'Afaan Amaaraa afaan hojii Gamtaa Afrikaa akka ta'uu dhiyeessuun barbaada'-Amb. Taayye

Ambaasaaddar Taayyee Asqesillaasee, Ministira Haajaa Alaa Itoophiyaa

Madda suuraa, The Ministry of Foreign Affairs of Ethiopia

Ministirri Haajaa Alaa Itoophiyaa haaraan Ambaasaaddar Taayyee Asqasillaasee yaa'ii Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Roobii darbe Guraadhala 14, 2024 gaggeefamerratti Afaan Amaaraa afaan hojii dabalataa Gamtaa Afrikaa akka ta'u gaafatan.

Ambaasaaddar Taayyeen haasaa taasisan keessatti barbaachisummaa nagenyaa fi tasgabbii Afrikaa cimsuu, walitti hidhamiinsa diinagdee fi daldalaa akkasumas dhimmoota kaan irratti erga dubbatanii booda Afaan Amaaraa Afaan hojii Gamtichaa akka ta'u gaaffii kan dhiyeessan.

'''AU Agenda 2063' jalatti galma Afaanota ganamaa Afrikaa gahoomsuufi guddina Ardii Afrikaaf akka gahee bahu qabame irratti hundaa'uun Afaan Amaaraa afaan hojii Gamtaa Afrikaa keessatti akka hammatamu yaada dhiyeessuun barbaada.''

Ambaasaaddar Taayyeen Chaartarri hundeeffama Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa kan maqaansaa amma Gamtaa Afrikaatti geddaramee ''afaanota ittii qophaayee mallatta'e afur keessaa tokko Afaan Amaaraa akka ta'e yaadachuun barbaachisa'' jedhan.

Barbaachisummaa afaan hojii gamtichaa gochuun qabu yoo ibsan ''gamtichi afaan Amaaraa afaan hojiisaatti dabalachuun af-daneessummaa ardittiin qabduuf kabaja kenna, eenyummaa akka walootti qabnus ni cimsa'' jedhan.

Waliigalteen biyyootni Afrikaa Gamtaa kana jala jiran mallatteessan Protocol on Amendments to the Constitutive Act of the African Union states keewwata 11 jalatti afaan hojii gamtichaafi dhaabbilee isa jala jiranii Arabiffa, Ingiliffa , Fireench, Poorchugiis, Ispaanish, Kiswahiiliifi afaan Afrikaa kan biraas ta'uu danda'a jedha.

Keewwatichi yaada Working language jedhamee kaahamee ture official language kan jedhuun akka bakka buufamu ibseera.

Itti dabaluunis Manni Maree Hojii Raawachiiftuu gamtichaa fayyadama jechoota lammanii akka ta'utti akka murteessu labseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gamtaan Afrikaa yeroo dhumaaf Afaan hojii haaraaf beekamtii kan kenne Amajjii 20 bara 2022 tti wayita Kiswaahiliin Afaan hojii gamtichaa akka ta'u labsiin beeksiseedha.

Kisawaahiliin afaan hojii gamtichaa akka ta'u gaaffii kan dhiyeesse Rippaablika Taanzaaniyaati.

Kiswaahiliin afaan ganamaa Afrikaa afaan hojii gamtichaa ta'uun beekamtii argate kan jalqabaa yeroo ta'u, bara 2002tti fudhatama akka argatu murtee waliigalaarra gahamus, hanga bara 2022tti seeraan labsamee afaan hojii ta'ee hojiirra hin oolle ture.

Afaanota saffisaan guddachaa jiran keessaa tokko, addunyaarratti afaanota baayyinaan dubbataman kudhan keessaas tokko akka ta'e labsiin Kiswaahiliin afaan hojii gamtichaa ta'uu ibsuuf Gamtaa Afrikaan bahe ni ibsa.

Gahee olaanaa Itoophiyaan hundeeffama dhaabbaticharratti bahaa turte irraa kan ka'e Afaan Amaaraa afaanota ganamaa Afrikaa chaartarri Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa duraanii, Gamtaa Afrikaa amma ittiin mallatteeffame keessaa tokko ture.

Lakkoofsa uummataa bara 2010 hojjetame irratti uummatni Itoophiyaa keessaa miiliyoona 26 ol kan ta'an Afaan Amaaraa dubbatu.

Afaan Amaaraa Afaan hojii federalaa Itoophiyaa yoo ta'u sababa dhiyeenyatti lakkoofsi uummataa hin gaggeeffamneef ammaan tana uummata hangamiin Afaanichi akka dubbatamuratti gabaasaaleen bahan falmisisoodha.

Ministirri Haajaa Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee haasaa aanga'oota Afrikaa yaa'ii Gamtaa Afrikaaf dhufan ittiin simatan irratt waliigalteen Piriitooriyaa waraana Kaaba biyyattii goolabe Afrikaan mataa ofiin nagaa buusuu akka dandeessu agarsiisa jedhan.

Itti dabaluunis Mariin biyyaalessaa hunda hammataan mootummaan gaggeessuuf itti jiru Itoophiyaa keessatti tasgabbiin waaraaa akka dhufu ni tumsasa jedhan.

Itoophiyaan ''biyyoota ollaa waliin ta'uun nageenya mirkaneessuun, walitti hidhamiinsa bu'uura misoomaa fi walitti hidhaminsa diinagdee jabeessuuf murannoo qabdi'' jedhan.