Iji hunduu Ten Haag irra ture, Moorinihoon garuu qalbii daawwattootaa hate

Madda suuraa, Getty Images
Tapha Maanchister Yuunaayitid eda Fenerbaachee waliin taasise irratti qalbii daawwattootaa kan hawwate atakaaroo Joosee Moorinihoo fi murteessaa taphichaa gidduutti tahe ture.
Maanchister taphoota sadii walitti aansee ammas qixa bahuun Awurooppaa Liigii irratti qabii sadii qofa argachuun 21ffaa irra jira.
Kun Ten Haag dhiibbaa jala galcheera. Boqonnaan dura karra eegaan Maan Yuunaayitid, Andiree Onaanaa kubba gale jedhame lama oolchuun hedduu dinqisiifatameera.
Akkasumas Maanu'eel Ugaartee kubba karra qullaatti rukutame oolchuun Maan Yuunaayitid akka qabxii tokko argatee bahuuf gargaaraniiru.
Kun hundi tahee garuu atakaaroon Joosee fi Murteessaa taphichaa gidduu ture dubbii ijoo taheera. Jooseen kaardii diimaan bakka dhaabbatanii taphicha gaggeessanii ari'amana.
Achuma taa'uun ammoo taphica mo'achuuf gargaartota isaaniif gorsa adda addaa kennaa turan.
Taphicha TNT irratti xiinxalaa kan ture taphataan duraanii Maan Yuunaayitid Pool Iskoolsi, Joosee daawwachuun hedduu na bohaarseera'' jedhe.
Ofuma isaayyuu [Joosee Moorinihoo] akkas gochuu isaan waan bohaaraa jiru fakkaata. Ofitti kolfaa ture. Gidduutti seeqaa ture. Ani baay'ee ittiin bohaareera,'' jedhe.
Garuu dhuma taphichaa miti. Bara 2023 xumura waancaa Awurooppaa Liigii Siiviyaa waliin Budapestitti taphatan irratti murteessaan tapha guyyaa sanaa Antoonii Teeylar, Siiviyaaf loogeera jechuun taphni dhumee boodayyuu murteesicha eeguun akka malee qeeqanii ture.
Kanaafis taphoota afur irratti akka garee isaanii hin dursineef adabamanii ture.
Istaanbulittis murteessaa lammii Faransaay Kilementi Turpiin kaardii diimaa Jooseef kennuun dirreetii baasan. Yoon ol iyyadhe ji'a jaha na adabu,'' jedhe Joosee Moorinihoon.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Gaafan Fenerbaacheetii bahu waan gaariin ani godhu tokko yoo jiraate kilaba Ingilaandi sadarkaa gadii irra jiruu fi dorgommii Awurooppaa keessa hin jirre leenjisuudha. Gaafa sana murteesitoonni kunneen karaa na argatan hin qaban'' jechuun gaazexessitootaaf deebise.
Miiidyaaleen Ingiliz tapha kana irratti gammadoo miti. Sababni isaa akka mo'amnu waan barbaadaniif jedhan.
Maanchister Yuunaayitid irratti tapha ajaa'ibaa agarsiifne. Garuu kubba oola jettee hin yaadne Onaanaan aan deebiseef qabxii tokko argataniiru. Nuyi osoo hin taane isaantu mo'amuu irraa oole jedhan.
Murteessaan Lammii Faransaay Moorinohoo kaardii diimaan dirreetii baase ''waan addaa tokko natti hime'' jedhe Jooseen.
''Akka natti himetti ''aluma takkaatti waa'ee rukutaa peenaaliitii ilaala, ija tokkoon ammoo waa'ee amala ani agarsiisaa jiruu ilaalaa turuu natti hime. Baga gammadden jedha, sababni isaa kun adunyaa irraa murteessaa addaati,'' jechuun dubbiidhaan tuqan.
''Yeroo taphaa saffisa 100mph ija tokko rukuttaa peenaaliitii irra, ija tokko ammoo anarra godhachuu danda'e,'' jedhan.
Yaada Moorinihoon kennu kun balleessaa taphataan Maan Yuunaayitid, Maanu'eel Ugaartee taphataa Fenerbaachee irratti hojjetee rukuttaan peenaaliitii dhorkame irrattidha.
VAR ilaalees yaada murteessaa sarara giduun walii gale. Maanchister Yuunaayitid taphoota Awurooppaa Liigii taasise mo'amuu baatus qabxii sadii qofa qaba.












