Somaaliyaatti haleellaa al-Shabaab raawwateen yoo xiqqaate namoonni 20 lubbuu dhaban

Madda suuraa, AFP
Somaaliyaa bulchiinsa Hiiraanitti haleellaa al-Shabaab raawwateen ijoollee fi dubartoota dabalatee yoo xiqqaate namoonni 20 yoo ajjeefaman konkolaataan gargaarsa nyaataa immoo barbadaa’eera.
‘’Konkolaataa namoonni keessa turanitti boombii kaa’anii dhoosan,’’ jedhan bulchaan naannichaa.
Gareen al-shabaab haleellaansaa kan qiyyaafate loltuu mootummaa gareesaa waraanu irratti akka ture himeera.
Somaaliyaan hongee waggaa kudhan keessatti argitee hin beekneen rakkachaa jirti jedhu ogeessonni.
Gareen al-shabaab mootummaa gidduugalaa biyyattii garagalchuuf barbaaduunis akkasuma guddachaa jira.
Gareen al-Qaayidaa waliin hidhata qabu kuni kibbaa fi kibba baha Somaaliyaa kan to’atu yoo tahu naannolee mootummaa teessoosaa Moqaadishuu godhateen bulan irrattis dhiibbaa geessisuu itti fufee jira.
Torbee lama dura loltoonni garee kanaa magaala guddoo biyaattiitti hoteela haleeluun namoota 20 ajjeesaniiru.
Bulchaan Hiiraan, Alii Jeeytee Osmaan, haleellaa Jimaata raawwateen lakkoofsi namoota ajjeefamanii gara 27tti guddachuu mala jedhan.
‘’Yeroo haleellaan jalqabu namni gariin baqachaa ture. Reeffi namootaa ammallee funaanamaa jira,’’ jedhan.
Bulchaan kuni gareen kuni uummata nagaa wajjin lolatti jiraachuu himuun, gandoota ibiddaan gubaafi boolla bishaanii balleessaa turan jechuun himatu.
Hogganaan hawaasaa naannichaa Mohaammad Abdiraahimaan, haleellichi sukaneessaa tahuu ibsuun gochaan akkanaa kana dura naannoo isaanitti raawwatee akka hin beekne himan.
‘’Namoota nagaa homaa hin goonetu saaxilame,’’ jechuu isaani AFP’n gabaaseera.
Pireezidantiin Somaaliyaa Hassan Seheeyik Mohaammuud, ‘’shororkeessummaa loluudhaaf dhagaan hin garagalchine akka hin jirre,’’ kakataniiru.
Al-shebaab konkolaataawwan haleelaman gargaarsa nyaataa loltoota mootummaa isaaniin lolaniif kennamu fe’anii turan jedhe.
Hongeen walitti fufaan Gaanfa Afrikaa namoota kumaan lakkaa’aman qe’eerraa buqqisaa kan jiru yoo tahu, UN kan caalu dhufuu mala jechuun akeekkachiiseera.












