'Kan wal lolaa jirru TPLF fi Shaabiyaa waliini' -Mootummaa naannoo Amaaraa

Madda suuraa, Getty Images
"Kan wal waraanaa jirruun finxaalessaa karaa haxaawuuf waliin qofa osoo hin taane Wayyaanee fi Shaabiyaa waliinis akka ta'e uumanni beekuu qaba," jedhe Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Amaaraa.
Walitti bu'iinsi yeroo ammaa naannoo Amaaraas ta'ee Itoophiyaa guutuutti mul'atu hoggansi kan kennamuu fi loojistiksiin kan dhiyaatu Maqalee fi Asmaraarraa ta'uu ummanni keenya beekuu qaba jedhe Biiroon kun.
Ergamni garee 'baandaa fi finxaalessaa' kanaa garee Walqaayit, Tsallamtii fi Raayyaa weeraruuf hamuummate kanaaf, keessaa walitti bu'iinsa uumuun raayyaan ittisa biyyaa gara daangaa imalu godinaa fi aanaaleerratti danqamee akka turu gochuun dhorkaa malee akka iddoowwan kanneen to'atan mijeessudha jedhe.
Iddoowwan Walqaayit, Tsallamtii fi Raayyaa jedhaman bakkeewwan naannoleen Amaaraa fi Tigraay irratti wal dhabani.
"Waan kana ta'eef "lolli goonu ergitoota isaanii kan ta'an baandaa keessoo fi humna finxaalessaa waliin ta'uu baree ummanni keenya naannoo isaa dammaqinaan akka eegu," jedha.
Gama biraatiin, Saartiin Sosochii Ummata Amaaraa (ABIN) Naannoo Amaaraa keessatti sochiin adeemaa jiru humnoota kaaniin butamaa jira jechuun furmaanni siyaasaa akka barbaadamu waamicha taasiseera.
Paartichi ibsa baaseen, naannicha bakkeewwan tokko tokkootti walitti bu'iinsi hammaachuun ''irra deebiin rakkoon namoomaa'' mudataa jira jedhe.
Dhaabichi ibsa isaa kanaan bakkeewwan naannichaatti ''qaamoleen nageenyaa murtaa'an dhibuufi hojiin seera kabachiisuu laafuu isaan'' ummata naannichaa gatii guddaa kaffalchiisaa jira jechuun hime.
Koreen hojii raawwachiiftuu ABIN marii dhimma waqtawaa irratti mari'atee ibsa baase kanarratti, hidhattoota naannicha keessa sosso'an, ummata naannichaa, akkasumas mootummaa naannichaafi federaalaaf waamicha dhihesseera.
Nagaafi tasgabbiin naannicha keessa yeroo muraasaaf mul'atee ture tibbana sochii hidhannoo hammaatetti jijjiiramuu dubbate.
Sochiin hidhannoo naannicha keessatti taasifamu qabsoo ummata Amaaraa ''bu'uura dhabsiisuun sirna keessaa kan baasu'' akka ta'e paartichi ibsa baaseen hime.
Kunis, ummata naannichaa ''jaarmiyaa hogganaa yaadaa kan dhabsiisuufi mootummaa dhabeessa kan godhudha,'' jechuun dubbate.
Siyaasni walitti bu'iinsaafi waraana makate gaaffii ummata Naannoo Amaaraaf deebii hin fidu jechuunis ibse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Humnoota naannicha keessa socho'aniif jechuun ergaa dabarseen, "Sochii hidhannoo maqaa uummata Amaaraatiin godhamu kanneen harka keessa naqatan itti baay'achaa" jiraachuu hime.
Kanarraa kan ka'e sochii hidhannoo keessa humnoonni jiran"filmaata karaa nagaa fi furmaata siyaasaa" akka godhan waamicha dhiyeesse.
ABIN humnoota naannicha keessa socho'an kan jedhuun maqaadhaan hin eerre.
Ibsa isaa kanaan paartichi uumanni naannichaa "balaa yeroo ammaa itti aggaame
"uummanni keenya gaaga'ama seenaa kana keessaa bahuuf qabsoon godhu galma akka gahuuf carraaqqii walirraa hin cinne ni goona," jechuun ejjennoo isaa ibse.
ABIN mootummoonni naannoo Amaaraa fi federaalaa "gaafatama seeraa fi siyaasaa" akka bahan waamicha as dura dhiyeesseera.
Mootummoonni naannoo Amaaraa fi federaalaa dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennuu akka qaban kan gaafate paartiin kun, uummanni nagaa isaa akka tikfatu gahoomsa dhaabbileerratti hojjechuun nageenya namoomaa eegsisuun gaafatamummaa isaanii akka bahan waamicha godheera.
Nageenya naannichaa irratti "kanneen gahee qaban seenaa keessatti warra diinota keenya ta'an waliin kan hiriiranii fi ummata irratti gantummaa kan raawwatan jiru," jedhe ABIN.
Faallaa kanaa, ammoo "gaa'ela abaarsaa diinota faana godhamu kan lagatanidha" jiraachuu ibse.
Walqaayit, Tsallamtiifi Raayyaa to'achuuf kan yaade TPLF, garee finxaalessaa Naannoo Amaaraaf ergamni kenne ''keessoon walitti bu'iinsa uumuun'' raayyaa gara daangaa deemu godinaafi aanaatti ko'oommatee akka turudha jechuun himateera.
ABIN gama isaan sochiin hidhannoo naannicha keessa adeemaa jiru ''humnoota diinummaan Itoophiyaafi ummata keenyarratti qaban walitti firoomse'' kan irratti hirmaatanidha jedhe.
Humnoonni kuni garuu kam akka ta'an hin ibsine. Garuu, ''seenaamaaniyyu diinota'' jechuun farraje.
Paartichi ibsa isaan humnoonni kuni ummata Amaaraa nagaa dhowwuufi biyya diiguuf kan sosso'an akka ta'an hubanneerra jedhe.
Sochii hidhannoo ''kaayyoo dinagdeef kan fayyadama'' akka jiranis ibsa isaa keessatti himateera.












