Naannoon Amaaraa hidhattoota 'harkaa fi gurra muruun gocha suukanneessaa raawwatan' irratti tarkaanfii akka cimsu ibse

Mootummaan Naannoo Amaaraa humnoota hidhatanii socho'an kanneen 'Finxaaleyyii' jechuun waame ''gocha suukanneessaa dhala namaarraa hin eegamne raawwachaa jiru'' jechuun balaaleffate.
Kominikeeshiniin naanichaa ibsa Facebook isaarratti maxxanseen hidhattoonni kunneen misoomaawwan bu'uuraa faayidaa uummataaf oolan hedduu haleeluun barbadeessaniiru jedhe.
''Dhaloonni bor biyya kanaaf wabii ta'u akka hin jiraanneef sirna barnootaa gufachiisaniiru, barsiisota ajjeesaniiru, barattoota irratti boombii dhoosuun miidhaa geessisaniiru,'' jechuun hammeenya garee kanaa ibsa.
Akka ibsa kominikeeshinii naannoo Amaaraa keessatti eerametti hidhattoonni kunneen yaada kan isaa irraa adda ta'e qaama keessummeessu miti.
Inumaa qaama yaada addaa qabu rashanuun beekama jedha ibsi kun.
Naannoon Amaaraa hidhattoonni kunneen jaarsolii biyyaa fi dureewwan amantaas ajjeesaniiru jechuun himateera.
Gareen kun gocha dhala namaarraa hin eegamnee fi akkaan suukanneessaa ta'e dhala namaarratti raawwateera jedha ibsi kun.
''Haala suukanneessaa ta'een harkaa fi gurra namaa muruun gocha gara jabeenyummaa isaanii ifatti mul'isaniiru.''
Hidhattoonni kunneen qonnaan bulaan oomisha gabaatti baafatee akka hin gurguranne gufachiiseera kan jedhu ibsi naannoo Amaaraa kun, ''qonnaan bulaan galteewwan qonnaa fudhachuun oomsihasaa akka hin guddifanne, sochiin tajaajiloota oomishaalee qonnaa akka gufatu, akkasumas nama ugguruu fi gochoota kanaan walfakkaatan,'' raawwateera jedha.
Mootummaan Naannoo Amaaraa qaamolee nageenya uummataa yaaddoo keessa galchaniif araarama akka hin qabnee fi hojii olaantummaa seeraa kachiisuuf tarkaanfii cimsee akka itti fufu ibseera.
Mootummaan naannochaa humnoota hidhatanii socho'aniif waamicha gochuun hedduusaanii qabsoo karaa nagaatti deebisuu fi qaama hawaasaa gochuu ibseera.
Ammas hidhattoonni kunneen karaa nagaan akka galan waamicha dhiheesseera.
Waamicha kanarra darbuun hidhattoonni kunneen diinota Itoophiyaa fi uummata Amaaraa faana ta'uun sochii kan itti fufan yoo ta'e tarkaanfii akka cimsu ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummaan Naannoo Amaaraa ibsa isaa keessatti hidhattoota yakka suukanneessaa raawwatan jedhe kana ''Finxaaleyyii'' jedhee waame.
Haata'u malee dhiheenya kana gocha naannochi suukanneessaadha jechuun ibse kana gareen 'Faannoo' raawwachuu BBCn gabaasa isaan mirkaneesseera.
Inumaa gochi hidhattoonni haala suukanneessaan raawwatan kun viidiyoodhaan waraabamee miidiyaa hawaasummaarratti qoodamaa ture.
Viidiyoon maxxanfame yeroo hidhataan 'Faannoo' tokko harka namaa tokkoo qottoon kutu agarsiisa.
Taateen kun naannoo Amaaraa keessatti raawwate jedhame. Kaan dhuguma taatee dhugaadha yoo jedhan kaan ammoo dandeettii nam-tolcheen 'AI'n' hojjetame jechuun maxxansaa turan.
