha haaromsaa garuu wayita ka'u ajandaa ijoo ta'e.

Tireevar Nohaa

Madda suuraa, Getty Images

Abbaa waliin hariiroon qabu walxaxaadha

Abbaa adii lammummaa Siwiizarlaand fi Jarmanii qabu Roobart jedhamuu fi haadha gurraattii sanyii gosa Afrikaa Kibbaa Xhosa taate irraa Guraandhala 20, 1984 kan dhalate Tireevar Nohaa waa'ee maatiisaas daran qoosa.

Abbaasaa faana hariiroon qabu akkaan walxaxaadha. Kitaaba isaa Born a Crime jedhu keessatti miidhaa fi qormaata maatii sanyii garaagaraa irraa dhalachuun qabu ibseera.

Seenaa walxaxaa ijoolleen Afrikaa Kibbaa qaban keessatti kansaa fakkeenya fudhachuun dubbata.

Haati Nooh, Patriishiyaa Nombuyiselo Nohaa abbaansaa Robert fi ilmi ishee hariiroo jabaa akka qabaatan baayyee hin feetu. Addatti isa guddisuu filatte.

Robert ilmasaa Nohaa waliin hariiroo cimsatee jiraachuuf fedha qaba ture, garuu hariiroon isaanii dhoksaatti ture.

Nooh ijoollummaasaatti gara abbaasaa deemuuf boo'aa akka ture, abbaansaas akka ofitti isa qabuu fedhu qoosaa isaa keessatti kaasee yeroo hedduu dubbata.

Seenaan isaa kanaan xiyyeeffannaa guddaa argate.

Booda haati isaa abbaasaa kanarraa adda ba'uun dhiira biraatti heerumuu fi abbaan manaashee haaraan kun isaa fi haadha isaa kana akka cunqursaa tures ni dubbata.

Cunqursaa abbaa manaashee lammataa kana dadhabuun ammas isa hiiktee abbaa manaa biraatti heerumte. Yoona kana abbaan manaashee cunqursaa irratti raawwataa ture rasaasaan duubaan mataashee akkasumas lukasheerra rukute.

Garuu rasaasaa kanaan lubbuunshee osoo hin darbin hafe.

Haati Nohaa kun bara 2011 yaalii ajjeechaa raawwachuun himatamtee waggaa sadiif hidhaan adabamte.

Tireevar Nohaa kana hunda wayita kaasee bifa qoosaan dhiheessu dhimmoonni kunneen miidhaan Afrikaa keessatti mana keessatti raawwatamu hangam hamaa akka ta'e mul'isuuf ta'uu ibsa.

''Haati koo waggootaaf cunqursaa jala jiraachuu poolisiitti gabaasaa turte. Garuu qaamni birmateef ykn furmaata kenneef tokkollee hin jiru. Taateen akkanaa Afrikaa Kibbaa keessatti baratamaadha. Iyyanni namaa ni bada, dhimma miidhamaa mana murtii hin ga'u,'' jedhe.

Tireevar Nohaa addunyaa ammayyaa keessatti akka nama jijjiirama fedhuu fi jijjiirama fiduuf abbaluutti of ibsa, garuu jijjiirama siyaasaa miti.

Siyaasa Ameerikaa keessatti gama tokkottillee of maxxansee hin beeku.

Nohaa hoji tola ooltummaatiinis beekama. Bara 2018 Faawundeeshinii Tireevar Nohaa hundeessee ture.

Jaarmiyaan dargaggootarratti xiyyeeffatu kun barnoota qulqullina qabu kennuurratti fuulleffata.

Hawaasa Afrikaa Kibbaa barnooti hundee waan hundi irraa biqilu ta'uu amananiif barnoota qulqullina qabu kennuuf jaarmiyaa kana kan eegale Nohaa, namoonni kuma 50 caalan irraa fayyadamuu ibse.

Kana malees barattoota yuniversitiif haasaa hamilee isaanii cimsu taasisuunis beekama.

Nama Afrikaa jalqabaa sagantaa Daily Show gaggeesse

Tireevar Nohaa bara 2013 komeediyaanii jalqabaa Afrikaa sagantaa beekamaa Ameerikaa Tonight Show jedhamurratti hirmaate ta'eera.

Baruma sana Muddee keessa ammoo yeroo jalqabaaf sagantaa Daily Show jedhamurratti hirmaate.

