UKn seera loltoonni akka areeda hin guddifanne dhorku kaaste

UKtti kanaan dura loltoonnis ta'ee qondaaltonni waraanaa areeda guddifachuun dhorkaa ture. Amma garuu loltoonnis ta'ee qondaltonni areedasaanii guddifachuu akka danda'aniif dhorkaa duraan ture kaastetti.
Kanaan dura loltoonni hunduu areeda isaanii yeroo yeroon akka murataniif to'annaan cimaan ni godhama ture.
Waggoota dheeraf areedi loltootaa maal fakkaachuu qaba kan jedhurratti keessoo waraana biyyattiitti mariin godhaa ture.
Qajeelfamni duraan ture akka jijjiiramu kan godhame gaaffii dambii waraanaa irratti ka'e erga qoratamee booda ta'uu dubbi himaan Waraana Biriitish BBCtti himan.
Gaggeessitoonni waraana biyyattii osoo qajeelfama duraan turerratti jijjiiramni akka dhufu hin murteessin dura qorannoo gaggeeffame ilaalus himan.
"Namoota keenya yaada isaanii dhaggeeffannee deebii laannerra," jechuun seerri loltoonni akka areeda hin guddifanne dhorkuu beeksisan dubbi himaan waraaba biyyattii.
Seerri areeda guddifachuu dhorku akka ka'e ibsamus yeroofi haala barbaachisaa ta'e keessatti loltoonnifi qondaalonni waraanaa areedasaanii akka addattan haalli itti dirqisiifaman jiraachuu akka malus himan.
Seerri duraan ture akka ka'u godhamuunsaa dargaggoonni heddu waraanatti akka makamaniif carraa uumuu akka danda'us waraanni biyyattii beeksise.
Biyyoota biroo kanneen akka Deenmaark, Jarmanii, Beeljiyeem fa'aa keessatti loltoonni areeda akka guddifatan ni hayyamamaaf.
Hordoftoonni amantaa Islaamaa, Siikifi Raastafaariyaanii ta'an hanga milkaa'ina, fayyaafi nageenyummaa waraanaa rakkoo keessa hin galchinetti areedasaanii akka guddifatan durumaanii hayyamamaa ture.
Gaggeessan Waraanaa Girant Shaaps gaazexaa the Times jedhamutti akka himanitti, dargaggoonni areedasaanii guddifachuu barbaadu waan ta'eef waraanatti akka makamaniif seerri areeda guddifachuu dhorku akka jijjiiramuuf gaafataa turuu himan.












