Tajaajila wallaansa fayyaa manaa manatti Finfinnee keessatti babal’achaa jiru

Narsii nama wallaanaa jirtu

Namni yeroo dhukkubsatu yookan sakatta’iinsa yaala fayyaa taasisuu barbaadu gara dhaabbilee fayyaa deemuutu baratamaadha.

Haalli kenninsa tajaajila fayyaa amma Finfinnee keessatti babal’achaa jiru kun ammoo biyyoota guddatanitti kan baratame ta’ulleen biyya keenyatti waan hedduu beekamu hin turre.

Tajaajila yaala fayyaa manaa manaa jechuun, akka kana duraa barame, dhukkubsataan wallaansa barbaacha mana yaalaa deemu sana osoo hin taane, hakiimatu mana mana dhukkubsatuu dhaqee dhukkubsataan yaala.

Aadde Mastaawwat Abarraa Magaala Finfinnee naannoo Paastar jedhamuun beekamu jiraatu. Isaan abbaan manaa isaanii dhukkubsatee jennaan Hospitaalatti yaalchisaa turan.

Dhukkubni abbaa manaa isaanii kun yaala yeroo dheeraa kan gaafatuu waan ta’eef hospitala keessa yeroo dheeraa turuun hedduu akka itti ulfaatee ture BBC’tti himan.

“Abbaan manaakoo sukkaara dhukkubsatu ture. Gidduutti itti cimee ‘koomaa’ keessa seenee ture. Ji’a tokkoof Hospitaala Kooriyaatti yaalamaa ture. Isaa ol achi tursiisuu hin dandeenye waan ta'eef baasnee galle,” jedhu.

Erga mana galchanii waa’ee mala ittiin abbaa manaa isaanii kana fayyaa isaanii tiksan utuu soqanii garee hakiimota tajaajila yaala fayyaa manaa manaa kennaniin walqunnamuu himu.

“Maal nuuf wayya jennee ogeessota gaafannaan tajaajilli manaa manaa jira nuun jedhan. Bilbila isaanii fudhannee qunnamne. Gammachuudhaan nusimatanii tajaajila nuuf kennuu jalqabani,” jedhu Aadde Mastaawwat.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga tajaaajila kana fayyadaamuu jalqabanii ji’ootni lakkaa’amuufi guyyaatti sa’aatii 24 hakiimonni dabareedhaan manuma jireenyaa isaaniitti abbaa warraa isaanii yaalaa jiraachuu dubbatu.

“Amma narsiin nuuf ramadamee guyyaa tokko yoo oole galgala kan biraatu dhufee bula. Qorichasaa ni hordofu, oksijiinii yoo barbaachise ni kennuuf. Asiif achi sosochoosanii waan barbaachisu hundumaa isaanumatu gargaaraa jira,” jedhan.

Osoo tajajaajilli kuni hin jiraannee guyyaa guyyaadhaan hospitaalatti deddeebisuu nu gaafata ture kan jedhan Aadde Mastaawwat, gama baasiitiinis yoo ta’e kan manaa manaa kun fooyyee akka qabuuf himu.

Finfinnee keessatti dhaabbilee tajaajila yaala fayyaa manaa manaa kennaa jiran keessaa tokko dhaabbata yaala Fayyaa Hooreb jedhamu. Hojii gaggeessaan dhaabbatichaa Obbo Dinqaa Faqqadaa tajaaajilli kun reefu baramaa jira jedhu.

Dhaabbanni isaaniis ogeessota fayyaa dhaabbiin hojjetan 20 fi kanneen sa’aatii muraasa hojjetan qacaree tajaajila kana kennaa jiraachuu himu.

“Dhukkubsattoonni dhiibbaa dhiigaa fi istirookii akkasumas kanneen dhibee sukkaaraa qaban tajaajila keenya kana barbaadu. Nuti akkaataa fedhii isaaniitiin ogeessa ramadnaaf,” jedhu.

Ogeessi ramadamu kunis mana nama dhibame sanaatti tajaajila yaala fayyaa barbaachisoo tahan kenna.

