Hidhaataan 'maqaa Waaqaan' jechuun lammilee Siwiidin lama ajjeese

Madda suuraa, AFP VIA GETTY IMAGES
Beeljiyeem magaalaa Biraasils keessatti lammileenn Siwiidin lama rasaasaan ajjeefamani, namni tokko ammoo madaa’eera.
Abbootiin alangaa haleellaa kana akka yakka shororkeessummaatti ilaalaa jiru.
Sababa kanaan taphni Kubbaa Millaa Euro 2024 Beljiyeemiifi Siwiidin gidduutti magaalatti keessatti gaggeeffamaa ture addaan citeera.
Dubbii himaan abbaa alangaa federaalaa Beljiyeem, Eerik van Duysee, “hanga dorsisi (yaddoon) kun balleeffamutti manatti deebi’aati achi turaa,” jechuun uummata gorsanii ture.
Poolisiin Biraasilsi shakkamaa yakka kana raawwate adamsuuf sochii guddaa gaggeessaa jiran irratti nama tokko rasaasaan rukutaniiru.
Abbaan Alangaa Beljiyeem namni rasaasaan rukutame kun shakkamaa sana ta’uufi dhiisuu ammatti ifa hin taasisne.
Ministerri biyya keessa Anneliis Verlinden gama isaaniin namni rasaasaan rukkutame kun shakkamaa yakka Wiixata galgala raawwatamee ta’uu mala jechuun, gara hospitaalaatti utuu geeffamuu lubbuun isaa darbuu mala jedhaniiru.
Viidiyoo miidiyaa hawaasummaarratti maxxanfameen namichi yakkicha raawwachuu isaa ibse, ajjechaa kana kan raawwate gartuu IS (Islamic State) ilaaluun kaka’umsa argateen ta’uu ibseera.
Viidiyoo kanarratti namichi Afaan Arabaa dubbatu haleellaa kana 'maqaa Waaqaan' gaggeessuu isaa fi namoota sadii ajjeessuu isaa ibseera.
Poolisiin vidiyoo kanaa fi kan biroo maxxanfamanii jiran mirkaneessuu BBC’n odeeffateera.
Abbaan Alangaa Federaalaa akka ibseetti, halleellaa daandii Boulevard d'Ypres irrati raawwate ilaalchisee qorannoon shororkeessumma banameera.
Viidiyoon gazeexaa Het Laatste Nieuws’n Wiixata maxxanfame, garuu BBC’n hin mirkaneeffanne, yemmuu namichi tokko doqdoqqee irraa bu’uun waan qawwee fakkaartuu qabatee gamoo tokko ol seenuu agarsiisa.
Sana booda yoo xiqqaate nama tokko rasaasaan yemmu rukutu mul’ata.
Halleellaa galgala akka biyyatiitti naannaa sa’aatii 1:00tti raawwate hordofee, poolisii fi hojjetoonni yeroo hatattamaa bakkichatti argamuun, daandiilee dhiyeenyarra jiran cufaniiru.

Madda suuraa, REUTERS
Miidiyaaleen Beljiyeem akka gabaasanitti, namootni ajjeefaman lamaan uffannaa gartuu kubbaa millaa biyyaalessaa Siwiidin uffatanii turan.
Taphattoonni kubbaa miilaa Siwiidin boqonnaa booda taphicha akka itti fufuu hin feene Uefa yemmuu beeksisan gartuun Beljiyeemis kanaan waliigaluu isaanii miidiyaan Siwiidin TV6 gabaaseera.
Gartuun Swiidiin gagaarsa poolisiin gara buufata xiyyaaratti yemmu geeffamanan, deeggartoonni amma nageenya isaaniif yeroof istaadiyeemi keessa erga tursiifamanii booda poolisiin gara magaalatti isaan gaggeesseera.
Hogganaan gartuu kubbaa miillaa Siwiidiin Jannee Andersan akka jedhette, innii fi taphattoonni wa’ee haleellaa kana kan dhaga’an sa’atii boqonnatti ture.
“Akkuman ol galeen gartuu waliin haasofne, kabaja maatii fi miidhamtootaaf jecha taphachuu akka hin feene hundi keenya %100 walii galle,” jedheera.
Ministeerri Mummee Beljiyeem Aleksaandar de Kiroo miidiyaa hawaasummaa gubaatti “ Biraasils keessatti haleellaa lammilee Iswiidiin irra ga’eef gadda itti dhaga’ame mootii Iswiidishiif,” ibsaniiru.
“Yaadi keenya maatii fi hiyyootaa namoota miidhamanii waliin jira,” jedheera.
“Akka waayiloota taanetti lolli shororkeessummaa irratti gaggeessinu kan waloo ta’a.”
Pirezdaantiin Koomishinii Awuroppaa Ursulaa von der Layeen maatii miidhamtootaaf gadda ishee ibsiteetti.
“Poolisiin Beljiyeem shakkamaa kana ariitiin akka to’annoo jala oolchaniif, deeggarsakoon dhiyeessa,” jetteetti. “ Walii wajjiin, tokkummaan shorokeessummaa nilolla.”
Daawwannaa Albaaniyaarra kan turan Pireezdaantiin Faransaay, Immaanuweel Maakroon “Awurooppaan raafamteetti “ jedheera.












