Abbaan qabeenyaa Facebook Meta'n sarara interneetii addunyaa waliin gahu diriirsuuf

Karaa sararrii interneetii ittiin diriirfamu

Madda suuraa, Meta

Meta'n sarara interneetii dheerina kiloomeetira kuma 50 qabu galaana jala diriirsuudhaaf ta'u beeksiiseera.

Pirojektiin dhaabbata teknolojii guddichi Wotarworz jedhuun kan moggaasee sarara interneetii diriirsuu kan biyyoota akka US, Hindiyaa, Afriikaa Kibbaa fi Biraaziil akkasumas biyyoota kaan walitti hidhuudha.

Yoo diriirsuun sarara kanaa xumuramuutti sarara interneetii addunyaa kanaa dheeraa ta'a.

Abbaan qabeenyaa miidiyaalee hawaasaa Facebook, Instaagiraam fi WhatsApp kan ta'e Meta'n dhiibbaa addunyaa teknolojii irratti qabaatu akka miidiyaa hawaasaa caalu barbaada.

Dhaabbatichi damee gabbisa hubannoo nam-tolcheetiin dursa ta'udhaaf hojjataa jiraachu dubbateera.

Dhaabbatichi akka jedheetti, diriirsuun sarara intarneetii haaraa kan ardiwwan wal qunnamsiisuu fi kan bu'uura misooma hubannoo nam-tolchee deeggaruudha.

''Pirojektiin kun hidhata qabeenya diinagdee olaanaa uuma. kana malees, naannoolee kanneen keessatti akka guddinni teknolojii saffisuuf sababa ni ta'a'' jedha ibsi dhaabbatichi kenne.

Sarara intaneetii

Madda suuraa, Getty Images

Sararri diriirfamaa jiru 24 fibre kan interneetii saffiisaa qabudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sarararriwwan galaana jala diriirfaman kunneenis odeeffannoon addunyaa kanarratti haala saffiisaa ta'een akka wal jijjiramuuf bu'aa olaanaa qabaata.

Odeeffannoon tokko akka ibsuutti, wal jijjirraan intarneetii addunyaa kanaan kan parsantaa 95 ta'u kan raawwatamu karaa sarara galaana jalaatti argamaniitiin.

Dhaabbanni qorannii telekomunikeshinii Tele-geography jedhamu tokko akka jedheetti, yeroo ammaatti sararoota intarneetii 600 ta'aniitu galaana jalatti argama.

Isaan kanneen keessaa kan Meta'n deeggaramuu fi kan dhiyeessitoota neetiworkii Orange, Vodaphone fi mobaayilii Chaayinaa jedhaman wal qunnamsiisan sararri 2Africa jedhamu keessatti argama. Sararri kunis kilomeetira kuma 45 dheereeta.

Google bara 2024tti ibsa baaseen, sararri Afriikaa fi Awustiraaliyaa wal qunnamsiisuuf doolaara biiliyoona tokko baasuu Galaana Paasifiik jala diriirsuuf ta'u beeksiisee ture.

Sararri galaana jala diriirfamuu miidhaan irra gaha ykn ammoo kan balaaf saaxilamaniidha yaaddoon jedhu jira.

Meta'n ibsa isaatiin sararicha kan awwaalu gadi fageenya meetira kuma torbaa irratti ta'u ibsee, kana kan taasisuus akka balaan irra hin qaqabneef ta'u ibseera.