“Ogeessi ramadamu dhiibbaa dhigaa fi fayyummaa isaanii yeroo hunda hordofa. Qoricha ajajameef sirnaan akka fudhatan godhu. Wantoota irraa ofeeguu qabanis gorsi ni kennamaaf,” jedhan.

Tajaajilli fiiziyoteeraapiis tajaajiloota yaala fayyaa manaa manaa kanaan kennaman keesaayi. Ogeessi ogummaa kana qabu meeshaasaa qabatee manatti tajaajila kennaaf jedhan.

Tajaajilli yaala fayyaa manaa manaa kun garuu nama battala manatti dhukkubsate yaaluu osoo hin taane, namoota mana yaalaatti yaala argatanii ajaja hakiimaa sanaan booda manatti yaalamuu barbaadan qofaafidha.

“Dhaabbanni yaala manaa manaa kun ofiisaatii murteessee yaalii hin kennu. Ofumaan qorannoo gaggeessee ofumaa yaala manatti hin kennu. Ajaja hospitaala inni irraa yaalame sanarraa nuqaqaben yaalla,” jedhan.

Tajaajila yaala fayyaa kana namoonni barbaadan akka isaan qunnamaniifis hospitaalotatti bilbila isaanii akka qabsiisanii fi miidiyaa hawaasummaarrattis of beeksisuun maamilaan wal-qunnamu.

Turtii mana tajaajilamaafi rakkooleesaa

Turtiin hakiima manaa manatti yaala kennuu gosa dhukkuba maamilaa fi fedhii isaarratti kan hundaa’udha.

Maamiloonni guyyaatti sa’aatii muraasa qofa akka hordofaman barbaadanii fi kanneen sa’aatii 24 tajaajilli hakiimaa irraa adda hin baane akka jiran himu Obbo Dinqaan.

Tajaajilli yaala manaa manaa kun Finfinnee keessatti erga jalqabee miidhaan hakiimota mana dhukkubsataa oolanii fi bulanirra gahu yaaddoo kan uume ture.

Narsoota tajaajila yaala manaa manaa kana kennan irra haleellaan saalaa akka gahus dubbatama.

Obbo Dinqaanis rakkoon akkanaa mudachuu akka danda’uu fi erga hojii kana eegalanii yaaliin akkasii ogeessa isaaniirra qaqqabee akka beeku himu.

“Ogeettii nuti manatti akka yaaltuuf ramadneef yeroo tokko yaaliin haleellaa saalaa irratti taasifaameera. Nutis yeroo maatii sana bira deemnee qulqulleeffanu yaalichi dhuguma ture,” jedhan.

Nageenyi ogeessota yaala manaa manaa kun rakkoolee akkanaa mudachuu isaa erga baramee garuu seera haaraa baasuus himu.

“Ogeessi tokko yeroo mana sanatti nama yaaluuf turutti nageenya isaatiif maatiin sun ittigaafatamoo akka tahan waliigaltee mallatteesisna,” jedhan.

Ogeessa mana isaanii taa’ee miseensa maatii isaanii yaalu nyaata dhorkachuu fi itti qoosanii akka xiinsamuun miidhamu gochuunis rakkoo biraa akka tures himu.

Kanaafis maatiin tajaajila manaa manaa kanaan ogeessi ramadameef ogeessa mana isaanii oolu yookan bulu sanaaf nyaata dhiheessuun dirqama akka ta’e waliigaltee keessatti akka hammatamu ta’eera jedhan.

Tajaajilli yaala fayyaa manaa manaa kun garuu ammayyuu hawaasa biratti waan hedduu hin baratamneef baayyinni maamilaa murtaa’aa ta’uus himu.

“Biyyoota guddatanitti yaalli manaa manaa qixxee hospitaalaatti tajaajilu. Biyya keenyatti reefuma barsiisaa jirra. Tilmaama kiyyaan harka 100 keessa harka 5’n hin caalu waa’ee tajaajila kanaa kan beeku,” jedhan.

Tajaajilli yaala manaa manaa kun baasiin isaas madaalaawaa waan ta’eef hanguma ammayyaa’aa fi baratamaa deemu namni filannoo isaa taasifachaa akka deemu abdadha jedhan Obbo Dinqaan.