Biyyoota meeqatu adabbii du'aa hojiirra oolchaa jira? Namoota meeqatu ajjeefame?

Sadarkaa addunyaatti baayyiinni lakkoofsa namoota addabbii du'aatiin ajjeeffaman dabalaa jira, haata'u malee biyyoonni baayyeen ammoo adabbii du'aa haqaa jiru.

Lammiin Ameerikaa himata ajjeechaan duuti itti murtaa’e tokko gaazii naayitiroojiiniitti fayyadamuun adabbiin du’aa yoo irratti raawwatamu addunyaarratti nama jalqabaa ta’e.

Akkasumas namtichi Jaappaan kan ibiddaa du’a namoota 36f sababa tahe duuti itti murtaa’e akka fanniifamee ajjeeffamu itti murtaa’eera.

Biyyoonni baayyeen adabbii du’aa haqan illeen lakkoofsi namoota du’aan adabamaa jiranii addunyaarratti dabalaa jira.

Biyyoota meeqatuu adabbii du’aa hojiirra olchaa jira?

Haala odeeffannoo dhaabbata mit-mootummaa mirgaa dhala namaaf falmu Amanastii Intarnaashinaal jedhamu bara 2022 keessa walitti qabeetti:

  • Biyyoonni 55 addabbii du’aa hojiirra oolchu
  • Isaan keessaa biyyoonni sagal ammoo addabbii du’aa yakka cimaa kan akka ajjeechaa hedduu ykn yakka waraanaa fa’i qofaaf hojiirra oolchu.
  • Biyyoonni 23 addabbii du’aa qabu garuu waggoota 10 darbanif hin fayyadamne.

Waggaatti namoota meeqatu du'aan adabama?

Odeeffannoon Amanastii Intarnaashinaal kunis ragaa qabatamaa namoota duuti itti murtaa’e, gabaasaalee midiyaa fi bakka bu’oota irraa argame kan hammatudha.

Chaayinaan addabbii du’aa raawwattee ilaalchifte odeeffannoo gadi hin lakkiiftu.

Chaayinaadhaan alatti, Amanastii Intarnaashinaal bara 2022 keessa addunyaarratti adabbiin du’aa 883 hojiirra oolfamuu gabaaseera.

Kunis kan bara 2021'tti galmaa’e ajjeechaa namoota 579 irra %53n caalamaa kan qabu yoo ta’u, bara 2017 asitti adabbii du’aa isa olaanaadha.

Haata’u malee, adabbii du’aa bara 1988, 1989 ykn 2015 keessatti namooti du’aan adabaman 1,500 caalaadha.

Amanastii Intarnaashinaal akka jedheetti, bara 2022 keessa yoo xinnaatee adabbiin du’aa 2,016 biyyoota 52n keessatti himatamtoota irratti murtaa’eera.

Bara 2021 keessa ammoo, biyyoonni 56 yoo xinnaate murtee du’aa 2,052 dabarsaniiru.

Sirreeffamtoonni hedduun osoo duuti itti murtaa’e irratti hin raawwatiin waggootaaf ykn waggaa kurnaan lakkaa’amaniif eeggataa turu.

Biyya kamiituu caalaa adabbii du’aa hojiirra oolcha?

Bara 2022 keessa biyyoonni 20 ta’an addabbii du’aa kan hojiirra oolchan yoo ta’u, bara 2021 keessa ammo biyyoota 18 qofatu addabbii du’aa raawwate.

Amanastiin Intarnaashinaal Chaayinaan biyya kamuu caalaa addabbii du’aa hojiirra akka oolchiitu amana. Waggaadhaan namoota kumaatama akka du’aan adabdu kan yaadamu yoo ta’u, garuu kun mirkanneeffachuun hin danda’amu.

Chaayinaandhaan alattis, biyyoonni baayyinaan adabbii du’aa raawwataa jiran Iraan, Saa’udi Arabiyaa, Masrii fi Ameerikaadhaa.

Biyyoota garaa garaatti addabbiin du’aa attamiin raawwatama?

