Itoophiyaa hanga Arjantiinaa: Tattaaffii Raashiyaan karaa miidiyaatiin warra Lixaarratti olaantummaa argachuuf taasisaa jirtu

Haviyeer Galardoon nama muuziqaa Kilaasikaalaa Televizhinii irratti darbu dhageefachuun ganamasaa jalqabuu jaalatu.

Konkolaataa guddaa oofu yaabbachuu isaatiin dura muuziqaa akkanaa dhaggeeffachuun qalbiisaa gammachiisa.

Ji'a waxabajjii, Wixata tokko ganama TV banee kan arge garuu waan ammaan dura barateen tokko hin taane. TV'n suni bakka muuziqaa inni jaalatu sanii suurawwan waraanaa dabarsaa ture.

Gabaasni innni TV sanarraa dhagahaa tures waan inni ammaan dura TV kanarratti argee hin beekne itti ta'e.

"maaltu ta'e?" jedhee ofgaafate. Daqiiqaa 20 booda TV sana cufe. Waan TV'n suni dabarsaa ture waliin waliigaluu akka dadhabe hima.

TV sana gajjallaa isaatti haalluu magariisaan kan barreefame qubee "RT" argeera.

RT'n buufata TV Raashiyaa ta'uu kan hubate erga waansaa adda baafachuuf intarneetii irraa ilaaleen booda.

Haviyeer kan jiraatu Chiilii keessa. Gabaasni TV dhaan arge kan tamsa'e buufata TV dhuunfaa 'Telekanal' jedhamurratti yoo ta'u mootummaa Raashiyaa irraa deeggarsi kan taasifamuuf 'Raashiyaa Tudeey'jedhamee kan waamamaa ture RT erga dabarsee kenneen booda ta'uun ibsameera.

Waajjirri to'annoo Biroodkaastii biyyattii seera biroodkaastii cabseera jedhee kan himate buufata Telekanal irratti adabbii kennuuf deebii buufata TV sana irraa eegaa jira.

Telekanal himata irratti dhihaateef deebii akka kennu kan gaafatameef deebii hin kennine. Kana gidduutti hordoftoonni buufatichaa haalli jiru bitaa galeera.

Haviyer yeroo sanatti 'Baayyee aareen ture' jechuun yaada isaa kenne. "homaa dursanii nun beeksisne. Kuni maalif akka ta'e naaf hin galle" jechuun waan ta'etti gadduu hime.

Waggoota sadan darbe buufatni mootummaa Raashiyaatiin deeggaramu RT fi wiirtuu oduu fi buufata Raadiyoo kan ta'e Ispuutnik walgeettii addunyaa bal'ifatanii jiru.

Yeroo ammaa kanatti Afrikaatti, Baalkaanitti, baha Giddugaleessaa, Kibba baha Eeshiyaa fi Laatiin Ameerikaatti tamsaasa isaanii dabarsaa jiru.

Adeemsi miidiyaa babal'isuu Raashiyaa kuni uggura biyyootni lixaa kaa'an waliin walqabata.

Raashiyaa erga bara 2022 guutumatti Yukireen weerarteen booda TR Ameerikaatti, Ingilizitti, Kaanaadaa fi biyyoota Gamtaa Awurooppaa hunda keessatti akka hin tamsaane uggurri irra kaa'ame.

Kampaaniiwwan teeknolojii gurguddoon RT'n waa'ee waraanichaa odeeffannoo dogogoraa tamsaasaa jira jechuun qoqqobbii irra kaa'ame.

Uggurri miidiyaa irratti taasifamu sadarkaa olaanaarra kan qaqqabe bara darbe.

Ameerikaan bara 2022 amantaa uummanni dhaabbailee biyyattii irratti qabu miidhuuf yaalaniiru jechuun qopheesituu olaantuu RT Margarita Simoniyaan dabalatee gaggeesitoota buufatichaa irra qoqqobbii keesse.

Ameerikaan tarkaanfii kana kan fudhatte Kireemiliin filannoo Pirezedaantummaa irratti giddu seentummaa taasisuuf duula qindaa'aa adeemsisaniiru himata jedhu erga dhiheessiten booda.

RT himata kana keessatti qooda qaba jedhamee kan ka'e waakkateera. Iddoowwan kaanitti garuu dhiibbaan RT babal'achaa dhufeera.

