Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Akka Tiraamp jedhu Afrikaa Kibbaatti warra adiirratti dhuguma "duguuggan sanyii" raawwateeraa?
Istaatistiksii yakka Afriikaa Kibbaa yeroo dhiyootti bahe, himannaan duguuggaan sanyii namoota adii irratti raawwatamaa jira jechuun dhiyaate kan kuffiisuu ta'uu ministirri poolisii biyyattii beeksisan.
Himannaan bal'inaan fashaleeffame kanas pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp Roobii darbe, gita isaanii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa waliin walgahii addaa taasisan irratti cimsanii dubbatan.
Traamp Raamaafoosaadhaan, qonnaan bultoonni adiin Afrikaa Kibbaatti ajjeefamaa fi ''ari'atamaa jiru'' jechuun dubbatan.
Guyyaa Jimaata darbe ammoo, Ministirri Poolisii Afrikaa Kibbaa Senzoo Mchunuu, baatii Amajjii hanga Bitooteessaa gidduutti namoota qonna irratti ajjeefaman jaha keessaa shan gurraacha yoo ta'u, tokko ammoo adiidha jedhan.
Afriikaa Kibbaatti irra caalaa lafa qonnaa kan qabatan namoota adii lakkoofsisaanii xiqqaa yaaddoo ''duguuggaa sanyii'' qabuu dhimmi jedhu, baayyee biratti kan bu'uura hin qabne ta'un amanamulleen, Tiraamp tibbana dhimmicha irra deebiin kaasaniiru.
Pirezidantiin Afriikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa, biyyisaanii hariiroo Ameerikaa waliin qabdu fooyyeessuuf gara Waayit Hawuusitti wayita imalan torban kana, pirezidant Tiraamp himannaa ''qonnaan bultoonni adiin Afriikaa Kibbaatti argaman ajjeefamaafi arii'atamaa jiru'' jedhu dhiyeessan.
Ministirri poolisii Afriikaa Kibbaa, istaastiksii yakka biyyattii eeruudhaan kan ajjeeffamaa jiran gurraachoota hojii qonnaa irratti hirmaatan ta'u agarsiisan.
Ministirrichi, istastiksii yakkaa baatii Onkololeessaa hanga Muddee jiru waabeffachuun, ajjeechaan 12 raawwachuufi isaan keessaa 11 gurraachoota ta'u ibsaniiru. Nama tokko qofatu adiidha jedhan.
Istaastiksiin yakka Afriikaa Kibbaa yoo sabaa adda baafamee ilaalamu ammoo kun yeroo jalqabaa yoo ta'u, ministirichi kana kan raawwatan himannaa duguggaa sanyii dhiyaataa jiru bu'uureeffataniiti.
''Seenaan ajjeechaa biyyattii keessatti lafa qonnaatti raawwataman kan yeroo hunda haala hin madaalofneen gabaafamuudha'' jedhan.
Baatii Guraandhalaa keessa abbaan seeraa biyyatti tokko, himannaan ''warra adiirra yaaddoon duguggaa sanyiitu jira jedhu qabatamaa miti, dhugaas hin qabu'' jechuun adeemsa himannaa dhaalaa tokkorratti kufaa taasisaniiru.
Raamaafoosaan gara Ameerikaa kan imalan Doonaald Tiraamp ''dhalatoota Afriikaa adii 60 ta'aniif saaxilamtoota loogii sanyii haqa qabeessa hin taaneeti'' jechuun erga koluugaltummaa kennaniin boodha.
Namoonni adii kunneenis kan jaarraa 17ffaa keessa Dach irraa gara sana imaluun qubataniidha.
Marii dureewwan lamaanii tamsaasa kallatiin darbaa tureetiin, Tiraamp himannaa warra adiirratti duguggaan sanyii raawwatamaa jira jedhu cimsachuuf viidiyoowwanii fi suuraalee agarsiisanii ture.
BBCn ragaaleen Tiraamp dhiyeessan baayyeensaanii soba ta'u mirkanneessuu danda'eera. UNtti dubbi himaann biiroo dhimmota namoomaa, yaada Tiraamp balaaleeffataniiru.
''Kun dhimmoota baayyee yaaddeessoodha. Namni duguggaan sanyii maala akka ta'erratti hubannoo gahaa hin qabaanne jecha akkasii akkuma itti dhufeetti darbachuu hin qabaatu. Keessattuu nama seenaa Afriikaa Kibbaa hubatuuf kun kan baayyee hin fudhatamneedha'' jedhan Raashiinaa Shaamaadaasiinii AFPn.
Afriikaan Kibbaa waggaa 30n dura buchiinsa cunqursaa Apaartaayidii warra adii lakkoofsa bicuu irraa bilisa baatulleen, ammalleen qonnaawwan biyyattii hedduun adii biyyattii muraasaan kan qabamaniidha.
Lakkoofsi warra adii Afriikaa Kibbaa %7 qofa yoo ta'an, lafa qonnaa biyyattii %72 to'ataniiru.
Kanaan wal qabatees, abbummaan lafaa biyyattii keessatti dhimma falmsiisaa ta'e kan ture yoo ta'u, imaammanni lafaa dhiheenya raggaasifame kun haqa kan hin qabneefi sirreeffamu akka qabu kan akeekkuudha jedhameera.
Pirezidantiin biyyatti Raamaafosaan haalawwan tokko tokkon beenyaa malee abbummaan lafaa warra adiirraa fudhachuun haala itti danda'amurratti seeraa mallatteessaniiru.
Raamaafozaan seera haaraa kanaan hanga ammaatti lafti omtuu hin warafamne jedhan illeen, seerichi ragaasiifameen guyyootaan booda Tiraamp deeggarsi biyyattiif taasifamu doolaara miiliyonotaan lakkaa'amu akka adda citu ajajaniiru.
Kana malees, Ameerikaa ambaasaadara Afriikaa Kibbaa biyyaa ari'achuudhaan muddamni ture gara wal dhabdee dippilomaasiitti guddateera.
Afriikaan Kibbaa Israa'el Filisxeemoota irratti duguggaa sanyii raawwataa jirti jechuun mana murtii idil-addunyaarratti kan himatte yoo ta'u, dhimmi kunis Ameerikaa kan meeshaa waraanaatiin Israa'el deeggaraa jirtus dalansiiseera.