Qorichi bobbaarraa hojjetame yaaliif hojiirra oole

Qoricha (kiniinii) harka namaarra jiru

Madda suuraa, GSTT

Hakiimonni UK bobbaa namaa cabbiidhaan qorrisiifame kan of keessatti qabate- Poo Pills kan jedhamu fayyadamuun dhibeewwan akka infekshinii baakteeriyaawwan balaafamoo dawaa dandamachuu danda'aniin dhufan wal'aanuuf yaalaa jiru.

Samuuda bobbaa namaa qorichummaaf oolu kana nama fayyummaansaa eegamerraa fudhatu.

Bobbaan haala kanaan argamu baakteeriyaawwan faayidaa kennaniin kan badhaadhaniidha.

Bu'aawwan qorannoo jalqabaa akka agarsiisanitti dawaan kun baakteeriyaawwan hamoo dawaa dandamachuu danda'an garaa keessaa qulqulleessuun baakteeriyaawwan naga-qabeessa ta'aniin bakka buusu.

Dawaan haaraan kun dhibeewwan infekshinii dawaa farra baakteeriyaa qolachuu danda'anii fi waggaatti namoota miiliyoona tokko ni ajjeesu jedhaman wal'aanuuf mala haaraa qorattoonni hojiirra oolchaniidha.

Xiyyeeffannaansaa garaa namaa keessatti ''mar'imaan wantoota faallaa baakteeriyaa dandamachuu danda'an baayyinaan of keessatti qabaterratti,'' jedha Dr Bilaayar Meerik.

Dr Bilaayar Meerik hospitaalota Gaayis fi Seent Toomaas jedhaman keessatti kiniina kanarratti yaalii taasisaa ture.

Baakteeriyaawwan hamoo ta'anii fi qoricha dandamatan iddoo jireenyasaanii kan ta'e mar'imaan keessaa ba'uun ujummoowwan qaama keenya keessatti argaman kanneen ujummoo fincaanii fi yaa'a dhiigaa keessatti infekshinii uumuun dhukkubaaf nu saaxilu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Kanaafuu 'mar'imaan keessaa balleessuu dandeenyaa?' gaaffii jedhurratti fedhii baayyeetu jira,'' jedha Dr Meerik.

Kiniiniiwwan bobbaarraa hojjetaman akka namoonni yaadan kana fagoo hin jiran.

Wal'aansa bobbaa bakka buusuu ykn jijjiiruu- trans-poo-tion jedhamu fayyadamuun karaa kaasaa gosa baakteeriyaa Clostridium difficile jedhamuun dhufu yaaluun kanaan dura eeyyama argateera jedha ogeessi fayyaa kun.

Dawaan haaraan kun ji'oota ja'an darban keessatti namoota sababa baakteeriyaa dhibeewwan infekshinii hamaaf saaxilamuun wal'aanamaa turan irratti yaalamaa ture.

Dhukkubasattoonni kunneen kiniinii bobbaa baankii bobbaaf arjoomame irraa hojjetame fudhataniiru.

Samuudi bobbaa gariin baakteeriyaawwan miidhaa geessisan of keessaa qabaachuu dhabuusaanii mirkaneessuuf ni yaalama.

Soorati daakamee hin bulloofne erga irraa adda bahee booda bifa daakuun qophaa'a, ergasii meeshaa qorrisiisu keessa kaa'ama.

Kunis kiniinii osoo rakkoon tokko isa hin mudatin garaa keessa darbee mar'imaan seenuu fi daakuu bobbaarraa qophaa'e gadhiisuun wal'aansa barbaachisaa kennuu danda'u keessa kaa'ama.

Samuudi bobbaa waan balaa uumu kan of keessaa hin qabne ta'uusaa mirkaneessuuf sirriitti qoratama

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Samuudi bobbaa waan balaa uumu kan of keessaa hin qabne ta'uusaa mirkaneessuuf sirriitti qoratama

Qorannoo bal'aa itti aanuuf bu'uura kaa'uuf jecha hospitaalota Gaayis fi Seent Toomaas jedhaman- kan Landanitti argaman keessatti dhukkubsattoota 41 irratti qorannoon dawaa kanaa taasifameera.

Ji'a tokko booda qorannoo bobbaa dhukkubsattoota dawaa bobbaarraa qophaa'e fudhatan kanarratti gaggeeffameen baakteeriyaa fayya qabeessi kennameef argameera.

Dr Meerik kiniiniin bobbaa of keessaa qabu kun mar'imaan keessatti baakteeriyaawwan dawaa dandamataniin wal morkuun akka ba'an ykn ''sadarkaa rakkoo hamaa fiduurra akka hin geenyu,'' gochuu akka danda'an dubbate.

Akka qorannoon kun agarsiisutti wal'aansa booda baakteeriyaawwan mar'imaan keessa jiraatan adda ta'u.

Kun ammoo mallattoo fayyummaa yoo ta'u ''weerara baakteeriyaawwan hamoo dawaa dandamatanii qolachuutti cimaa jiraachuu kan agarsiisu ta'uu danda'a,'' jedhe ogeessi fayyaa kun.

Jalqaba torbee darbee kana saayintistoonni, daa'imman dhalatanii sa'atiiwwan muraasa jiran keessatti baakteeriyaawwan fayyummaa qaban ykn gaarii ta'an akka argatan mul'isaniiru.

Kunis daa'imman reef dhalatanii sababa infekshinii sombaan hospitaala seenan walakkaadhaan hir'isa.