RT'n bara 2023 irraa kaasuun Aljeeriyaa keessatti waajjira banateera. Afaan Sarbiyaatiin ammoo tamasaasa TV jalqabeera. Gaazexeessitoota biyyoota Afrikaa, kibba baha Eeshiyaa, Hindi fi Chaayinaa irraa ta'an irratti kan xiyyeeffatu leenjiwwan bilisaa eegaleera.

Hindi keessattis waajjira akka banu beeksiseera. Ispuutinik ammoo Itoophiyaa keessatti kutaa oduu bane hojii jalqabsiiseera.

RT'n Buufata Televizhinii biyyaalessaa EBC waliin waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesseera.

Ji'a Onkololeessaa keessa Hogganaan RT damee Afrikaa Shiyatoslaav Shegileev yeroo EBC daawwatanii turanitti "Miidiyaan lamaan qabiyyee akka waliif qoodan waliigallerra" jedhanii ture.

Muuxannoo waliif qooduu fi leenjiin ijaarsa dandeettii RT'n kennu ammoo qaama waliigaltee sanaati. Ji'a Caamsaa keessa dhaabbileen lamaan waliigaltee waliin hojjechuuf isaan dandeessisu waliif mallatteessan.

Dhaabbata miidiyaa Mootummaa Raashiyaa kan biraa, Ispuutinik ammoo Ji'a Gurraandhalaa keessa waajjira damee Afrikaa Itoophiyaatti baneera.

Sagantaa baniinsa waajjira sanaa irratti afyaa'iin mana maree Federeeshinii Agenyehu Teshaager kan argaman yoo ta'u, gama Raashiyaatiin Afyaa'iin federeeshinii mana marii Federaalaa Raashiyaa, Valantiinaa Mativiyenkom Finfinnee dhufanii ture.

Waajjira Magaala Finfinneetti kan banate Ispuutinik, imaammata bulchiisaa isaa keessatti qabiyyee faayidaa biyyaalessa Itoophiyaa kabachiisuu jedhu kan qabate ta'uun gabaafamee ture.

Gaazexeessitoota Itoophiyaa kan qacaran miidiyaaleen Raashiyaa lamaan ji'a Waxabajjii irraa kaasuun chaanaalii Telegiraamii bananniin odeeffannoo qoodaa jiru.

Babal'achuun miidiyaalee Raashiyaa, Miidiyaaleen Lixaa bakka tokko tokkotti dadhabaa dhufuu waliin kan walqabatu.

Miidiyaaleen warra lixaa muraasni sababa bajata hir'isuutiin, imaammata alaa biyya isaanitiif dursa kennuu irratti jijjiiraa taasifameen dhaqabummaa isaanii kan hir'isan yoo ta'u, miidiyaaleen tokko tokko sochii kutaa addunyaa adda addaatti taasisaa turan adda kutaniiru.

Waggaa lamaan dura BBC'n fuulasaa gara tajaajila dijitaalatti deebisuun tamsaasa Raadiyoo Afaan Arabaa Cufeera. Eegasii garuu waa'ee lola Gaazaa fi Sudaan dhimmoota ilaalan kan gabaasu tajaajila Raadiyoo yeroo balaa tasaa jalqabeera.

Baruma walfakkaatu keessa Miidiyaan Raashiyaa, Ispuutinik Libaanos keessatti tajaajila sa'aatii 24 kennuu kan jalqabe damabalii BBC Arabiffaa irratti tamsa'aa turerratti.

Kuni kanaan osoo jiruu mootummaa Ameerikaatiin kan tumsamu tajaajilli biroodkaastii idil addunyaa sagaleen Ameerikaa (VOA) hojjettootasaa gara caalu hir'iseera.

Yunvarsiitii Istaanfoorditti qorataa saayinsii siyaasaa kan ta'an Dr. Kaatriin Istooner, "Raashiyaan akka bishaaniiti, simintoo gidduu qaawwi yoo jiraate keessa gadi seenti' jechuun haalicha ibsan.

Kun ta'us garuu gaaffiin deebii barbaadu Galmi tapha kanaa maali? kan jedhudha.

Haalli idil addunyaa yeroo jijjiiramaa jiru kanatti miidiyaaleen Raashiyaa qaxanaawwan kana keessatti humna isaanii dabalaa deemuun maal akeeka?

