Ammas US Taayiwaan irraa Chaayinaa ni ittisti- Baayidan

Madda suuraa, EPA
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Taayiwaan irratti ''Chaayinaan haleellaa'' yoo raawwattee US ni ittisti jedhan.
Baayidan gaaffii fi deebii CBS waliin taasisaniin, ''Eeyyeen'' yoo gaafatamne humnootiin Ameerikaa Taayiwaaniin ni ittisu jedhan.
Gaaffiifi deebii Dilbata tamsa'een, imaammanni Ameerikaa akka hin geeddaramne dubbataniiru.
Imaammanni Waashingitan yeroo hunda ''tarsimoo ifa hintaanee'' qaba - Taayiwaaniin akka ittisu hin himu garuu ammoo filmaatawwan hin tarreessu.
Taayiwaan odoola ofiin of bulchiituun kan qarqara galaana baha Chaayinaatti argamtu yoo taatu, Chaayinaan akka qaama daangaa isheetti ilaaltiin.
Gama biraatiin ammoo imaammata ''Chaayinaa tokkittii'' jedhu fi walitti dhufeenya Beejingi waliin qabaniif bu'uura ta'e nan kabaja jetti.
Imaammata kana jalatti Taayiwaan qaama Chaayinaa jettee fudhatti.
Kanaafu, Ameerikaan Taayiwaanin akka bulchiinsa addaatti ilaaluun qofaatti walitti dhufeenya dippilomaasii ummachuu hin qabdu.
Garuu ammoo US odoolittii waliin walitti dhufeenya ummachuun Seera Walitti dhufeenya Taayiwaan jedhu jalatti meeshaa waraanaa itti gurgurataa jirti. Kunis odoolittiin akka ittiin of ittistuuf ta'u himti US.
Aab Baayidanis gaaffii fi deebii daqiiqaa 60 CBS waliin taasisaniin kana kaasaniiru.
''Imaammanni Chaayinaa Tokkittii jedhu jira, warri Taayiwaan walabummaa isaanii irratti murtee mataasaanii taasisan. Nu sochii hintaasifne, ykn walabummaa isaaniif hin jajjabeessine- kun murtee mataasaaniiti'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baayidan baatii Ebla keessas yaaduma walfakkaatu kaasuun, yoo haleellaan raawwatame waraanaan jidduu galuuf dhaadatanii ture.
Haata'u malee, Waayit Hawuus battalumatti yaada kanarratti taasiseen, imaammata bara dheeraa iratti Ameerikaan jijjirraan taasifte homtuu hin jiru jedhe.
Ammaan tanas ammoo Waayit Hawuus ibsa baaseen, kan yaada Baayidan morme fakkaata.
''Imaammanni keenya Taayiwaan akka hin geeddaramne ifa taasisaniiru. Sunis dhugaa ta'ee tura.''
Pirezidanti Joo baayidan tarkaanfii waraanaa akka fudhachu malan yoo dubbatan kun yeroo sadaffaadhaaf. Onkolooleessaa 2021 fi barana ammoo baatii Ebla akkasumas ammas kaasaniiru.
Jalqaba baatii kanaarratti Ameerikaan dubbii barbaacha Chaayinaa akka ofirraa ittistuuf Taayiwaan misaa'ela ittisaafi meeshaalee waraanaa dolaara biiliyoona 1.1 baasuu itti gurguruuf waliigaltee jirti.
Erga Af-yaa'iin Mana mana maree US, Naansii Peloosii daawwannaa falmisiisaa Hagayya keessa gara Taayiwaanitti taasifteen booda Ameerikaafi Chaayinaa jidduutti muddamni cimeera.
Chaayinaanis deebii kennuuf jecha naannawa Taayiwaan ugguruun leenjii waraanaa guyyoota shan gaggeessite turte.
Ameerikaanis Chaayinaan Taayiwaan irraan misaa'eelii dhukaafte jechuun himatte. Garuu Beejingi kana hin mirkaneessine.
Gama biraatinis Baayidan Raashiyaan waraana Yukireen keessatti gaggeessitu irratti meeshaalee waraanaa nikularii akka hin fayyadamneef akeekkachiisu dubbachuun isaanii ni yaadatama.












