Arsenaal Baarseloonaa mo'achuun shaampiyoonaa Awurooppaa ta'e

Taphattoota Arsenaal Shaampiyoonaa Awurooppaa ta'an

Madda suuraa, Getty Images

Waancaa Shaampiyoons Liigii Dubartootaa bara kanaatiin Arsenaal kilaba guddicha Awurooppaa ta'e Baarseloonaa mo'achuun waggaa 18 booda yeroo jalqabaatiif shaampiyoonaa ta'e.

Arsenaal goolii 1 taphattuun Sitiinaa Bilaakistenuus jedhamtu kubbaa Beez Miid kenniteef daqiiqaa 74 irratti lakkoofsiteen mo'atan.

'Kan tuffatanitu nama dhaala' akkuma jedhan, Arsenaal fi Baarseloonaan yeroo waancaaf walitti dhiyaatan namni carraa mo'achuu bal'aa Baarseloonaaf kennuurra darbeeyyu akka salphaatti injifatu jedhamee ture.

Sababiin isaa ammoo gareen Baarseloonaa taphattoota akka addunyaatti beekaman ciccimoo qabatee waggoota arfan darban keessa waancaa Awurooppaa sadii kan dhuunfatedha. Faallaa kanaa ammoo Arsenaal bar 2007, kana jechuun waggaa 18 dura mo'atan.

Kana malees, Baarseloonaan dubartoota kubbaa miilaatiin waggoota dhiyoo as addunyaarratti gurra guddaa qabaniifi si'a lama Ballon d'Or warra akka Ayitaanaa Bonaamaatii fi Aleksiyaa Putelaas tapha waancaa magaalaa Poorchugaal Lisbanitti qophaa'e kanarratti hiriirsisee ture.

Taphattuun urjii sarara gidduu Baarseloonaa Ayitaanaa Bonaamaatiin Arsenaal akka caalanii amansiisanii mo'atan dhugaa baateettiif. Arsenaal xumura walakkaarratti Liyoniin mo'atanii darbuusaaniiyyu "na ajaa'ibeera" jechuun duraan tilmaamni 'tuffii' kennameefiif kan ture gareen Reenee Sileegers mo'achuu dubbatte.

Milkaa'inni kun seenaa guddaa ta'ee galmaa'eera. Keessumaa milkaa'ina baayyee leenjisuu garee kanaa Reenee Sileegers jalatti galmaa'e keessaa isa jalqabaati.

Richiitii bifa warqeefi diimaa duubasheerraan roobu keessa dhaabattee yeroo imimmaan fuularra gadi roobu waan amanuu hin dandeenye ijaan arguu dubbatte leenjistuun kun.

Milkaa'inni Arsenaal amma argame kun ji'a sagale dura yeroo Reenee Sileegers itti-aantuu leenjistuu turten kan raacatiin isaa kaa'[ame. Yeroo sanatti Arsenaal tapha ramaddii lamaffaa marsaa duraan mo'ame. Kun ammoo leenjistuun kan qaawwa jiru argitee akka duuchaa deemtu ishee godheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Milkaa'inni arsenaal kun kuyyoota itti aanan kan caalaa deemu ta'us garuu wanti Poorchugaalitti agarsiisan kun adda kan ta'eef hangama akka isaan gahan kan mul'isedha.

Bara kana deeggartoonni garee dubartootaa Arsenaal tasgabbiin hin jalqabne. Manaajeriin duraan turte Jonaas Ediivaals osoo hin eegamiin gadhiisuun naasuu uumnee ture.

Yeroo sana yeroo ce'umsaatiif akka leenjistu itti gaafatamummaan kan itti kenname Reenee Sileegers garuu dubartii laayyoo hin taane. Ergasii ji'a Amajjii keessa dhaabbataan manaajarummaa kan fudhatte dubartiin kun, kilaba kana bu'uurarraa jijjiiraa dhufteetti.

Galgala magaalaan Lisban uffata kilaba Baarseloonaa abbaa sarara cuquriisaafi diimaatiin, akkasumas kan Arsenaaliin faayamee mul'ateera.

Osoo isteediyeemii hin seeniiniyyu daandiin deeggartoota wacaniifi fooricaniin moxobamee mul'ata. Kan istaadiyeemii keessaa ammaa kan caaludha.

Hunduu gareen isaa akka mo'atu eega qofa osoo hin taane, kun akka dhuguumu waan danda'an mara gochaa turan.

Abbootiin qabeenyaa kilaba Arsenaal keessaa gahe qaban warri akka Joosh Kiroohenk fi aanga'oonni kilabichaas deeggaruuf Ameerikaa Deenvarirra dhufaniiru.

Fakkiin boordii beeksisaa ergaa deeggarsaa deeggartoota Arsenaal wiirtuu leenjii Sobha Realty Training Centre magaalaa KLandan tures Landan geeffameera.

Miseensonni garee Arsenaal waancaa bara 2007 mo'atanillee osoo garee Reenee Sileegers torban kana laaqana waliin nyaatanii muuxannoo qoodaafii jajjabeessaniiru.

Taphattoota Baarseloonaa

Madda suuraa, Getty Images

Yeroon taphaa dhumee 'fiishkaan' yeroo afuufametti taphattoonni Arsenaal fi hojjetoonni gammachuun dirreetti dirrisan.

Baayyeen dhaabachuu dadhabanii jilbarra gadi taa'an, kaan isaanii ammoo warra kaanitti utaalanii wal hammatan. Gammachuutu danboobe, kan tuffastame mirgaan galee miirri ture to'annaa ala ta'e.

Kubbaan miilaa dubartootaa akkas jaallatamaa dhufeera edaa! Ajaa'iba. Eyyeen 'kan tuffatameti tuffee ta'e'. Kan tuffatameefi hin eegamneti Shaampiyoonaa Awurooppaa ta'e.