Daawwataan hundi "Xiinxala shiraa"tin kan machaa'e miti

Yunvarsiitii Maanchistaritti piroofeesara qorannoo dhimma Raashiyaa kan ta'an, Isteven Hachingis, biyyootni qaama biyyoota lixaa hin taane ilaalcha farra Ameerikaa qabaniin, ilaalchota faallaa warra lixaa fi farra Impeeriyaalizimii irraa kan ka'e aadaa fi ilaalcha isaanitiin akka lafa gabbataati" jedhan.

Piropogaandaan Raashiyaas Abshaalummaadhaan kan guutamedha jechuun falmu.

Qabiyyeen dhihaatu dhageefataa murtaa'eef jedhamee kan qophaa'udha. Kutaalee Addunyaa birootti garuu yeroo hedduu akkuma dhaabbata biroodkaastii imammata bulchiisa mataasaa qabuutti ilaalama.

Kuni ammoo amantaa dhageeffataa argachuuf haala mijataa uuma. Kanneen miidiyaa hordofan hundi "tolchitoota shiraa warra odeeffannoo sobaatiin salphumatti milkfaman miti" jechuun ibsu.

Yunvarsiitii Gilaasgoowutti barsiisaan qunnamtii Idil addunyaa Dr. Raayis Kirileey ammoo RT'n dhageeffataa hedduu kan qabaate ilaalcha warra lixaatiif qaburraa kan ka'eeni jedhu.

"Akka idil adunyaatti namootni haqni jal'achuun isaan yaaddessu kan hubatan gochoota Kanaan duuba harki warra Lixaa jira jedhanii yaadu" jechuun ibsu.

Waliindhaha ofeeggannoon guutame

Weebsaayitiin RT yeroo akkasumatti ilaalamu fuula oduu idilee dhiheessu fakkaata. Gabaasaalee tokko tokko sirruma dhiheessu.

Yunvarsiitii Oopinitti barsiisaa siyaasaa fi hariiroo idil adunyaa kan ta'an Dr. Pirishiyes Chaterje Dodi, "Waliindhaha baayyee of eeggannoon guutamedha" jechuun ibsu.

Dr. Pirishiyes qorattoota biroo lama waliin ta'uun kitaaba waa'ee RT ilaallatu barreessan. Qorannoo kana yeroo qoratanis ji'a caamsaa bara 2017 hanga caamsaa, 2019 gidduu waggoota lama oduuwwan RT dhaan darban hunda xinxaalaniiru.

Xiinxalli isaanii kuni dhimmoota gabaafaman filachuu fi haala ittiin gabaafaman seenessa tokko guutuuf kan kaayyefatedha jechuun jala muru.

Akka bu'aa argannoo qorattoota kanaatti, fakkeenyaaf dhimmi tasgabbii dhabuu biyyoota Awurooppaa kan gabaafamu dursi kennameefiti.

Dhimma biyya keessaa Raashiya yoo ta'e ammoo yeroo hedduu irra deddeebiin kan filatamu waa'ee shaakala waraanaa raayyaa biyyattiiti.

Bufatni TV kuni yeroon itti odeeffannoo dogogoraa tamsaases tureera. bara 2014 kan raawwate Kireemiyaa foxxoqsuu "Deebisanii walitti dabalamuu" jedhanii dhiheessuu fi achi keessatti garuu ragaalee waraanni biyyattii itti hirmaachuu mirkaneessan haaleera.

Yeroo Yukireen irratti weerarri taasifame bara 2022 kaasee yakkoota waraanaa waraanni Raashiyaa raawwatan karaa toftaadhaan guutameen haalan.

Raashiyaan akka haaraatti xiyyeeffannaashee Afrikaarra kan goote maalifi?

Yunvarsiitii Maanchistaritti piroofeesara kan ta'an Istiiv Hachingis akka jedhanitti, dhaabbileen miidiyaa Raashiyaa yeroo dhihoo aasitti babal'ina guddaa kan taasisan Afrikaatti.

Ji'a Gurraandhalaa angaa'onni Raashiyaa waajjira Ispuutinik Finfinneetti banate hojii jalqabsiisuuf Itoophiyaatti imalanii ture.