Viidiyoo kana irratti hidhattoonni lamaa fi namni harki isaa irraa muramu garuu maqaan isaa hin ibsamne mul'atu.
Hidhataan tokko meeshaa waraanaa qawwee isnaayiperii qabatee bira dhaabbata.
Hidhataan harka nama kanaa qottoon kutu uffata raayyaa ittisa biyyaa kan fakkaatu uffatee morma isaa irratti ammoo alaabaa Itoophiyaa durii kan halluu isaa [ Magariisa, Keelloo, Diimaa ] tahe hidhateera.
Hidhataan alaabaa halluu Magariisa, Keelloo Diimaa qabu mormatti marate kun harka nama irraa muramee dhagaa irra akka kaa'u godhe.
Achiin booda qottoo irra kaa'uun akkas jechuun ergaa dabarsa.
''Viidiyoon kun nama hundumaaf barumsa taha. Viidiyoo kun ni dhagahama? Amaara taatee gochaa akkasii nan hojjedha yoo jette carraa kanatu si eeggata. Namni kamiyyuu baandaa kanarraa barachuu qaba,'' jechuun dubbata.
Namni kun balleessaa maalii akka hojjete garuu hin ibsine.
BBC Verify viidiyoo miidiyaa hawwaasaa irratti qoodame kana xiinxaluun viidiyichi dhugaa tahuu mirkaneesseera. Bakki taateen kun itti mudate Kirree Maariyaam [Karra Maariyaam] jedhama.
Godina Walloo Kibbaa aanaa Warra Iluu keessatti argama.
Dabalataan hidhattoonni kunneen gurra miidhamaa kanaa tokkos irraa muraniiru.
Garuu viidiyoon kun guyyaa akkamii akka waraabame hin beekamu.
Miidhamaan hospitaala galee osoo yaalamu viidiyoon agarsiisu biraan miidiyaa hawwaasaa irratti qoodamaa ture.
Viidiyoon kun yeroo jalqabaaf miidiyaa hawwaasaa irratti kan maxxanfame Bitootessa 24 bara 2025 tahuu 'BBC Verify' adda baaseera.
Miidhamaan kaleessa jedhee dubbataa waan tureef taateen kun ji'uma sana keessa raawwachuu hin oolu.

Madda suuraa, Mengistu Amare/facebook
Hidhattoonni Faannoo kunneen dhiheenya kanas namoota sadi Goojjam Bahaatti ajjeesaniiru.
Namoonni ajjeefaman sadan shamarran yoo ta'an, Goojjam Bahaa Aanaa Dabra Eliyaas keessatti hidhattoota Faannoo naannoo sana socho'aniin ajjeefaman.
Miseensi ajaja giddugaleessaa Faannoo Amaaraa Asras Maare Daamxee dubartoonni sadan ergamtoota diinaa waan ta'aniif ajjeesuu BBCtti hime.
''Dubartoonni sadeen diinaaf basaasaa waan turaniif tarkaanfii fudhanne,'' jechuun ajjeechaa kana raawwachuu BBC'f mirkaneessan.
Aanga'oonni mootummaa Aanaa Dabra Eliyaas gamasaaniin ajjeechaan kun shamarran hojii guyyuu [hojii humnaa] hojjetan irratti raawwatamuu ibsan.
Inumaa namoota ajjeefaman keessaa tokko rakkoo dhagahuu akka qabdu ibsuun hidhattoota himataniiru.
Hoogganaan Nageenyaa fi Tikaa aanichaa Obbo Damis Allahinyi BBCtti akka himanitti, shamarran umriinsaanii waggaa 17 fi 19 gidduu ta'an kunneen Kibxata, Mudde 30, 2025 handaara magaalaa Dabra Eliyaas bakka ''Xijjaa Gooxar Magganxayaa'' jedhamutti ajjeefamanii argaman.
Hoogganaan Kominikeeshinii mootummaa aanichaa Mulaat Muniyyee reenfi shamarran kunneenii eeruu hawaasa naannoon argamuu akka danda'e ibsan.












