Hundeessaan Telegiraamii Paaveel Duroov eenyu?

Madda suuraa, AOP.Press/Corbis
Paaveel Duroov hogganaan olaanaa appi Telegiraam Faransaay keessatti to'atameera.
Qondaaltonni Faransaay akka jedhanitti ga'eessi umrii waggaa 39 kun kan to'atame ergaawwan karaa toora Telegram waliif ergamaniin walqabatee akkaataa qabiinsa iccitii dhuunfaarratti dabi raawwatameera kan jedhuun yoo ta'u, poolisiinis ajaja hidhaa irratti ba'e qabatee nama kana eeguun to'ate.
Telegiraam ibsa baaseen, ''akkaataan qabiyyee ittiin ilaalu madaala indaastirii jiruuniifi itti-fufinsaan immoo fooyya'aa jira,'' jedhe.
''Appii kana akka malee fayyadamuuf abbaa qabeenyaa gaafatamaa gochuun waan hin taane dhas,'' jedheera.
Paaveel Duroov eenyu?
Duroov dhalataa Raashiyaa nama ganna 39 biiliyeenara tahe dha.
Dhaabbata Miidiyaa hawaasaa Raashiyaa VKontakte jedhamus isatu hundeesse.
Bara 2014 Duroov mootummaan mormitoota wal-tajjii sanarra akka ugguru gaafannaan Raashiyaa gadhiisee bahe.
Waggaa tokko dura ture miidiyaa hawaasaa Telegiraam jedhamu kan hundeesse, yeroo ammaa Dubaayi lafa jiraaturraa dhaabbata kana hoggana.
Lammummaa UAE fi Faransaayi kan qabu yoo tahu Raashiyaan ammallee akka lammiisheetti akka isa fudhattu himteetti.
Akka Telegiraam jedhutti Duroov irra deddeebiin gara Awurooppaa adeema.
Gaaffii fi deebii nama miidiyaa Taakar Kaarlisan waliin taasiseen gaaffii namoonni aangoo qaban qabiyyee miidiyaa hawaasaa isaarrraa akka kaasu gaafatan akka hin fudhanne dubbateera.
''Qabiyyeen tokko gaafa sarara darbu- qajeelfama yaada ofii ibsachuufi icciitii namootaa hin eegne yoo tahe -hin fudhannu,'' jedheera.
Waa'ee Telegiraamii...
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Telegiraamiin miidiyaalee hawaasaa addunyaa guddaa jedhaman Feesbuukii Waatisappii fi Tik Tookii fa'i keessatti kan ramadamu dha.
Akka Duroov jedhutti Adoolessa darbe Telegiraamiin fayyadamtoota miiliyoona 950 gaheera.
Telegiramiin sirna inkiiripshiin jedhamu ergaan qaama isa erguufi kan isatti ergamu qofaa gidduutti hafu qaba. Haa tahu malee sirni kuni durumaa taa'ee kan dhufu otoo hin taane ''furtuu'' (setting) keessa seenamee waan sirreeffamuu qabu dha.
Garaagarummaan appiin kuni kaan kanneen akka WhastsApp waliin qabu ammoo namoota hamma 200,000 garee tokko keessatti hirmaachisuu danda'uu dha. WhatsApp'n namoota hamma 1000 qofa garee tokko keessatti qabata.
Waltajjiin Teelgiraamii kuni garee namoota hamma kanaa qabatu keessatti oduun sobaa akkaan tamsa'u danda'a komiin jedhu irratti ka'a.
Kanneen komii kaasan Telegiraamii irratti oduu shiraa, leellistoota Naazii, miidhaa saalaa ijoolleerrati gahan akkasumas qabiyyee shororkeessummaa eeru.
Qondaaloti Faransaayi qorannoo kana kan Duroov irratti adeemsisan appiin kuni dhimma daddabarsa qoricha sammuu hadoochu, haleelaa saal-qunnamtii daa'immanii fi waliin dhahuurratti sakatta'insa taasifamuuf warreen seera raawwachiisan tumsuu waan hin dandeenyeefi.
UK keessatti ji'a darbe chaanaaliiwwan hokkara Ingilaand keessatti gurmeessan eeyyamuun aappiin kuni qoratamaa jira.
Akka ogeessonni saayibarii jedhanitti appiin kuni miidiyaalee hawaasaa kaanirraa akkatti qabiyyee calalu laaffataa dha.
Telegiraamiin hariiroo miidiyaa hawaasaa tolchuuf seerota Gamtaa Awurooppaan bahan nan kabaja jedhe.
''Akka addunyaatti namoonni biiliyoonatti siqan Telegiraamii kan fayyadaman yoo tahu, madda walitti dabarsa odeeffannoo murteessaa tahe dhas,'' jedhe.
''Dhimma kanaaf furmaata hatattamaa eegaa jirra. Telegiraamiin isin hunda waliin jira,'' jedhe.
Waa'ee hidhaa hogganaa kanaa maaltu jedhame?
Hidhaa Duroov irratti odeeffannoon dabalataa qondaalota Faransaayi irraa sichi eegamaa jira.
Haa tahu malee dhimma qabiyyee miidiyaa hawaasaan wal-qabatuun abbaa qabeenyaa to'annoo jala oolchuun gochaa barame miti.
Inoon Maaski miidiya hawaasaa dhuunfatu X irratti #FreePavel(Paaveel gadhiisaa) jechuun viidiyoo Duroov kanaan dura waa'ee Iloon waan haasa'e waliin gadhiiseera.
Idiwoord Isnoowuden, kan amma Raashiyaa keessa jiraatu basaasa Ameerikaan intarneetaa fi bilbila irratti taasiftu saaxile, to'atamuun Duroov, ''mirga namoomaafi mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu irratti dhiitaa taasifame dha,'' jedhe.
''Pireezidantii Firaans Imaanu'el Maakiroon haasaa icciitii baasuuf jecha hamma nama butuu gahuunsaa nama gaddisiisaa. Faransaay qofa otoo hin taane addunyaa dha gadi qabee,'' iittin jedheera.