Amanastii Intarnaashinaal biyyoota addunyaa 11 walitti fufiinsaan bara hunda adabbii du’aa hojiirra oolchan adda baaseera.

Kunis Chaayinaa, Masrii, Iraan, Iraaqi, Saa’udi Arabiyaa, Ameeriikaa, Veetinaam fi Yeeman fa’i hammata.

Akkasumas Kooriyaan Kaabaa akka ‘‘addabbii du’aa walitti fufiinsaan raawwachuu dandeessu amana,'' garuu kana haala walaba ta’een mirkaneeffachuun hin danda’amne.

Saa’udi Arabiyaan bara 2022 keessa adabbiin du’aa raawwattee kan waggoota 30 darban caalaadha.

Biyyoonni shan:- Baahireen, Komooros, Laa’os, Niijar fi Kooriyaan Kibbaan bara 2022 keessa namoota du’a itti murteessaniiru. Garuu waggaa torbaaf adabbii du’aa kana hojiirra hin oolchine.

Haata’u malee, Ameerikaatti erga bara 1999 as adabbiin du’aa gadi bu’eera.

Badii qoricha sammuu hadoochootiif namoota meeqatu ajjeeffame?

Akka Amanastii Intarnaashinaal jedhuutti, bara 2022 keessa addunyaarratti badii qoricha sammuu hadoochuun wal qabateen namoonni 325 ajjeeffamaniiru. Kunis kan hammatu:

  • Iraan keessatti 255
  • Saa’udi Arabiyaa keessatti 57
  • Siingaapoor keessatti 11

Bara 2023 keessatti, waggoota gara 20’f dubartii jalqabaa du’aan adabde. Saariidewi Djaamaan bara 2018 keessa qoricha sammuu hadoochu fi heroyin jedhamu daddabarsuun himatamte duuti itti murtaa’e.

Biyyoota meeqatuu adabbii du’aa haqe?

Kan bara 1991 keessa biyyoota 48 qofaa ture amma biyyoota 112 gonkumaa adabbii du’aa hojiirra hin oolfamu.

Biyyoonni jaha ammoo bara 2022 keessa gutummaa ykn wallakkaadhaan adabbii du’aa haqaniiru.

Biyyoonni afur; Kaazaakistaan, Paappuwaa Niiw Giinii, Seraaliyoon fi Riipabliika Jidduugala Afriikaa gutummaan haqaniiru.

Ikaatoriyaal Giinii fi Zaamibiyaan ammoo yakka baayyee cimaa qofaaf fayyadamna jedhan.

Ebla 2023 keessa, paarlaamaan Maaleezyiyaa ajjeechaafi shororkeessummaa dabalatee yakkoota cimoo 11’f adabbii du’aa kaasuuf sagalee kenne.

Paarlaamaan Gaanaas akkasuma Adoleessa 2023 keessa adabbii du’aa walakkaan kaasuuf sagalee kenne.

Biyyoonni addunyaa adabbii du’aa attamiin raawwatu?

Saa’udi Arabiyaan bara 2022 keessa adabbii du’aa hojiirra oolchuuf morma muruudhaan biyya tokkittii raawwachuun galmoofte turte.

Malli gara biraa kan akka fannisuu, lilmoo waraanudhaan ajjeessuufi itti dhukaasuutu jira.

Bulchiinsi Ameerikaa Alaabaamaan nama yakka ajjeechaatiin duutii itti murtaa’e Keeneet Ismiiz akka gaazii Naayitiroojiin ajjeeffamu itti murteessite.

Mala kanaan yakkamaan yoo ajjeeffamu kun kan jalqabaati. Abbookaatoowwan isaa garuu mala hin yaalamneefi addabbii ‘‘gara jabiinaafi kan hin baramne’’ jechuun morman.

Alaabaamaa fi bulchiinsoti Ameerikaa gara biraa lama sababii qoricha lilmoon waraanuun ajjefamuun argachuun yeroo baayyee rakkisaa ta’ef naayitiroojiiniin adabbii du’aa raawwachuuf mirkanneessan.