Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Harargeetti sa'a marsaa afuritti jabboota 12 dhalte
Godina Harargee Bahaa aanaa Giraawwaatti saawwi tokko yeroo tokkotti jabboota shan dhaluun ajab jechiisiiste.
Saani tuni marsaa ammaa kana si'a tokkoon jabboota shan dhaluun rikardiishee fooyyessite malee ammaan duras si'a tokkoon jabboota sadii irra deddebitee dhalteerti.
Abbaan qabeenyaa dullacha tanaa fi jiraataa Ganda Jiruu Ballinaa kan tahan Obbo Adam Ahamed BBCtti akka himanitti sa'a takkittii qaban tana waggoota ja'aan dura gabaadhaa bitatan.
"Sa'a takkittuma tanan qabaayyu. Ammoo Gabumaan bite. Gaafa duraa si'uma tokkoon jabboota sadii dhalte. Itti aanee jabbii tokko. Itti aanee jabboota sadii. Marroo ammaa tanammoo si'a tokkoon jabboota shan dhalte" jedhan.
Saani tuni akka Loon kaanii si'a tokkoon jabbii tokko kan dhalte yeroo tokko qofa akka ta'e kan himan Obbo Adam, Marsaa afuritti jabboota 12 dhalte keessaa jabbootni shan du'uu fi torba ammoo amma mooraa jiraachuus dubbatu.
Jabboota miilana si'a tokkoon shan dhalte keessaa lama erga dhalatanii du'an. Sadii ammoo fayyaa gaariirra jiraachuus himan.
Saani tiyya tuni uumama addaatii kan jedhan qonnaan Bulaan Harargee kuni, sanyii dullacha kanaa gurguruulleen akka fedhii hin qabne himu.
"Saanii tuni uumama addaati. Kan yeroo takkaan jabbii shan dhalu hin jiru. Gorommiin isheen dhalte kunis isheetti bahanii akkanatti horuu malu. Kanaaf saawwa isheen dhalte gurguree hin beeku. Gurguruufilleen karoora hin qabu" jedhan.
Saawwii takkittiin lakkuu lakkuu dhaluun moonaa guutaa jirtu kuni jabboota baayisuu malee aannan argachuurratti garuu rakoodha jedhu Obbo Adam.
"saani tuni ofiifuu jabboota sadii hoosifti. Ammo aannan jabbootaafuu hin gahu maal Elmina. Silaa dullacha biraa qabaadhee aannan biraayyuu jabbootaaf dabalata kennaayu. Nuti aannan homaa irraa hin eegnu silaa jabbootuma gaheeyyuu gammanna" jedhan.
Hawaasni naannoo isaanii dhala saawwa tanaa kan ajaa'ibsiifatan akkuma jiran kaan ammoo 'Kuni Abaarsa' kan jedhanis jiru jedhu. "Saawwi ofiifuu mucha afur qabdi jabbii shan maal hoosifti kuni abaarsa" jedhu jedhan.
Saawwi addaa tuni qabeenya tiyya qofa osoo hin taane kan biyyaati waan taateef mootummaan sanyiishii tana qoratee akka baay'atan gochuu osoo deeggarsi taasifamee jechuunis Gaafatu Obbo Adam.
Aanaa Giraawwaatti Ogeessa yaala Beelladootaa kan ta'an Dr. Ziyaad mohaammad, saani Lakkuu dhalan jiraatanis si'a tokkoon lakkuu shan garuu kan baratamee miti jedhu.
"akka saayinsiin jedhutti saawwi lakkuuma dhaluunuu waan darbee darbee uumamu. Lakkuun shan ammo biyya kanatti dhagahamee waan beeku natti hin fakkaatu" jedhan.
Saawwi lakkuu dhaluun kuni qaccee (Sanyiidhaan) kan dhufu akka ta'ee fi carraan loon lakkuu dhaluun dhibbeentaa shanii gadi jedhu.
Saawwi aanaa Giraawwaatti irra deddeebiin lakkuu dhaltu kana qaamaan deemanii hordoffii taasisaa turuu fi sanyii dullacha kanaa irratti qorannoon saayinsaawaa yoo taasifamee loon baay'inaan horsiisuuf fayyaduu akka danda'us himan.