Loltuun humna galaanarraa US tokko Chaayinaaf basaasuun yakkamaa tahe

Doonii waraanaa galaanarraa US, USS Essex

Madda suuraa, US Justice Department

Ibsa waa'ee suuraa, USS Essex shown in government evidence against Jinchao Wei

Loltuun humna galaanarraa Ameerikaa Kaalifoorniyaa jiru tokko Chaayinaaf basaasuun himatamuun yakkamaadha jedhame.

Loltuun kun odeeffannoo icciitii waraana Ameerikaa Chaayinaatti gurgurataa turuun yakamaa jedhame.

Basaasni Chaayinaa karaa miiidyaa hawwaasaa isa qunnamuun akka amansiisee itti waliigales himameera.

Jiinkaayoo Wehi ganna 25 kan tahe, himata jahaan yakkamaa jedhame. Isaan keessaa odeeffannoo baasuu, odeeffannoo basaasaaf fayyadamuuf shira xaxuu fi seeraan ala odeeffannoo icciitii humna waraanaa galaanarraa Ameerikaa Chaayinaaf erguun isaan ittiin himatamedha.

Dhaabbata Basaasaa Chaayinaa irraa ji'oota 18 keessatti odeeffannoo dabarsee kennu kanaaf kaffaltii doolaara 12,000 argateera.

Odeeffannoo waa'ee doonii humna waraanaa US, USS Essex jedhamtuu Chaayinaaf kennuun himatame. Doonii kana irra hojjechaas ture.

Guraandhala bara 2022 dhaabbanni basaasaa Chaayinaa akka isa file,. Namni kun maqaa Paatirik Wehi jedhamuunis beekama.

Hagayya bara 2023 ammoo osoo hojiif deemuu to'annoo jala oolfame.

"Abbaan alangaa US, Adam Goordon '' gochaan yakkamaa kanaa amantaa humna waraanaa galaanarraa US itti kenname ganuu agarsiisa'' jedhan.

''Imaanaa icciitii humna waraana galaanarraa US itti kenname Chaayinaatti gurgurachuun lubbuu waayillan waliin hojjechaa balaarra buusuu qofa osoo hin taane biyya guutuu balaarra buuseera.''

Nama kutaa qorannaa keessatti mataa isaa qabatee gadi jedheeru.

Madda suuraa, US Justice Department

Ibsa waa'ee suuraa, Wei being interviewed by the FBI
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhalataan Chaayinaa lammummaa Ameerikaa qabu kun humna galaanaa Ameerikaa keessa ogeessa maashinii tahee hojjechaa ture.

Yeroo qorannoo torbaniif ture keessatti abbootiin alangaa ragaa haasaa bilbilaa, ergaawwan dadabarsaa ture fi sagalee dhaabata basaasaa Chaayinaa wlaiin walii ergaa turan isa irratti dhiyeessan.

Wehiin nama Chaayinaatii qunnamaa ture kana ''Obboleessa Guddaa Andii'' jedhee waamaa ture.

Akkasumas qaama isa hojjechiisuun kan kennameefii bilbilaa fi kompiitera haaraa fayyadamaas tureera.

Ergaan haati isaa isaaf barreessite argame akka inni basaasaa jiru agarsiisuuf akka ragaatti agarsiifameera.

''Dhalataan Chaayinaa biraa humna waraana galaanarraa US keessa hojjetu karaatti dabalaan galii argatu irratti hojjechaa jira. Kanaaf konkolaataa oofaa jira. Animmoo odeeffannooma kanan dhoksaan baasa, jedhee barreesseefi.''

Isheenis deebistee ''Hojii gaarii!'' jettee deebisteefi.

Wehiin yeroo lammummaa Ameerikaa argachuuf yaalaa ture dhaabbata basaasaa Chaayinaan kan filamee hojichatti gale.

Jalqaba namni Chaayinaa irraa isa qunname akka hojjetaa Koorporeeshinii Indaastirii Ijaarsa Doonii mootummaa Chaayinaa taheetti itti dhiyaate.

Wehiin ergasii suuraa fi viidiyoo Doonii waraana galaanarraa US, Essex jedhamtuu, dooniiwwan waraanaa US kaan eessatti akka argaman, meeshaa waraanaa doonicha irratti fe'aman fa'aa ergaafii ture.

Rakkoo doonichi qabus isaaniif himaa ture. Hidhaa isaa Mudde 1 dhufu akka jalqabu kan himame namni kun umurii isaa guutuu mana hidhaa keessatti akka dabarsu itti murameera.