Ameerikaan marii daldalaa Taayiwaan wajjiin eegaluuf

Madda suuraa, Getty Images
Afyaa’iin Mana Maree Ameerikaa Naansii Peelosiin daawwaannaa falmisiisaa Taayiwaanitti gaggessan torban muraasa booda Ameerikaan marii daldalaa Taayiwaan wajjin akka eegaltu beeksifte.
Mariin marsaa jalqabaa ‘’yeroo qabameef dursee eegala,’’ jedhan Bakka Buutuun Waajjirri daldalaa Ameerikaa.
Mariin isaanii daldalaaf haala mijeessuu, daldala dijiitalaa fi waliigalteewwan farreen malaammaltummaa kan dabalatudha.
Naansii Peelosiin Taayiwaan daawwachuu hordofee muddamni Ameerikaa fi Chaayinaa gidduutti jabaatera.
Sangantaan daldala Ameerikaa fi Taayiwaan giddutti jabeessu Waxabajjii bara 2022tti yeroo jalqabaatiif kan ifoome yoo ta’u, wixinee mariicharratti waliigaluu biyyoonni lachuu himaniiru.
Waajjira Daldalaa Ameerikaatti kan bakka buute Saaraa Biyaanchii’’karoora dingadee jaarraa 21ffaatti haqa qabu, caalatti badhaadhuuf mijatuufi balaa dandamatu uumuuf karoorsine,’’ jedhan.
Daldalli Ameerikaa fi Taayiwaan gidduu jiru bara 2020tti Doolara Ameerikaa biliyoona 100 fi biliyoona jaha qaqqabeera.
Ameerikaan marii dadalaa Taayiwaan wajjiin taa'uuf karoorsite kan beeksifte wayita Chaayinaan shaakala waraanaa kan yeroo kamiyyuu caala guddaa naannoo daangaa Taayiwaanitti eegaltetti.
Imaammata‘’Chaayinaa tokko’’ jedhu jalatti Ameerikaan Taayiwaan qaama Chaayinaa ta’uu beekamtii laachuun, Ameerikaan Chaayinaa waliin hariiroo seera qabeessa qabaatti.
Taatullee meeshaalee waraanaa Taayiwaanitti gurguruu dabalatee hariiroo al-kallattii odolaa kana waliin qabaachuu itti fufti.
Beejingi odola Taayiwaan akka qaama Chaayinaatti lakkoofti.
Taatullee Taayiwaan odola ofbulchituu yoo taatu, Chaayinaa irraa akka cittetti of lakkoofti.
Baha Eeshiyaatti dippiloomaatii Ameerikaa kan ta’an Daani’eel Kiritenbirink akkas jedhan: ’’Chaayinaan humnaan dirqisiisu yaaluun nageenyaafi tasgabbii ulaa Taayiwaan dhabsiisa,’’jette.












