Gareen deeggartoonnisaa sanyummaan nama arrabsan foorfeen akka adabamuuf pirezidantiin FIFA gaafatan

Karra eegaa AC Miilaan, Maayik Maayinyaa

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Pirezidantiin bulchaa kubbaa miilaa idil-addunyaa, FIFA, Jiyaanaa Infaantiinoo deeggartoonni sanyummaan yoo nama arrabsan taphni addaan citee gareen isaanii foorfeen [VForfeit] akka adabamu gaafatan.

Pirezidantiin FIFA kana kan gaafatan Sambata darbe gocha fokkisaa deeggartoonni Yudiniizeefi Shefiild taphattoota garee morkattootasaanii sanyii gur'achaa ta'an arrabsaniin boodadha.

Tapha AC Millaan Yudiniizee itti mo'aterratti, deeggartoonni garee mo'amee karra eegaa AC Miilaan Maayik Maaginaan sanyummaa isaatiif waan arrabsaniif taphni yeroo gabaabaaf addaan citee ture.

Haaluma walfakkaatuun, Shefiild Weenisday tapha Koviintarii Siitii waliin taphataniin taphataan Koovintarii Kaasey Paalmer deeggartootaan sanyummaa isaatiif arrabsamuu himeera.

Infaantiinoon, fuula X isaaniiratti barreeffama baasaniin, kilaba deeggartoonnisaa bifa namaa irratti hundaa'uun nama arrabsaniirratti adabbii cimaan darbuu qaba jedheera.

"Tarkaanfiiwwan sadan (tapha dhabsisuu, tapha irra deebiyanii dhaabsisuufi tapha addaan kutuu)tti dabalee garee arrabsoo sanyummaatiif sababa ta'e 'foorfeen' akka adbamu, akkasumas sadarkaa idil-addunyaatti adabbiin istaadiyoomii akka irratti darbuufi sanyummaarratti ammoo himannaan yakkaa banamuu qaba," jedhaniiru.

"FIFA fi kubbaan miilaa warra miidhaan sanyummaafi loogii gosa kamiiyyu irra gahe guutummaan guutuutti deeggarsa qaban ni agarsiisu. Isa dhumaatiif sanyummaan haa dhaabbatu! Loogiin gosa kamiiyyu haa dhaabbatu!"

"Gochawwan Sambata darbe Yudniizeef Shefiilditti raawwataman fokkisaafi guutummaan guutuutti kan fudhatama hin qabnedha. Tatee Sambata uumameen warra miidhamaniif deeggarsa guutuun qaba," jedhan Infaantiinoon.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Seeriyaa A Xaaliyaan keessatti tapha Ac Miilaan Yudiniizii waliin taasisan irratti arrabsoo karra eegaa AC Miilaan gaheen taphni daqiiqaa muraasaaf addaan cite.

Karra eegaan AC Miilaan, Maayik, tapha Yudiniizii waliin taasisanirratti sanyummaa kootiin arrabsameera jedhe.

Karra eegaan kun boqonnaan booda taphatti yeroo deebiyu sanyummaa isaatiif arrabsamaa akka jiru 'daanyaatti' himee dirree gadhiisee yeroo ba'utti hiriyyoonni isaa gareesaa keessa jiran isa waliin ba'aniiru.

Kun kan ta'e, taphataan sarara gidduu AC Miilaan Ruuban Looftes Chiik goolii lakkoofsisee daqiiqaa muraasaan booda ture.

Taphichi addaan citee daqiiqaa 10f erga tureen boodadha deebiyee jalqabame.

"Kubbaa miilaa akka kanatti taphataa itti fufuu hin dandeenyu. Kun yeroo mudatu kan jalqabaa miti," jechuun Iskaay Ispoort Itaaliyaaf yaada kenneera Maayik Maayinyaan.

Karra eegaan lammii Faransaay ta'e Maayik, "Adabbiin cimaan jiraachuu qaba. Sababiin isaas odeessuun keenya qofaan faayidaa akka hin qabne argaa jirra," jedheera.

Maayin Maayinyaan, "akkuma taphni jalqabeen sagalee jaldeessaan deeggartoota keessaa dhagahe, haata'u malee, waayyu hin jenne," jechuun haala ture dubbata.

"Yeroo lammaffaatiif gara kubbaatti yeroon dhiyaadhutti sagalee kana irra deebiinan dhagahe. Yeroo kanatti ture 'daanyaa' afraffaa [erbe raastuu] fi hiriyyoota koo gareekoo ta'anitti haala ture kanan beeksise."

Karra eegaan kun itti dabaluun, "Baayyee haareen ture. Taphachuu hin barbaadun ture. Haata'u malee kun maatiidha. Maatii dhiisee deemuus hin barbaadne," jedhe.

Taphataan kun erga deebiyeen booda AC Miilaan 3 fi 2 mo'achuu danda'eera.

AC Miilaan fuula X, kan duraan Tiwiitara, jedhamuun beekamurratti ergaa dabarseen, "sanyummaan kubbaa miilaa keessatti bakka hin qabu. Baayyee gaddineerra. Maayik, nuti si waliin jirra," jedheera.

Liigiicha [Seerii A Xaaliyaan] dursaa kan jiru Inter Miilaan ammoo, "nuti obboloota addunyaa kanaati.Loogii gosa kamiyyu ni mormina. Si waliin jirra," ergaa jedhu dabarsaniiru.

Taphichaan booda taphattoonni duraaniif ammaa baayyeen fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti taatee mudate kana abaaraniiru.

Taphataan sarara duraa (jifataan) duraanii Arsenaaliifi Ingiliiz Iyaan Raayit arrabsoo sanyummaa karra eegaa lammii Faransaay kanarra gahe warra abaaran keessaati.

Seerii A'nis akkuma kana "sanyummaa gosa kamiyyu ni mormina," jedheera.

Jifataan Faransaay, Kiyaan Imbaappeen ammoo "Gaha!" jedhe.

Kaasay Paarmel dhaloonnisaa Ingiliz ta'ullee Jamaayikaatyiif taphata

Madda suuraa, REX FEATURES

Shaampiyoonshiippii Ingiliiz keessatti Paalmer waliin walqabatee kan uumame tapha Kobentiriin Shefiildiin 2 fi 1n injifaterratttidha. Taphichi daqiiqaa baayyeetiif addaan citee akka turu taasifamee daanyaan leenjistoota lamaan waliin dubbachaa tureera.

Poolsiiin Kibba Yorkishaayer qorannoo kan jalqabe yoo ta'u, "haala ture hubachuuf, akkasumas warra arrabsoo kana keesssatti hirmaate adda baasuuf kilabootaafi poolisii Weest Miidlaand waliin hojjechaan jira," jedheera.

Shefiild ammoo namni kamiyyu "yakkamaa ta;ee argamanaan dhorkaa cimaatu" isa eeggata jedheera.

Paalmer garuu haalli jiran ni jijjiiramukan jedhu shakkii qabaachuu dubbateera.