MM Abiy Ahimad ammas pirezidantii Paartii Badhaadhinaa tahuun filaman

Madda suuraa, ETV
Tibbana yaa'ii isaa lammaffaa gaggeessaa kan jiru Paartiin Badhaadhinaa Abiy Ahimad pirezidantii paartichaa gochuun irra deebiin filateera.
Bulchaan Itoophiyaa waggoota muraasa darbaniif pirezidantii paartichaa tahuun tajaajilaa turan.
Ministirri Muummee I/Aanaa Obbo Tamasgeen Xuruneefi obbo Aadam Faaraah Pireezidantota I/Aanaa ta'uun filaman.
Filannoon kunis tekinooloojiin deeggaramuun karaa iftoomina qabuufi ammayyaa'aan raawwatame jedhe ibsi paartichaa.
Yaa'ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaa namoota kuma 2 ol hirmaachise guyyoota sadiif gaggeeffamuun xumurame.
Akkasumas bakka buutonni hooggansa paartilee biyyoota 15 dabalatee keessummoonni biyya keessaafi alaa 400 affeeramuu dubbii himaa paartichaa Dr Biqilaa Hurrisaa miidiyaalee biyya keessatti himan.
Dr Abiy Ahimad Paartiin Badhaadhinaa erga hundeessanii qormaata jajjabaan isaan mudateera.
Waraana kaaba Itoophiyaa, walitti bu'insa Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessaa isaan gurguddoo keessaati.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufanii tokkumaa paartilee biyya bulchaa ture kan duraan ofumaanuu keessa turan ADWUI diiguun erga Paartii Badhaadhinaa hundeessanii qormaata jajjabaan isaan mudateera.
Paartiin Badhaadhinaa yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama guddaa fideera kan jedhan MM Abiy Ahimad fageessanii ilaaluun'' amala Paartii Badhaadhinaati jedhan.
''Paartiin Badhaadhinaa seenaa siyaasa Itoophiyaa keessatti paartii yeroo jalqabaaf yaadama [falaasama] biyya keessaa madde qabatee hundaa'edha,'' jedhan Dr Abiy Ahimed.
Kitaaba isaanii Ida'amuu jedhu falaasama siyaasaa biyya keessaati jechuun kana dura ibsaa turan.
Paartii Badhaadhinaas falaasama kanaan kan hundaa'edha.
''Ida'amuun qoricha Itoophiyaaf tahudha jennee yeroo fidnu waggoota jahan darban kanneen nu 'kasasan' [komatan] malee yaada filannoo biraa tahuu danda'u kan fidee dhufe hin jiru.''
Itti dabaluun ''namoonni siyaasaa fi paartileen siyaasaa yaadama [falaasama hin qabne] kaan injifannoo yeroo gabaabaaf rakkina yeroo dheeraa nutti fidu,'' jedhan.
Paartilee kaam fa'aa jechuu akka barbaadan garuu ifa miti.
Dr Abiy Ahimad erga Paartii Badhaadhinaa hundeessanii TPLF waliinis walitti bu'insa guddaa keessa galuun waraana lubbuu namoota kumaatamaa galaafatu waggoota lamaaf gaggeessaniiru.
Dabalataan MM Abiy Ahimad waa'ee dimokiraasii irra dedeebiin haa dubbataniyyuu malee namoonni siyaasaa hedduun yakka adda addaan himatamuun mana hidhaa turan.
Filannoo Itoophiyaa darbe irrattis keessumaa naannoo Oromiyaa keessa bal'inaan kan socho'an KFO fi ABO dabalatee filannicha keessaa waan bahaniif Paartiin Badhaadhinaa morkataa jabaa malee filannicha irratti injifate.
'Namni dararame tokkollee hin jiru'
MM Abiy Ahimed baninsa yaa'ii kanaa irratti waggoota jahan darban ''kan biyyaa bahe deebi'ee haa galu. Kan hidhame haa hiikamu. Kan amantaan walitti bu'e walitti haa araaramu. Kan ari'ame raayyaa ittisa biyyaa irraas tahe yuunvarsiitii irraa haa deebi'u. 'torture' haa dhaabbatu,'' jennee jalqabne.
''Amantanis amanuu baattanis waggoota jahan darban Itoophiyaa keessatti namni tokkoyyuu 'turture' [dararmne]'' jedhan.
Isaan kana haa jedhan malee waggoota jahan darban keessa waraanni Kaaba Itoophiyaa lubbuu kumaatamaa galaafateera.
Naannoo Oromiyaa godinaalee adda addaa keessatti namoonni nagana haleellaa dirooniin ajjeefamuu yeroo adda addaatti dhaabbileen mirga namoomaaf falman gabaasaa turan.
Humnoonni nageenyaa mootummaa naannoo Oromiyaa keessatti `namoota WBO hidhata qabaachuun shakkaman mana hidhaatii baasuun ajjeesuu akka ture gabaasaniiru.
Waggaa jaha dura imala keenya ''yeroo dammaquu, yeroo ka'uu jennee jalqabne,'' jedhan.
Paartiin isaanii dargaggootaan kan guutame tahuu fi miseensa guddaa qabaachuus himan.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