Ispuutinik dameen Afrikaa ammaan dura afaanota Ingiliffaa fi Faransaayiin tamsaasaa kan ture yoo ta'u, amma ammoo Afaan Amaaraa afaanota ittiin tajaajila kennu keessaa tokko akka ta'u godheera.

Hoji gaggeesituu Olaantuun RT akka jedhanitti, buufatichi tamsaasa afaan Faransaay gara biyyoota Afrikaa afaan Faransaay itti dubbatamuutti naannesse. Maallaqa Pirojektoota London, Paaris, Barliinii fi Ameerikaatiif ramadamee tures gara Afrikaatti naannessaa jira.

RT'n Afrikaa keessaa waajjiraalee torba akka qabu dhaabbileen sabaa himaa mootummaa Raashiyaa gabaasanii ture. Odeeffannoon kuni garuu qaama walabaatiin hin mirkanoofne.

Lammiileen Afrikaa hedduun durumarraa Raashiyaadhaaf ilaalcha gaarii qabu. Miira farra Kolonii fi Imperiyaalistii, yeroo waraana ololaatti sochii Raashiyaan bilisummaaf taasisaa turte dabalatee Lammiileen Afrikaa hedduun Raashiyaaf ilaalcha gaarii akka qabaatan godheera.

Raashiyaan xiyyeeffanaa haaraa Kanaan Afrikaa keessatti dhiibbaa warra lixaa dadhabsiisuu, tarkaanfiiwwan fudhattuuf deeggarsa argachuu fi walitti hidhamiinsa dinagdee uumuuf fayyadamti jedhan Dr. Kiriil.

Ilaalchi gaazexeessitoota Afrikaas kana waliin walirraa hin fagaatu. Gaazexeesitootni tokko tokko RT'n akkuma CNN yookan Aljeeziraa miidiyaa idil adunyaa idilee ta'edha jedhanii akka amanan BBCtti himan.

Gaazexeessaan Itoophiyaa gaaffifi deebiin taasifameef, ajjeechaa jumlaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirraalleen ragaan itti dhihaate "Oduun itti yaadamee qindaa'edha" jechuun waame. Miidiyaa hawaasummaa isaarrattis suurri fayyadamu kan Puutiini.

Gaazexeessaan Seeraaliyoon ammoo odeeffannoon sobaa fi dogogoraa balaa fiduu akka danda'u kan hubatu ta'us, miidiyaan kamuu madaala ittiin oduu filatuu fi akkaataa itti gabaasu mataasaa qaba jedhe.

Baha Giddugaleessaatii hanga Laatiin Ameerikaa

Baha Giddigaleessaa keessatti miidiyaaleen akka RT Arabiffaa fi Ispuutinik Arabiffa, kanneen miidiyaalee mootummaa Raashiyaa ta'an lola israa'eelii fi Gaazaa kan gabaasan daawwattootasaanii deeggartoota Filisxeem ta'aniifi jedhu Piroofeesar Hachiingis.

RT'n laatiin Ameerikaa dabalatee iddoowwan biroottis walgeettiisaa bal'ifachuuf yaalaa jira.

Weebsaayitiin miidiyaalee kunneenii akka mul'isutti buufataaleen lamaan biyyoota 10 qaxanicha keessa jiran keessatti tolan tamsa'aa jira.

Biyyoota kunneen keessaa Arjentiinaa, Meeksikoo fi Veenzuweelaan keessatti argamu. Kanaan alattis biyyoota 10 keessatti tamsaasa TV keebilii qabu.

RT'n Yuutuubii irraa ugguramus, ji'a eeblaa bara 2022 irraa eegaluun gara tamsaasa Viidiyootti seenaa jira.

Namni ganna 52 lammiin Arjantiinaa, Anibaal Baygooriyaa gabaasaalee RT televizhiinii irraa waraabuun Yuutuubii irratti gadhiisa.

"Boonaasayires keessatti gabaasaalee hedduun kan irratti xiyyeefatan magaalattiirratti qofa" jechuun falma. "RT'n biyyoota laatiin Ameerikaa biroo keessatti maaltu akka deemaa jiru akkasumas oduuwwan idil adunyaa dhiheessa" jechuun ibsa.

"Namni kamuu waan dhugaadha jedhee itti amane irratti murteessuu mirga qaba" jechuunis ejjennoosaa ibsa.