Tiraamp biyya ''bututtuu'' hooggantoota ''dadhaboo'' jechuun Awurooppaa qeeqe

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp hooggantoonni biyyoota Awurooppaa ''dadhaboodha'' jechuun qeeqe, deeggarsa Yukireeniif taasisu akka hir'isus hime.

Gaaffii fi deebii gaazexaa dijiitaalaa Polotico jedhamu waliin taaiseen, biyyoonni Awurooppaa ''bututan'' godaansa dhaabsisuu hin dandeenye, akkasumas waraana Yukireen fi Raashiyaa dhaabsisuuf tarkaanfii murteessaa fudhachuu hin dandeenye jedhe.

Inumaa Yukireen hanga dhumtutti akka waraana gaggeessitu duubaan jajjabeessu jechuun himate Tiraamp.

Hooggantoonni Awurooppaa tattaaffii waraana Yukireen dhaabsisuu, kan Tiraampiin durfamu, onnee guutuun hin deeggaran, inumaa adeemsa waraanni kun itti dhaabbatu karaa Tiraamp yaaderraa maqsuu fedhu.

Gama kaaniin Ministirri dhimma alaa UK Yiveet Kuuper Awurooppaan ammallee cimtuu ta'uu ibsan.

Akka fakkeenyaatti guddina gama damee ittisaan jiruu fi deeggarsa maallaqaa Yukireeniif taasisaa jiran eeran.

Qondaalli UK kun Pirezidant Tiraamp fi Pirezidant Zeleniskiin nagaa buusuuf tattaafataa jiraachuu ibsuun, garuu Pirezidant Puutin nagaa buusuu caalaa guyyuu haleellaa diroonii raawwachuurratti xiyyeeffateera jechuun himatan.

Tiraamp Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskii lafa iddoo waldhibdee ta'e Raashiyaaf dhiisuun waliigaltee nagaa buusuu akka fudhatu dhiibbaa uumaa jiru.

Erga Raashiyaan Guraandhala 2022 Yukireen weerartee waraanni kun dhaabbatee hin beeku.

Tiraamp Awurooppaa kan qeeqe erga aanga'oonni biyyoota Awurooppaa Landanitti walga'uun akkaataa waraana Yukireen dhaabsisuun danda'amurratti mari'atanii guyyaa tokko booda.

Tiraamp Awurooppaan waraana kana dhaabsisuu danda'uu irratti gaafatamuun ''ni dubbatu, garuu hin raawwatan. Haala kanaan waraanichi ittuma fufa,'' jedhan.

Dhiheenya kana aanga'oonni US dhuunfaa dhuunfaan aanga'oota Raashiyaa fi Yukireen faana dubbataa turan, garuu hanga ammaatti akkaataa waraanicha goolabuun danda'amurratti waliigalteerra hin ga'amne.

Dilbata darbe Tiraamp gufuun nageenyaa inni ijoon Zeleniskiidha jechuun himatee ture.

Raashiyaan karoora nagaa ba'e fudhachuu gaazexeessitootatti kan hime Tiraamp, garuu Zeleniskiin karooricha hin dubbisneyyuu jedhe.

Gaaffii fi deebii Politico waliin taasise keessatti aanga'oonni Yukireen bakka bu'uun marii gaggeessan karoora nagaa US jaallatanii fudhataniiru, garuu Zeleniskiin waan dubbiseyyuu miti jedhe Tiraamp.

Kanaan duras Tiraamp Yukireen akka filannoo gaggeessitu dhiibbaa uumaa ture, Zeleniskiin filannoo gaggeessuu dhiisuuf jecha waraana itti fufsiisuu akka filate ibsaa ture.

''Waa'ee dimokiraasii dubbatu, garuu amma bakka dimokiraasiin hin jirre irra ga'aniru,'' jedhe.

Yeroon turtii aangoo Zeleniskii Caamsaa 2024 obba'a ture, garuu weerara Raashiyaan Yukireen irratti labsite booda biyyattiin bulchiinsa humna waraanaa jala waan galteef filannoon Yukireen keessatti adda citeera.