Tarkiin shakkamtoota bara haarawaa sababeeffachuun haleellaa raawwachuuf karoorsan 115 to'atte.

Madda suuraa, Getty Images
Aangawoonni Tarkii haleellaa Ayyaana Qillee (Kiristmaasii) fi bara haaraa faranjootaa irratti karoorfame fashalsuu himan. Kanaan wal qabatee shakkamtoota miseensota garee IS 100 caalan to'achuu himan.
Sakatta'iinsi jumlaa kutaalee magaalaa Istaanbul 124 keessatti raawwatamuu kan eere abbaan alangaa magaalattii, meeshaaleen waraanaa, hidhannoowwanii fi sanadoonni garee kanaa to'atamuu ibsee jira.
Aangawoonni biyyattii akka jedhanitti deeggartoonni IS Tarkii keessatti torbee kana haleellaa raawwachuuf karoorsanii turan. Keessumaa immoo hawaasa musliima hin ta'inirratti.
Poolisiin shakkamtoota 115 kan to'ate yoo ta'u, kanneen 22 ta'an immoo hordofaa jira.
Waajjirri abbaa alangaa biyyattii akka ibsetti shakkamtoonni caasaa IS kan Tarkiin ala jiru waliin hariiroo qabu.
Ibsi kun kan kenname ejensiin tikaa Tarkii hordoffii garee kanaa daangaa Afgaanistaanii fi Paakistaan irratti godhee guyyoota lama booddee dha.
Lammiin Tarkii qondaala olaanaa birkii garee kanaa ta'e tokko karoora haleellaa lammiilee nagaarratti raawwachuuf jedhame kanaan shakkamee warra to'atame keessaayi.
Caasaan tikaa Tarkii irra deddeebiin shakkamtoota garee IS waliin hidhata qaban adamsaa ture.
Tarkiin biyya Siiriyaa, kan gareen IS keessa socho'u, waliin daangaa 900km qooddatti.
Preezdaantiin Siiriyaa Ahmad al-Sharaa, harcaatota garee IS biyyattii keessaa qulqulleessuuf Ameerikaa fi Awurooppaa waliin hojjechuuf dhaadhatee ture.
Ameerikaan Jimaata darbee kaasee qabiyyeewwan garee kanaa Siiriyaa keessaa mancaasuuf haleellaa qilleensaa babal'aa raawwatte. Kun ajjeechaa gareen kun lammiilee Ameerikaa sadirratti raawwate hordofee tarkaanfii fudhatame dha.
Loltoonni Ameerikaa lamaa fi ogeessi afaan hiiku tokko hidhattoota garee IS kanneeniin akn ajjeefaman jalqaba ji'a kanaa ture.