Sagantaa kanarratti namni ardii biraa wayita hojjetu inni nama jalqabaati. Kanaan innis haala jiruu fi jireenyaa kan hawaasa Ameerikaan ala jiru dhiheessuu eegale, ittiinis fudhatama argate.

Sagantaa sadirratti erga hojjetee booda dhiheessaa sagantaa kanaa Jon Stewart bakka ba'uun abbummaan saganticha gaggeessuu eegale.

Stewart sagantaa kana waggoota 16f erga gaggeessee booda akka dhiisuuf jiru durseeti kan inni beeksise.

Wayita Tireevar Nohaa bakka Jon Stewart bakka bu'uun sagantaa Daily Show akka gaggeessuuf filatamu lammiileen Afrikaa Kibbaa miira gammachuun liqimfaman.

Nohaa sagantaa kana akkuma eegaleen ba'ee mul'ate, xiyyeeffannaa namoota hedduu keessa gale, jaallatames.

Sagantaa isaa gara jalqabaa keessatti mudannoo daandii Loos Anjalas irratti lammii Ameerikaa hiddisaa Meeksikoo ta'e waliin isa mudate dhiheesse.

Nohaa akka jedhutti namochi kun wayita jalqaba itti dhihaatu afaan Ispeen itti dubbate.

Komeediyaaniin kun afaan kana akka hin dandeenyee fi inumaa Ameerikaa Kibbaa osoo hin taane Afrikaa Kibbaatii dhufuu wayita nama kanatti himu, namichi baayyee mufate.

''Ofitti qaana'uu qabda. Amma Ameerikaa seenteetta, kanaan booda afaan dhalootaa kee hin dubbattu jechuudha,'' jedheen.

Tireevar Nohaa

Madda suuraa, Getty Images

Namoota akkeessuu fi fakkeessuu...

Tireevar Nohaa nama afaan hedduu danda'uudha. Afaanota Afrikaa Kibbaa ja'a danda'a. Afaan Jarmanii fi Faransaayiinis hin hamatamu.

Taatee tokkorratti waan giddugala gabaa Jarmanii keessatti yeroo wayii mudate himuun jaallattootasaa baayyee bohaarse.

Dhugaatii qabbanaa'aa bitachuuf suuqii deema. Dubartiin inni biratti kaffaluuf deemu akkaataa inni itti afaan Jarmanii dubbatu raajeffattee ilaalti.

Loqoda Hitler fakkeessee wayita inni dubbatu inumaa akkaan rifatte. Qoosaan Nooh tokko isa akkanaati.

Ammoo namoota siyaasaa akkeessuun beekama. Fakkeessuus danda'a.

Sagantaalee baayyeerratti Pirezidant Jaakoob Zuumaa akkeesseera. Yeroo tokko akkaataa pirezidantichi barreeffama haasaaf qophaa'e suuta dubbisan akkeessuun baayyee ajandaa ta'e.

Haata'u malee Nohaa wayita qoosu jechootasaa ni eeggata. Jechoonni inni fayyadamu kan daangaa darban miti.

Kanaafuu kutaan hawaasaa kamuu qoosaa isaatti bohaara.

Nooh akka komeediyaanota addunyaa kaanii dhimmoota walxaxoo ta'an hin dheessu. Dhimma kamiyyuu kaasee qoosuurraa duubatti hin jedhu.

Bara 2022 erga Daily Show dhiisee booda...

Ga'eessi umrii waggaa 41 Tireevar Nohaaf waggoota torbaaf erga sagantaa Daily Show dhiheessee booda wayita akkaan beekametti sooroma ba'e.

Beekamtii argateenis waltajjiiwwan gurguddoo gaggeessuuf carraa argateera.

Isaan keessaa waltajjii Badhaasa Giraamii (Grammy Awards) bara 2021 hanga 26tti yeroo ja'a gaggeesseera.

Akkasumas bara 2022 sagantaa Waayit House Correspondent's Dinner jedhamu gaggeesseera.

Bara 2023 ammoo mata What Now? with Trevor Noah jedhuun sagantaa poodkastii eegalee ture.

Boqonnaawwan sagantaa kanaa keessatti Tireevar Nohaa keessummoota bebbeekamoo affeeruun mata dureewwan adda addaa irratti waliin mari'ata.

Bara 2024 diraamaa jaalalaa Jeniifer Loopez kan This is Me jedhu irratti hirmaateera.