Namichi jaalalleesaa tulluu irratti dhiisee 'du'aaf saaxile' himatame

Madda suuraa, www.foto-webcam.eu
Waggaa tokko dura ture dubartiin ganna 33 tulluu Ostiriyaa isa guddaa irratti cabbooftee kan duute. Jaalalleenshee tulluu irratti ishee dhiisuun du'asheef sababa tahuun himatameera.
Adeemsi tulluu Giroosglookar yaabbachuu Kiriistiin G akka hin taane tahee qorra cimaa (hypthermia) irraan kan ka'e lubbuushee dhabde.
Gaafa Amajji 19, 2025 jaalalleenshsee fiixee tulluu bakka isheen saaxilamteefi bututtee jirtutti bubbee hamaa keessatti ishee dhiisee gargaarsa waamuu deeme jedha abbaan alangaa.
Himannaan nama kanarratti baname Ostiriyaa qofatti osoo hin taane hawaasa tulluu yaabuu jaalatan gidduutti ijoo dubbii taheera.
Namni kuni tulluu yaabbachuun muuxannoo caalu waan qabuufi, ''imala kana dura bu'uun itti gaafatamummaa fudhateera, yeroo jaalalleensaa gargaarsa barbaaddutti ishee dhiisee deeme, gargaarsas hin waamneef,'' jedha himannaan irratti baname.
Miidiyaaleen Ostiriyaa maqaan nama kanaa Toomaas P akka jedhamu kan adda baasan yoo tahu, namni kun himannaa irratti baname haaleera.
Abukaatoonsaa Kaarl Jeelineek du'a dubartii kanaa ''carraa badaa dha,'' jedhe
Hammeenyi kuni tulluu Giroosgilookar meetira 3,798 dheeratu yeroo yaabbachuu eegalan jalqabe.
Abbaan alangaa garuu Toomaas P jalqabumaa dogoggora hojjete jechuun dogoggoroota uumaman sagal tarreesseera.
Murtoon dhuunfaa fi saaxilamni balaa gaaffii itti gaafatamummaa yakkaa fideera.
Gaazexaan Ostiriyaa Der Standard jedhamu namni kuni yoo itti murtaa'e haala ''ispoortii tulluu'' jijjiira jechuun gabaase.
Himannaan abbaa alangaan irratti baname namni muuxannoo tulluu yaabuu yeroo dheeraa waan qabuuf ''imala kanaaf nama itti gaafatamummaa fudhatutti ilaalama,'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jaalalleensaa kanaan dura tulluu dheeraa, rakkisaafi ol ka'iinsa akkasii qabu yaabdee hin beektu. Inni garuu kanaan dura yaalee beeka.
Kana malees sa'atii lama boodatti hafee adeemsi kan jalqabe yoo tahu ''meeshaalee yeroo hatattamaaf gargaaran otoo hin guuttatiin adeeme,'' jedha abbaan alangaa.
''Jaalalleensaa kophee lallaafa akka keewwattu eeyyaamuun dabalataan meeshaa tulluu cabbii qabuuf hin taane yeroo qabattus homaa hin goone,'' jedha.
Abukaatoon himatamaa imala kana jaalalleesaa waliin akka karoorsan ibsa baaseen beeksiseera.
''Lamaan isaaniyyuu namoota muuxannoo gahaa qaban, sirriitti qophaa'aniifi meeshaa guuttatani ture,'' jechuun lamman isaanii gahumsa qaamaa kan qabaniifi muuxannoo gahaa horatani dha jedhe.
Abbaan alangaa yeroo ofirra galagalanii deebi'uun danda'amutti deebi'uu qaba ture. Qilleensi sa'atii tokkotti killomeetira 74 bubbisaa ture, qorri ammoo -8C ture jedhe.
Jarri ofirra hin deebine.
Waan itti aane tahe garuu adda.
Akka abukaatoon himatamaa jedhutti jaalalleewwan kunneen iddoo Fuuraahstaakspilaaz gaafa Amajji 18, 2025 sa'atii 7:30 irratti gahan.
Iddoon kuni iddoo fiixee otoo hin gahiin duubatti hin deebine tahuusaati.
Akka abukaatoo Kaarl jedhutti lamman isaaniyyuu waan ''hin dadhabneefi mudhukeef,'' adeemsa isaanii itti fufan.
Abbaan alangaa akka jedhutti jarri kuni galgala sa'atii 02:20tti danqaman garuu namichi poolisii hin waamnee, heelikooptarii sa'atii 04:50 irratti qaqqabee mataarra naanna'aa turetti mallattoo rakkoon isaan mudachuu hin agarsiisne jedhe.
Abukaatoon himatamaa ammoo sa'atii sanatti lamaan isaaniyyuu fiixee tulluutti siqaa jiraachuufi gargaarsa barbaadaa akka hin turre hima.

Madda suuraa, Bergrettung Kals
Suuraaleen weebkaamii akka agarsiisanitti yeroo isaan fiixee tulluutti ol bahaan ibsaan tirikaa mul'ata.
Kaarl akka jedhutti kana booda dubbiin akka hin taane tahe. Jaalalleen nama kanaa akka tasaa ''mallattoo akkaan dadhabuu agarsiiste,'' yeroo kanatti gara dubbaatti deebi'uuf barfatee jira. Namni kunis ''akkas taati,'' jedhee takkaa hin eegne ture jedhe maamilasaan.
Amajji 19 halkan qixxee sa'atiin 06:35 gaafa tahu poolisii tulluu waame. Qabiyyeen dubbisaa sirriitti dhagahamuu baatus, gargaarsa waamuu himuun, poolisiitti waan hundi nagaa dha jedhee himuu haaleera.
Poolisiin ammoo bilbilasaa callisarraa kaa'ee ergasii yeroo isatti bilbilamu hin kaasne jechuun himata.
Abukaatoon kuni lamaan isaanii fiixee tulluu gahuu sarara agarsiisu qaqqabuuf meetira 40 qofatu isaan hafe jedhe.
Iddoo kanatti jaalalleensaa akkaan waan dadhabdeef, ishee achitti dhiisee gargaarsa barbaacha karaa biraan tulluurraa gadi bu'uu jalqabe.
Abbaan alangaa ammoo sa'atii 08:00tti halkan ishee dhiisee bu'e jedhu.
Yeroo inni tulluurraa gad bu'u ibsaan tiriikaa isaa ni mul'ata.
Uffata qorraa aluminiyeemiirraa tolfamus tahe meeshalee biroo qorra cabbaa'aa irra ishee eeguu danda'an hin fayyadamne, hamma sa'atii 09:30 tajaajila yeroo hatattamaas hin beeksifne.
Sa'atiin kuni akkaan barfachuu dabalataan qilleensi hamaa waan jiruud heelikooptariin halkan kana deemee baraaruu hin danda'u.
Keerstiin G achuma tulluu gubbaa irratti cabbooftee lubbuun darbe
Namni kuni yoo balleessaan irratti murame hidhaa waggaa sadiin adabamuu mala.












